< Faarfannaa 112 >

1 Haalleluuyaa. Namni Waaqayyoon sodaatu, kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha. 2 Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa; dhaloonni tolootaa ni eebbifama. 3 Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata. 4 Nama tolaa fi arjaadhaaf, gara laafessaa fi qajeelaaf, dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa. 5 Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf, nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa. 6 Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu; namni qajeelaan bara baraan yaadatama. 7 Inni oduu hamaa hin sodaatu; garaan isaas Waaqayyoon amanachuudhaan jabaatee dhaabata. 8 Garaan isaa hin raafamu; hin sodaatus; dhuma irrattis diinota isaa moʼata. 9 Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata; gaanfi isaas ulfinaan ol qabama. 10 Namni hamaan waan kana argee aara; ilkaan isaa qara; baqees ni bada; hawwiin hamootaa faayidaa malee hafa.

< Faarfannaa 112 >