< Lakkoobsa 35 >

1 Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe;
و خداوند موسی را در عربات موآب نزد اردن در مقابل اریحا خطاب کرده، گفت:۱
2 “Israaʼeloonni dhaala ofii isaaniitii argachuuf jiran keessaa magaalaawwan Lewwonni keessa jiraatan akka isaanii kennan Israaʼeloota ajaji. Lafa horii itti bobbaafatanis naannoo magaalaawwaniitti haa kennaniif.
«بنی‌اسرائیل را امر فرما که از نصیب ملک خود شهرها برای سکونت به لاویان بدهند، ونواحی شهرها را از اطراف آنها به لاویان بدهید.۲
3 Isaanis magaalaawwan keessa jiraatanii fi lafa itti loon isaaniitii fi horii isaanii kaan hunda bobbaafatan ni qabaatu.
و شهرها بجهت سکونت ایشان باشد، و نواحی آنها برای بهایم و اموال و سایر حیوانات ایشان باشد.۳
4 “Lafti horiin itti bobbaʼu kan isin naannoo magaalaawwaniitti Lewwotaaf kennitan sun dallaa magaalaa irraa jalqabee gama hundaan dhundhuma kuma tokko achi balʼata.
و نواحی شهرها که به لاویان بدهید ازدیوار شهر بیرون از هر طرف هزار ذراع باشد.۴
5 Magaalaa sana gidduutti hambisuudhaan karaa alaatiin gama baʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kibbaatiin dhundhuma kuma lama, gama dhiʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kaabaatiin immoo dhundhuma kuma lama safaraa. Iddoowwan kunneen magaalaawwan sanaaf iddoowwan itti horii bobbaafatan taʼu.
واز بیرون شهر به طرف مشرق دو هزار ذراع، و به طرف جنوب دو هزار ذراع، و به طرف مغرب دوهزار ذراع، و به طرف شمال دو هزار ذراع بپیمایید. و شهر در وسط باشد و این نواحی شهرها برای ایشان خواهد بود.۵
6 “Magaalaawwan jaʼan isin Lewwotaaf kennitan magaalaawwan itti baqatan kanneen namni nama ajjeese itti baqatu taʼu. Magaalaawwan afurtamii lamas kanatti dabalaatii isaanii kennaa.
«و از شهرها که به لاویان بدهید شش شهرملجا خواهد بود، و آنها را برای قاتل بدهید تا به آنجا فرار کند و سوای آنها چهل و دو شهربدهید.۶
7 Walumaa galatti magaalaawwan afurtamii saddeet kanneen lafa tika ofii isaanii qaban Lewwotaaf kennaa.
پس جمیع شهرها که به لاویان خواهیدداد چهل و هشت شهر با نواحی آنها خواهد بود.۷
8 Magaalaawwan isin lafa Israaʼeloonni dhaalan irraa Lewwotaaf kennitan, akkuma qooda dhaala tokkoo tokkoo gosaatti haa taʼu; gosa dhaala baayʼee qabu irraa magaalaawwan baayʼee, gosa dhaala muraasa qabu irraa immoo magaalaawwan xinnoo fuudhaa.”
و اما شهرهایی که از ملک بنی‌اسرائیل می‌دهیداز کثیر، کثیر و از قلیل، قلیل بگیرید. هر کس به اندازه نصیب خود که یافته باشد از شهرهای خودبه لاویان بدهد.»۸
9 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe:
و خداوند موسی را خطاب کرده، گفت:۹
10 “Israaʼelootatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Isin yommuu Yordaanosin ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti,
«بنی‌اسرائیل را خطاب کرده، به ایشان بگو: چون شما از اردن به زمین کنعان عبور کنید،۱۰
11 akka isin magaalaawwan itti baqatan kanneen namni tasa nama ajjeese itti baqatu isinii taʼaniif magaalaawwan filadhaa.
آنگاه شهرها برای خود تعیین کنید تا شهرهای ملجا برای شما باشد، تا هر قاتلی که شخصی راسهو کشته باشد، به آنجا فرار کند.۱۱
12 Magaalaawwan kunneenis akka namni nama ajjeesuudhaan himatame utuu murtii argachuuf waldaa duratti hin dhiʼaatin hin duuneef iddoo inni itti nama haaloo isa baʼu jalaa baqatu taʼu.
و این شهرها برای شما بجهت ملجا از ولی مقتول خواهد بود، تا قاتل پیش از آنکه به حضورجماعت برای داوری بایستد، نمیرد.۱۲
13 Magaalaawwan isin kennitan jaʼan kunneenis magaalaawwan itti baqattan isinii taʼu.
«و از شهرهایی که می‌دهید، شش شهرملجا برای شما باشد.۱۳
14 Yordaanos gamanaan magaalaawwan sadii, Kanaʼaan keessaa immoo magaalaawwan sadii, magaalaawwan itti baqatan godhaa kennaa.
سه شهر از آنطرف اردن بدهید، و سه شهر در زمین کنعان بدهید تاشهرهای ملجا باشد.۱۴
15 Magaalaawwan jaʼan kunneen akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼelootaaf, alagootaa fi saba isaan gidduu jiraatuuf iddoo itti baqatan taʼu.
