< Fakkeenya 18 >

1 Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; murtii dhugaa hundaanis ni morma. 2 Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada. 3 Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; salphinnis qaanii wajjin dhufa. 4 Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha. 5 Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti. 6 Hidhiin gowwaa lola fida; afaan isaas rukutamuu itti waama. 7 Afaan gowwaa badiisa isaa ti; hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti. 8 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa. 9 Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti. 10 Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola. 11 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu. 12 Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa. 13 Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha. 14 Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa? 15 Garaan nama hubataa beekumsa argata; gurri ogeessaas waan kana barbaada. 16 Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa. 17 Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata. 18 Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha. 19 Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti. 20 Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; dubbii arraba isaatiinis ni guuta. 21 Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu. 22 Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata. 23 Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna. 24 Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.

< Fakkeenya 18 >