< Fakkeenya 19 >

1 Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya. 2 Namni beekumsa hin qabne gaarii miti; miilli jarjarus karaa irraa jalʼata. 3 Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa; garaan isaa immoo Waaqayyotti aara. 4 Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa; hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa. 5 Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessuus jalaa hin baʼu. 6 Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti. 7 Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu; yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree! Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu isaan eessattuu hin argaman. 8 Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata; namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa. 9 Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessus ni bada. 10 Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu; yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf hammam caalaa haa hammaatu ree? 11 Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf; balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina. 12 Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti, surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti. 13 Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa; niitiin nyakkiftunis akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti. 14 Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu; niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna. 15 Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa; namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa. 16 Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata; kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa. 17 Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa. 18 Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu; akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin. 19 Namni dafee aaru adabamuu qaba; ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda. 20 Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; dhuma irratti ati nama ogeessa taata. 21 Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti. 22 Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya. 23 Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa; yoos namni boqonnaadhaan jiraata; rakkinnis isa hin argatu. 24 Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaattis hin deebifatu! 25 Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa; nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii. 26 Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu, ilma qaanii fi salphina fiduu dha. 27 Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi; ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa. 28 Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata; afaan hamootaa immoo hammina liqimsa. 29 Qoostotaaf adabbii, dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.

< Fakkeenya 19 >