< Faarfannaa 132 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, Daawitii fi rakkina inni obse hundumaa yaadadhu. 2 Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege: 3 “Ani mana koo ol hin seenu; yookaan siree kootti ol hin baʼu. 4 Ani ija kootiif hirriba, baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu; 5 kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti, Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.” 6 Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye; Yaaʼaarittis isa arganne: 7 “Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa; ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa. 8 ‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa. 9 Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan; qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’” 10 Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii, dibamaa kee hin gatin. 11 Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera; inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu: “Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa; 12 yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan, ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.” 13 Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii; akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera: 14 “Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti; kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha. 15 Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa. 16 Luboota isheetti fayyina nan uffisa; qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu. 17 “Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha; dibamaa koofis ibsaa qopheesseera. 18 Diinota isaatti qaanii nan uffisa; gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”

< Faarfannaa 132 >