< Faarfannaa 119 >

1 Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne, kanneen akka seera Waaqayyootti jiraattan eebbifamoo dha.
Happy they whose life is blameless, who walk by the law of the Lord.
2 Warri ajajawwan isaa eegan, kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.
Happy they who keep his charges, and seek him with all their hearts;
3 Isaan balleessaa hin hojjetan; karaa isaa irras ni deemu.
who have done no wrong, but walk in his ways.
4 Akka Seerri kee amanamummaadhaan eegamuuf ati ajajjeerta.
You yourself have appointed your precepts to be kept with diligence.
5 Akka ani ajaja kee eeguuf utuu karaan koo naa qajeelee jiraatee!
O to be steadily guided in the keeping of your statutes!
6 Ani utuun ajajawwan kee hunda xiyyeeffadhee ilaalee silaa hin qaanaʼun ture.
Then unashamed shall I be, when I look towards all your commandments.
7 Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti, garaa tolaadhaan sin galateeffadha.
I will thank you with heart unfeigned, when I learn your righteous judgments.
8 Ani sirna keetiif nan bula; ati gonkumaa na hin dhiisin.
I will observe your statutes: O forsake me not utterly.
9 Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa? Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
How can a young person keep their life pure? By giving heed to your word.
10 Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada; akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
With all my heart have I sought you, let me not stray from your commandments.
11 Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
In my heart have I treasured your word, to keep from sinning against you.
12 Yaa Waaqayyo, galanni siif haa taʼu; sirna kee na barsiisi.
Blessed are you, O Lord; teach me your statutes.
13 Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa, afaan kootiin nan dubbadha.
With my lips have I rehearsed all the judgments of your mouth.
14 Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu, ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.
I delight in the way of your charges, more than in riches of all sorts.
15 Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada; karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.
I will muse upon your precepts, and look to your paths.
16 Ani sirna keetti nan gammada; dubbii kees hin dagadhu.
In your statutes I delight, I will not forget your word.
17 Akka ani jiraadhuu fi dubbii kee eeguuf, garbicha keetiif waan gaarii godhi.
Grant that your servant may live, and I will observe your word.
18 Akka ani seera kee keessatti waan dinqisiisaa arguuf, ija koo naa bani.
Open my eyes, that I see wondrous things out of your law.
19 Ani lafa irratti keessummaa dha; ajajawwan kee na duraa hin dhoksin.
But a guest am I on the earth: hide not your commandments from me.
20 Lubbuun koo yeroo hunda seera kee hawwuudhaan, laafaa jirti.
My heart is crushed with longing for your ordinances, at all times.
21 Ati of tuultota warra abaaramoo, kanneen ajajawwan kee irraa jalʼatan ni ifatta.
You rebuke the proud, the accursed, who wander from your commandments.
22 Waan ani seera kee eeguuf, arrabsoo fi tuffii isaanii narraa fageessi.
Roll away from me scorn and contempt, for I have observed your charges.
23 Bulchitoonni walii wajjin taaʼanii yoo maqaa na balleessan iyyuu, tajaajilaan kee irra deddeebiʼee labsii kee ni yaada.
Though princes sit plotting against me, your servant will muse on your statutes.
24 Ajajni kee gammachuu koo ti; gorsituu kootis.
Your charges are my delight, they are my counsellors.
25 Lubbuun koo biyyootti maxxante; ati akkuma dubbii keetiitti na oolchi.
I lie grovelling in the dust; revive me, as you have promised.
26 Yeroo ani waaʼee karaa koo sitti himetti, ati deebii naa kennite; sirna kees na barsiisi.
I told of my ways, you made answer; teach me your statutes.
27 Barsiisa seera keetii na hubachiisi; anis irra deddeebiʼee dinqii kee nan yaada.
Grant me insight into your precepts, and I will muse on your wonders.
28 Lubbuun koo gaddaan laafteerti; ati akkuma dubbii keetiitti na jabeessi.
I am overcome with sorrow; raise me up, as you have promised.
29 Karaa sobaa irraa na fageessi; arjumaadhaanis seera kee na barsiisi.
Put the way of falsehood from me, and graciously grant me your law.
