< Faarfannaa 130 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha; 2 yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi. Gurri kees sagalee waammata koo xiyyeeffatee haa dhagaʼu. 3 Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee, yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa? 4 Garuu dhiifamni si bira jira; kanaaf ati ni sodaatamta. 5 Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti; dubbii isaas nan abdadha. 6 Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa, dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa lubbuun koo Gooftaa eeggatti. 7 Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu; Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne, furiin guutuunis ni jiraatii. 8 Inni mataan isaa cubbuu isaanii hundumaa irraa Israaʼelin ni fura.

< Faarfannaa 130 >