< Fakkeenya 12 >

1 Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata; kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha. 2 Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata; Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura. 3 Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu; qajeelaan garuu hin buqqifamu. 4 Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha; niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti. 5 Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha; gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha. 6 Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf riphee nama eeggata; haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa. 7 Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman; manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata. 8 Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama; namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama. 9 Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko, nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala. 10 Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada; hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina. 11 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu. 12 Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu; hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa. 13 Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama; namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa. 14 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama; hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa. 15 Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa. 16 Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama; namni hubataan garuu arrabsoo tuffata. 17 Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna; dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti. 18 Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana; arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa. 19 Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata; arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata. 20 Garaa warra waan hamaa malatanii keessa gowwoomsaatu jira; warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu. 21 Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu; hamoonni rakkinaan guutamu. 22 Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada. 23 Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata; gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu. 24 Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa; dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa. 25 Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa; dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa. 26 Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa; karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa. 27 Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu; kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata. 28 Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira; daandii sana irra duuti hin jiru.

< Fakkeenya 12 >