< Faarfannaa 12 >

1 Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar; ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii. 2 Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata; isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu. 3 Waaqayyo afaan nama saadu hunda, arraba of tuulu hundas haa kukkutu; 4 isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona; hidhiin keenyas keenyuma; eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu. 5 Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif, sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa. Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha. 6 Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee yeroo torba qulqulleeffamee ti. 7 Yaa Waaqayyo ati nu eegda; dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita. 8 Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.

< Faarfannaa 12 >