< Faarfannaa 138 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; fuula “waaqotaa” durattis galata kee nan faarfadha. 2 Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef, ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee, maqaa kee nan leellisa. 3 Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite; irree keetiinis na jabeessite. 4 Yaa Waaqayyo, mootonni lafaa hundinuu, yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan. 5 Ulfinni Waaqayyoo, guddaadhaatii, isaan waaʼee karaa Waaqayyoo haa faarfatan. 6 Waaqayyo yoo ol fagoo jiraate iyyuu, nama gad qabame ni ilaala; nama of tuulu immoo fagootti beeka. 7 Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu, ati lubbuu koo ni eegda; aarii diina kootti harka kee ni diriirsita; harka kee mirgaatiinis na oolchita. 8 Waaqayyo kaayyoo isaa fiixaan naa baasa; yaa Waaqayyo, jaalalli kee bara baraan jiraata; hojii harka keetii hin gatin.

< Faarfannaa 138 >