30 Ani karaa dhugaa filadheera; seera kees of dura kaaʼadheera.
I have chosen the way of fidelity, your ordinances I long for.
31 Yaa Waaqayyo, ani ajaja kee jabeessee qabadheera; ati na hin qaanessin.
I hold fast to your charges: O put me not, Lord, to shame.
32 Sababii ati hubannaa koo naa balʼifteef ani daandii ajajawwan keetii irra nan fiiga.
I will run in the way of your commandments, for you give me room of heart.
33 Yaa Waaqayyo, akka ani sirna kee duukaa buʼu na barsiisi; anis hamma dhumaatti isa nan eega.
Teach me, O Lord, the way of your statutes, and I will keep it to the end,
34 Akka ani seera kee eegee garaa koo guutuun isaaf ajajamuuf hubannaa naa kenni.
instruct me to keep your law, and I will observe it with all my heart.
35 Daandii ajajawwan keetii irra na deemsisi; anis achitti gammachuu nan argadhaatii.
Guide me in the path of your commandments, for therein do I delight.
36 Garaa koo gara ofittummaadhaan faayidaa argachuutti utuu hin taʼin, gara sirna keetiitti naa deebisi.
Incline my heart to your charges, and not to greed of gain.
37 Ija koo waan faayidaa hin qabne irraa deebisi; akkuma dubbii keetiittis na jiraachisi.
Turn away my eyes from vain sights, revive me by your word.
38 Ati akka sodaatamtuuf, waadaa kee garbicha keetiif guuti.
Confirm to your servant the promise which is given to those who fear you.
39 Salphina ani sodaadhu narraa fageessi; seerri kee gaariidhaatii.
Remove the reproach which I dread, because your judgments are good.
40 Kunoo, ani sirna kee nan hawwa; qajeelummaa keetiin na jiraachisi.
Behold, I long for your precepts. Quicken me in your righteousness.
41 Yaa Waaqayyo, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun, fayyisuun kees akkuma dubbii keetiitti gara koo haa dhufu;
Visit me, Lord, with your love and salvation, as you have promised.
42 yoos ani sababii dubbii kee amanadhuuf, warra na arrabsaniif deebii kenna.
So shall I answer my slanderers, for my trust is in your word.
43 Waan ani seera kee abdadheef, ati dubbii dhugaa afaan koo keessaa hin balleessin.
Snatch not from my mouth the word of truth, for in your judgments I hope.
44 Bara baraa hamma bara baraatti, ani yeroo hunda seera kee nan eega.
I will keep your law continually, for ever and evermore.
45 Ani ajaja kee waanan barbaaduuf, bilisummaadhaan nan deddeebiʼa.
So shall I walk in wide spaces, for I give my mind to your precepts.
46 Ani waaʼee ajaja keetii mootota duratti nan dubbadha; hin qaaneffamus;
I will speak of your charge before kings, and will not be ashamed thereof.
47 waan ani ajajawwan kee jaalladhuuf, isaanitti nan gammada.
Your commandments are my delight, I love them exceedingly.
48 Ani gara ajajawwan kee kanneen ani jaalladhu sanaatti harka koo ol nan fudhadha; labsii kees irra deddeebiʼee nan yaada.
I will lift up my hands to your commandments, and muse upon your statutes.
49 Waadaa tajaajilaa keetiif seente sana yaadadhu; ati isumaan abdii naa kenniteertaatii.
Remember your word to your servant, on which you have made me to hope.
50 Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana: Waadaan kee na jiraachisa.
This is my comfort in trouble, that your word gives life to me.
51 Of tuultonni akkuma barbaadanitti natti qoosu; ani garuu seera kee irraa hin jalʼadhu.
The arrogant utterly scorn me, but I have not declined from your law.
52 Yaa Waaqayyo, ani seera kee durii sana nan yaadadha; isa keessattis jajjabina nan argadha.
When I think of your judgments of old, O Lord, I take to me comfort.
53 Sababii hamoota warra seera kee dhiisaniitiif, aariin na gugguba.
I am seized with glowing anger at the wicked who forsake your law.
