< Faarfannaa 111 >

1 Haalleluuyaa. Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha. 2 Hojiin Waaqayyoo guddaa dha; warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan. 3 Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata. 4 Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera; Waaqayyo arjaa fi gara laafessa. 5 Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; kakuu isaas bara baraan ni yaadata. 6 Lafa saboota kaanii isaaniif kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera. 7 Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; ajajni isaa hundinuus amanamaa dha. 8 Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu. 9 Inni saba isaatiif furii ergeera; kakuu isaas bara baraan ajajeera; maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha. 10 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.

< Faarfannaa 111 >