< Faarfannaa 145 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha. 2 Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa. 3 Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu. 4 Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima; hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa. 5 Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu; anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada. 6 Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu; anis guddina kee nan labsa. 7 Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu; waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu. 8 Waaqayyo arjaa fi gara laafessa; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha. 9 Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha; inni waan uume hundaaf garaa ni laafa. 10 Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata; qulqulloonni kees si leellisu. 11 Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu; waaʼee humna keetiis ni dubbatu; 12 kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa, surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif. 13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha. 14 Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba; warra gad qabaman hundas ni kaasa. 15 Iji nama hundaa si eeggata; atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita. 16 Ati harka kee balʼiftee fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta. 17 Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha. 18 Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha. 19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta; kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha. 20 Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega; jalʼoota hunda garuu ni balleessa. 21 Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata. Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.

< Faarfannaa 145 >