54 Iddoo keessummummaa koo hundatti seerri kee faarfannaa koo ti.
Your statutes have been to me songs in the house of my pilgrimage.
55 Yaa Waaqayyo, ani halkan keessa maqaa kee nan yaadadha; seera kees nan eega.
I remember your name in the night, O Lord and observe your law.
56 Waan ani ajaja kee eegeef, kun naaf taʼeera.
My lot has been this, that I have kept your precepts.
57 Yaa Waaqayyo, ati qooda koo ti; anis dubbii keetiif ajajamuuf waadaa galeera.
My portion are you, O Lord: I have promised to keep your words.
58 Ani garaa koo guutuun fuula kee barbaaddadheera; ati akkuma waadaa keetiitti naa araarami.
I entreat you with all my heart; grant me your promised favour.
59 Ani karaa koo itti deddeebiʼee yaadeera; tarkaanfii koo gara sirna keetiitti deebiseera.
I have thought upon my ways, and turned my feet to your charges.
60 Ani ajajawwan kee eeguuf, nan ariifadha; hin barfadhus.
I hasted and tarried not to give heed to your commandments.
61 Hamoonni yoo funyoodhaan na hidhan iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
Though the godless have wound their cords round me, I have not forgotten your law.
62 Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, ani si galateeffachuuf jedhee halkan walakkaa nan kaʼa.
At midnight I rise to praise you because of your righteous judgments.
63 Ani warra si sodaatan hundaaf, warra ajaja kee eegan hundaafis michuu dha.
With all those who fear you I company, aid with those who observe your precepts.
64 Yaa Waaqayyo, lafti jaalala keetiin guutamteerti; sirna kee na barsiisi.
The earth, Lord, is full of your kindness; teach me your Statutes.
65 Yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti, tajaajilaa keetiif waan gaarii gooteerta.
Well have you dealt with your servant, as you have promised, O Lord.
66 Murtii gaarii fi beekumsa na barsiisi; ani ajajawwan keetti nan amanaatii.
Teach me discretion and knowledge, for I have believed your commandments.
67 Ani utuun hin rakkatin karaa irraa badee ture; amma garuu dubbii kee nan eega.
Till trouble came I was a wanderer, but now I observe your word.
68 Ati gaarii dha; wanni ati hojjettus gaarii dha; sirna kee na barsiisi.
You are good and do good; teach me your statutes.
69 Of tuultonni yoo sobaan maqaa na balleessan iyyuu, ani garaa koo guutuudhaan seera kee nan eega.
The proud have forged lies against me, but I keep your precepts with all my heart.
70 Onneen isaanii mooraan haguugamteerti; ani garuu seera keetti nan gammada.
Their heart is gross like fat, but I delight in your law.
71 Akka ani sirna kee baradhuuf, rakkachuun koo anaaf gaarii ture.
It was good for me to be humbled, that I should learn your statutes.
72 Meetii fi warqee kumaatama irra, seeri afaan keetii baʼu anaaf gaariidha.
The law of your mouth is better to me than thousands of pieces of silver and gold.
73 Harki kee na uume; na tolches; akka ani ajaja kee baradhuuf ati hubannaa naa kenni.
Your hands have made me and fashioned me; make me wise to learn your commandments.
74 Sababii ani dubbii kee abdadheef, warri si sodaatan yommuu na arganitti haa gammadan.
Those who fear you shall see me with joy, for in your word have I hoped.
75 Yaa Waaqayyo, ani akka murtiin kee qajeelaa taʼe, akka atis amanamummaadhaan na dhiphiste beeka.
I know, O Lord, that your judgments are right, and in faithfulness you have afflicted me.
76 Akkuma ati tajaajilaa keetiif waadaa galte sanatti, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun na haa jajjabeessu.
Let your love be a comfort to me, for so have you promised your servant.
77 Akka ani lubbuun jiraadhuuf gara laafinni kee gara koo haa dhufu; seerri kee gammachuu kootii.
Visit me with your quickening pity, for your law is my delight.
78 Of tuultonni waan sababii malee na yakkaniif haa qaanaʼan; ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
Put the proud to shame, who have wronged me falsely: I will muse on your precepts.
