< Faarfannaa 150 >

1 Haalleluuyaa. Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa. 2 Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa; guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa. 3 Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa; baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa; 4 dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa; miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa. 5 Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa; kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa. 6 Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.

< Faarfannaa 150 >