< Faarfannaa 113 >

1 Haalleluuyaa. Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa; maqaa Waaqayyoo jajadhaa. 2 Ammaa hamma bara baraatti maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu. 3 Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, maqaan Waaqayyoo haa jajamu. 4 Waaqayyo saba hundaa ol jira; ulfinni isaas samiiwwanii ol. 5 Kan akka Waaqayyo Waaqa keenya isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu? 6 Kan gad jedhee samii fi lafa ilaalu eenyu? 7 Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; 8 inni bulchitoota gidduu, bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa. 9 Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti, dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa. Haalleluuyaa.

< Faarfannaa 113 >