79 Warri si sodaatan, kanneen seera kee hubatan gara kootti haa deebiʼan.
Let those turn to me who fear you, that they may learn your charges.
80 Akka ani hin qaanofneef garaan koo seera kee duratti hanqina hin qabaatin.
Let my heart be sound in your statutes, that I may not be put to shame.
81 Lubbuun koo fayyisuu kee hawwuudhaan gaggabdi; ani garuu dubbii kee nan abdadha.
My long for you to rescue me, I put my hope in your word.
82 Iji koo waadaa kee eeggachuudhaan dadhabe; anis, “Ati yoom na jajjabeessita?” nan jedha.
My eyes pine away for your promise: saying, ‘When will you comfort me?’
83 Qalqalloo wayinii kan aara keessa ture fakkaadhus ani ajaja kee hin irraanfadhu.
Though shrivelled like wine-skin in smoke, your statutes I have not forgotten.
84 Tajaajilaan kee hamma yoomiitti obsuu qaba? Ati warra na ariʼatanitti yoom murta?
How few are the days of your servant! When will you judge those who harass me?
85 Of tuultonni warri akka seera keetiitti hin bulle, boolla naa qotaniiru.
Proud people have dug for me pits people who do not conform to your law.
86 Ajajawwan kee hundinuu amanamoo dha; namoonni sababii malee waan na ariʼataniif ati na gargaari.
All your commandments are trusty. With falsehood they harass me: help me.
87 Isaan lafa irraa na balleessuu gaʼanii turan; ani garuu sirna kee hin dhiifne.
They had nearly made an end of me, yet I did not forget your precepts.
88 Ati akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari; anis seera afaan keetii baʼu nan eega.
Spare me in your kindness, and I will observe the charge of your mouth.
89 Yaa Waaqayyo, dubbiin kee bara baraan jiraata; samii keessas jabaatee ni dhaabata.
Forever, O Lord, is your word fixed firmly in the heavens.
90 Amanamummaan kee dhaloota hundaaf itti fufa; ati lafa hundeessite; isheenis ni jiraatti.
Your truth endures age after age; it is established on earth, and it stands.
91 Sababii wanni hundinuu si tajaajiluuf, seerri kee hamma harʼaatti jiraateera.
By your appointment they stand this day, for all are your servants.
92 Utuu seerri kee gammachuu naa taʼuu baatee, ani silaa rakkina kootiin badeen ture.
Had not your law been my joy, in my misery then had I perished.
93 Sababii ati isaan na jiraachifteef, ani gonkumaa ajaja kee hin irraanfadhu.
I will never forget your precepts, for through them you have put life in me.
94 Sababii ani kan kee taʼeef na fayyisi; anis sirna kee barbaadeera.
I am yours, O save me, for I give my mind to your precepts.
95 Hamoonni na balleessuuf na eeggachaa jiru; ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
The wicked lay wait to destroy me, but I give heed to your charge.
96 Ani akka wanni mudaa hin qabnee hundinuu daangaa qabu argeera; ajajni kee garuu baayʼee balʼaa dha.
I have seen a limit to all things: but your commandment is spacious exceedingly.
97 Ani seera kee akkaman jaalladha! Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
O how I love your law! All the day long I muse on it.
98 Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif, diinota koo caalaa ogeessa na godhan.
Your commandment makes me wiser than my enemies: for it is mine forever.
99 Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf, barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.
I am prudent above all my teachers, for your charges are my (meditation)
100 Ani sababiin ajaja kee eeguuf, maanguddoota caalaa hubannaa guddaan qaba.
I have insight more than the aged, because I observe your precepts.
101 Ani akkan dubbii kee eeguuf, karaa hamaa hunda irraa miilla koo adabadheera.
I refrain my foot from all wicked ways, that I may keep your word.
102 Waan ati mataan kee na barsiifteef, ani seera kee irraa hin fagaanne.
I turn not aside from your judgments, for you yourself are my teacher.
