< Faarfannaa 125 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Warri Waaqayyoon amanatan akka Tulluu Xiyoon kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti. 2 Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana, Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, saba isaa ni marsa. 3 Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuuf harka isaanii ol hin diriirfanneef, bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaaf ixaadhaan qoodame irra hin jiraatu. 4 Yaa Waaqayyo, warra gaariif, warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi. 5 Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu, Waaqayyo akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa. Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

< Faarfannaa 125 >