< Faarfannaa 136 >

1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii. 2 Waaqa waaqotaatiif galata galchaa. 3 Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa: 4 inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta; 5 inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume; 6 inni bishaanota irratti lafa diriirse; 7 inni ifa gurguddaa hojjete; 8 inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe; 9 inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe; 10 inni hangafa Gibxi dhaʼe; 11 inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase; 12 harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase; 13 inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode; 14 inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse; 15 Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe; 16 inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse; 17 inni mootota gurguddaa dhaʼe; 18 inni mootota jajjaboo fixe; 19 inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese; 20 inni Oogi mootii Baashaan ajjeese; 21 inni biyya isaanii dhaala godhee kenne; 22 dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne; 23 Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate; 24 inni harka diinota keenyaatii nu baase, 25 inni uumama hundaaf soora kenna; 26 Waaqa samiitiif galata galchaa.

< Faarfannaa 136 >