103 Dubbiin kee akkam arraba kootti miʼaawa; nadhii dammaa caalaa afaan kootti miʼaawa!
How sweet are your words to my taste, sweeter than honey to my mouth!
104 Ani qajeelfama kee irraa hubannaa argadheera; kanaafuu daandii sobaa hunda nan jibba.
Insight I win through your precepts, therefore every false way I hate.
105 Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha; daandii kootiif immoo ifa.
Your word is a lamp to my feet, and a light to my path.
106 Ani akkan seera kee qajeelaa sana eeguuf, kakadheera; kanas mirkaneesseera.
I have sworn an oath, and will keep it, to observe your righteous judgments.
107 Ani akka malee dhiphadheen jira; yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti lubbuu koo baraari.
I am afflicted sorely: revive me, O Lord, as you said.
108 Yaa Waaqayyo, galata fedhiidhaan afaan kootii baʼu fudhadhu; seera kees na barsiisi.
Accept, Lord, my willing praise, and teach me your judgments.
109 Jireenyi koo yeroo hunda harka koo keessa jiraatu iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
My life is in ceaseless peril; but I do not forget your law.
110 Hamoonni kiyyoo naa kaaʼaniiru; ani garuu ajaja kee irraa hin jalʼanne.
The wicked set traps for me, yet I do not stray from your precepts.
111 Seerri kee dhaala koo kan bara baraa ti; gammachuu garaa kootiitis.
In your charges are my everlasting inheritance, they are the joy of my heart.
112 Garaan koo hamma dhumaatti ajaja kee eeguuf kutateera.
I am resolved to perform your statutes forever, to the utmost.
113 Ani nama yaada lamaa nan jibba; seera kee garuu nan jaalladha.
I hate people of divided heart, but your law do I love.
114 Ati iddoo ani itti baqadhuu fi gaachana koo ti; ani dubbii kee abdadheera.
You are my shelter and shield: in your word do I hope.
115 Akka ani ajajawwan Waaqa koo eeguuf, isin warri waan hamaa hojjettan narraa fagaadhaa!
Begone, you wicked people, I will keep the commands of my God.
116 Ati akkuma waadaa keetiitti na deeggari; anis nan jiraadha; akka ani abdii kootti qaanaʼu na hin godhin.
Uphold me and spare me, as you have promised: O disappoint me not.
117 Akka ani nagaadhaan jiraadhuuf na deeggari; yeroo hunda seera kee nan kabaja.
Hold me up, and I shall be saved: and your statutes shall be my unceasing delight.
118 Sababii gowwoomsaan isaanii faayidaa hin qabneef; ati warra seera kee irraa jalʼatan hunda tuffattee gatta.
All who swerve from your statutes you spurn: their cunning is in vain.
119 Ati hamoota lafa irraa hunda akka kosiitti gatta; kanaafuu ani seera kee nan jaalladha.
All the wicked of earth you count as dross, therefore I love your charges.
120 Foon koo si sodaachuudhaan hollata; anis murtii kee nan sodaadha.
My flesh, for fear of you, shudders, and I stand in awe of your judgments.
121 Ani waan qajeelaa fi tolaa hojjedheera; ati warra na hacuucanitti dabarsitee na hin kennin.
Justice and right have I practised, do not leave me to my oppressors.
122 Nagaan jiraachuu tajaajilaa keetii mirkaneessi; akka of tuultonni na cunqursanis hin eeyyamin.
Be your servant’s surety for good, let not the proud oppress me.
123 Iji koo fayyisuu kee eeguudhaan, waadaa kee qajeelaas eeguudhaanis dadhabeera.
My eyes pine for your salvation, and for your righteous promise.
124 Akkuma jaalala keetiitti tajaajilaa kee yaadadhu; seera kees na barsiisi.
Deal in your love with your servant, and teach me your statutes.
125 Ani tajaajilaa kee ti; akka ani ajaja kee beekuuf hubannaa naa kenni.
Your servant am I; instruct me, that I may know your charges.
126 Yaa Waaqayyo, kun yeroo ati itti hojjettuu dha; seerri kee cabsamaa jiraatii.
It is time for the Lord to act: they have violated your law.
