< Faarfannaa 1 >

1 Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha. 2 Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada. 3 Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf. 4 Hamoonni garuu akkana miti; isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti. 5 Kanaafuu hamoonni murtii dura, yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan. 6 Waaqayyo karaa qajeeltotaa ni beekaatii; karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.

< Faarfannaa 1 >