< Fakkeenya 11 >

1 Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa; madaalii dhugaatti immoo ni gammada. 2 Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa; gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa. 3 Amanamummaan tolootaa isaan dura deema; warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu. 4 Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa. 5 Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee karaa qajeelaa baasaaf; hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu. 6 Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha; warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu. 7 Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada; wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama. 8 Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama; rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa. 9 Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa; namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa. 10 Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada; yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama. 11 Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata; afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama. 12 Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata; kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa. 13 Namni odeessu dhoksaa gad baasa; kan amanamu garuu icciitii eega. 14 Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama. 15 Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata; namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo nagaan jiraata. 16 Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti; namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu. 17 Namni gaariin of fayyada; gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida. 18 Namni hamaan mindaa sobaa argata; kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata. 19 Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata; kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata. 20 Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa; warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada. 21 Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu; qajeeltonni garuu bilisa baʼu. 22 Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti. 23 Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf; abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa. 24 Namni tokko toluma waa namaa kenna; taʼus ittuma caalchisee sooroma; kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma. 25 Namni arjaan ni badhaadha; namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa. 26 Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara; kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf. 27 Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata; hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa. 28 Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa; qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa. 29 Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala; gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa. 30 Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti; namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa. 31 Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii, namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan hammam caalaa haa argatanii ree!

< Fakkeenya 11 >