127 Kanaafuu ani warqee caalaa, warqee qulqulluu caalaa, ajajawwan kee nan jaalladha;
Therefore I love your commandments above gold, above fine gold.
128 ani akka seerri kee hundi qajeelaa taʼe nan amana; daandii sobaa hundas nan jibba.
So by all your precepts I guide me, and every false way I hate.
129 Sirni kee dinqisiisaa dha; kanaafuu ani isa nan eega.
Your decrees are wonderful, gladly I keep them.
130 Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna; wallaalotaafis hubannaa kenna.
When your word is unfolded, light breaks; it imparts to the simple wisdom.
131 Ani ajajawwan kee hawwuudhaan afaan koo banee nan hargana.
With open mouth I pant with longing for your commandments.
132 Ati akkuma yeroo hunda warra maqaa kee jaalataniif gootu sana, gara kootti garagalii na maari.
Turn to me with your favour, as is just to those who love you.
133 Akkuma dubbii keetiitti tarkaanfii miilla kootii naa qajeelchi; cubbuun tokko iyyuu narratti hin moʼin.
Steady my steps by your word, so that sin have no power over me.
134 Akka ani ajaja kee eeguuf hacuuccaa namootaa jalaa na furi.
Set me free from those who oppress me, and I shall observe your precepts.
135 Akka fuulli kee tajaajilaa kee irratti ifu godhi; sirna kees na barsiisi.
Shine with your face on your servant, and teach me your statutes.
136 Sababii namoonni seerra kee hin eegneef, iji koo imimmaan lolaasa.
My eyes run down with rills of water, because your law is not kept.
137 Yaa Waaqayyo, ati qajeelaa dha; murtiin kees qajeelaa dha.
Righteous are you, O Lord, and right are your ordinances.
138 Seerri ati kennite qajeelaa dha; guutummaattis amanamaa dha.
The laws you has ordered are just, and trusty exceedingly.
139 Sababii diinonni koo dubbii kee dagataniif, hinaaffaan ani qabu na guggubeera.
My jealousy has undone me, that my foes have forgotten your words.
140 Waadaan kee sirriitti qoramee ilaalameera; tajaajilaan kees isa jaallata.
Your word has been tested well; and your servant loves it.
141 Xinnaadhee tuffatamu iyyuu, ani ajaja kee hin irraanfadhu.
I am little and held in contempt, but your precepts I have not forgotten.
142 Qajeelummaan kee bara baraan jiraata; seerri kees dhugaa dha.
Just is your justice forever, and trusty is your law.
143 Rakkinnii fi dhiphinni natti dhufeera; ajajawwan kee garuu gammachuu koo ti.
Stress and strain are upon me, but your commandments are my delight.
144 Seerri kee bara baraan qajeelaa dha; akka ani jiraadhuuf hubannaa naa kenni.
Right are your charges forever, instruct me that I may live.
145 Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin waammadha; deebii naa kenni; anis sirna keetiif nan ajajama.
With my whole heart I cry; O answer me. I would keep your statutes, O Lord.
146 Ani sittin iyyadha; ati na fayyisi; seera kees nan eega.
I cry to you: O save me, and I will observe your charges.
147 Ani utuu lafti hin bariʼin kaʼee gargaarsaaf nan iyyadha; ani dubbii kee abdadheera.
Ere the dawn I cry for your help: in your word do I hope.
148 Akka ani irra deddeebiʼee waadaa kee yaaduuf, iji koo halkan guutuu banamee bula.
Awake I meet the night-watches, to muse upon your sayings.
149 Akkuma jaalala keetiitti sagalee koo dhagaʼi; Yaa Waaqayyo, akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
Hear my voice in your kindness: O Lord, by your judgments revive me.
150 Warri daba mariʼatan as dhiʼoo jiru; seera kee irraa garuu fagoo jiru.
Near me are wicked tormentors, who are far from thoughts of your law;
151 Yaa Waaqayyo, ati garuu dhiʼoo jirta; ajajawwan kee hundis dhugaa dha.
but near, too, are you, O Lord, and all your commandments are trusty.
