< Faarfannaa 120 >

1 Faarfannaa Ol baʼuu. Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha; innis deebii naa kenna. 2 Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi. 3 Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama? Kana caalaas maal godhamta? 4 Inni xiyya loltootaa kan qarameen, barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba. 5 Ani waanan Meshek keessa taaʼee dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo! 6 Warra nagaa jibban gidduu, ani yeroo dheeraa jiraadheera. 7 Ani nama nagaa barbaadu dha; isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan.

< Faarfannaa 120 >