152 Akka ati ajajawwan kee bara baraan hundeessite, ani seera kee irraa dur baradheera.
Long have I known from your charges that you have founded them for all time.
153 Dhiphina koo argiitii na oolchi; ani seera kee hin daganneetii.
Look on my misery, and rescue me; for I do not forget your law.
154 Dubbii koo naa falmi; na furis; akkuma waadaa keetiitti lubbuu koo baraari.
Defend my cause and redeem me: revive me, as you have promised.
155 Sababii isaan sirna kee hin barbaanneef, fayyinni hamoota irraa fagaateera.
Salvation is far from the wicked, for their mind is not in your statutes.
156 Yaa Waaqayyo, gara laafinni kee guddaa dha; akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
Great is your pity, O Lord: Revive me, as you have ordained.
157 Diinonni koo warri na ariʼatan baayʼee dha; ani garuu seera kee irraa hin jalʼanne.
My foes and tormentors are many, but I have not declined from your charges.
158 Sababii isaan dubbii keetiif hin ajajamneef, ani warra amantii hin qabne ija jibbaatiin nan ilaala.
I behold the traitors with loathing, for they do not observe your word.
159 Akkam akka ani qajeelfama kee jaalladhu mee ilaali; Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari.
Behold how I love your precepts: revive me, O Lord!, in your kindness.
160 Dubbiin kee hundinuu dhugaa dha; seerri kee qajeelaan hundinuus bara baraan jiraata.
The sum of your word is truth, all your laws are just and eternal.
161 Bulchitoonni sababii malee na ariʼatan; garaan koo garuu dubbii kee sodaachuudhaan hollata.
Princes have harassed me wantonly: but my heart stands in awe of your word.
162 Ani akka nama boojuu guddaa argate tokkootti, dubbii keetti nan gammada.
Over your word I rejoice as one who finds great spoil.
163 Ani soba nan jibba; nan xireeffadhas; seera kee garuu nan jaalladha.
Falsehood I hate and abhor, but your law do I love.
164 Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, ani guyyaatti yeroo torba sin galateeffadha.
Seven times a day do I praise you because of your righteous judgments.
165 Warri seera kee jaallatan nagaa guddaa qabu; wanni isaan gufachiisu tokko iyyuu hin jiru.
Right well do they fare who love your law: they go on their way without stumbling.
166 Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan abdadha; ajaja kee duukaas nan buʼa.
I hope for your salvation; O Lord I do your commandments.
167 Ani waanan guddaa isa jaalladhuuf, ajaja kee nan eega.
I observe your charges: I love them greatly.
168 Ati karaa koo hunda waan beektuuf, ani sirna keetii fi seera kee nan eega.
I observe your precepts and charges: all my ways are before you.
169 Yaa Waaqayyo, iyyi koo fuula kee dura haa gaʼu; ati akkuma dubbii keetiitti hubannaa naa kenni.
Let my cry come before you, O Lord: give me insight, as you have promised.
170 Waammanni koo fuula kee dura haa gaʼu; akkuma waadaa keetiitti na baasi.
Let my prayer enter into your presence: deliver me, as you have said.
171 Sababii ati qajeelfama kee na barsiiftuuf, hidhiin koo galata haa dhangalaasu.
My lips shall be fountains of praise, that you teach me your statutes.
172 Arrabni koo dubbii kee haa faarfatu; ajajni kee hundi qajeelaadhaatii.
My tongue shall sing of your word, for all your commandments are right.
173 Waan ani sirna kee filadheef, harki kee na gargaaruuf haa qophaaʼu.
Let your hand be ready to help me, for your precepts have been my choice.
174 Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan hawwa; seerri kees gammachuu koo ti.
I long, Lord, for your salvation, and your law is my delight.
175 Lubbuun koo si galateeffachuuf haa jiraattu; seerri kees na haa gargaaru.
Revive me that I may praise you, and let your precepts help me.
176 Ani akkuma hoolaa badee karaa irraa jalʼadheera. Ani ajajawwan kee hin irraanfanneetii, tajaajilaa kee barbaadi.
I have strayed like a wandering sheep seek your servant, because I do not forget your commandments.

< Faarfannaa 119 >