بجهت بنی‌اسرائیل وغریب و کسی‌که در میان شما وطن گزیند، این شش شهر برای ملجا باشد تا هر‌که شخصی راسهو کشته باشد به آنجا فرار کند.۱۵
16 “‘Namni tokko yoo meeshaa sibiilaatiin nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
«و اگر او را به آلت آهنین زد که مرد، او قاتل است و قاتل البته کشته شود.۱۶
17 Yookaan namni tokko yoo dhagaa nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee ajjeese, inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
و اگر او را بادست خود به سنگی که از آن کسی کشته شود، بزند تا بمیرد، او قاتل است و قاتل البته کشته شود.۱۷
18 Yookaan namni tokko yoo meeshaa mukaa kan nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
و اگر او را به چوب دستی که به آن کسی کشته شود، بزند تا بمیرد، او قاتل است و قاتل البته کشته شود.۱۸
19 Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana haa ajjeesu; inni yommuu argatutti isa haa ajjeesu.
ولی خون، خود، قاتل رابکشد. هرگاه به او برخورد، او را بکشد.۱۹
20 Namni tokko yoo jibbaan nama darbatee lafaan dhaʼee yookaan beekaa waa itti darbachuudhaan isa ajjeese,
و اگراز روی بغض او را با تیغ زد یا قصد چیزی بر اوانداخت که مرد،۲۰
21 yookaan yoo diinummaadhaan kaʼee harkaan isa dhaʼee namichi sun duʼe, inni nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba; inni nama gumaa ti. Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana yeroo argatutti isa haa ajjeesu.
یا از روی عداوت او را بادست خود زد که مرد، آن زننده چون که قاتل است البته کشته شود، ولی خون هرگاه به قاتل برخورد، او را بکشد.۲۱
22 “‘Garuu inni yoo utuu diinummaa hin qabaatin tasa nama darbatee lafaan dhaʼe yookaan utuu hin beekin waan tokko isatti darbatee
«لیکن اگر او را بدون عداوت سهو تیغ زندیا چیزی بدون قصد بر او اندازد،۲۲
23 yookaan utuu isa hin argin dhagaa isa ajjeesuu dandaʼu itti gad dhiisee namichi sun duʼe, inni waan diina isaa hin taʼinii fi isa miidhuuf hin yaadiniif
و اگر سنگی را که کسی به آن کشته شود نادیده بر او بیندازد که بمیرد و با وی دشمنی نداشته، و بداندیش اونبوده باشد،۲۳
24 waldaan sun akkuma seera kanneeniitti namicha nama ajjeese sanaa fi isa haaloo dhiigaa baʼu sana gidduutti murtii haa kennu.
پس جماعت در میان قاتل و ولی خون برحسب این احکام داوری نمایند.۲۴
25 Waldaan sun namicha nama ajjeesuudhaan himatame sana harka namicha haaloo dhiigaa baʼu sanaa jalaa baasee magaalaa inni itti baqatee ture sanatti deebisee isa haa ergu. Innis hamma lubni ol aanaan zayitii qulqulluudhaan dibame sun duʼutti achuma haa turu.
وجماعت، قاتل را از دست ولی خون رهایی دهند، و جماعت، وی را به شهر ملجای او که به آن فرارکرده بود برگردانند، و او در آنجا تا موت رئیس کهنه که به روغن مقدس مسح شده است، ساکن باشد.۲۵
26 “‘Taʼus yoo namichi nama ajjeese sun daarii magaalaa itti baqate sanaa keessaa baʼee
و اگر قاتل وقتی از حدود شهر ملجای خود که به آن فرار کرده بود بیرون آید،۲۶
27 namichi haaloo dhiigaa baʼu sun magaalaa sanaan alatti isa argate, namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha himatame sana ajjeesuu dandaʼa; yakka ajjeechaa sanaattis hin gaafatamu.
و ولی خون، او را بیرون حدود شهر ملجایش بیابد، پس ولی خون قاتل را بکشد؛ قصاص خون برای اونشود.۲۷
28 Namichi nama ajjeese sun hamma lubni ol aanaan sun duʼutti magaalaa itti baqate keessa turuu qaba; inni erga lubichi ol aanaan duʼee booddee gara qabeenya isaatti deebiʼuu dandaʼa.
زیرا که می‌بایست تا وفات رئیس کهنه در شهر ملجای خود مانده باشد، و بعد ازوفات رئیس کهنه، قاتل به زمین ملک خودبرگردد.۲۸
29 “‘Isaan kunneenis dhaloota dhufu keessatti lafa isin jiraattan kamitti iyyuu seeraa fi qajeelfama isiniif haa taʼan.
«و این احکام برای شما در قرنهای شما درجمیع مسکنهای شما فریضه عدالتی خواهد بود.۲۹
30 “‘Namni kam iyyuu yoo nama ajjeese namichi sun ragaa dhugaa baatonni kennaniin ajjeefama. Taʼus namni kam iyyuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan hin ajjeefamin.
«هر‌که شخصی را بکشد پس قاتل به گواهی شاهدان کشته شود، و یک شاهد برای کشته شدن کسی شهادت ندهد.۳۰
31 “‘Namicha nama ajjeesee duuti isaaf malu tokko irraa gumaa lubbuu hin fudhatinaa. Inni ajjeefamuu qaba.
و هیچ فدیه به عوض جان قاتلی که مستوجب قتل است، مگیرید بلکه او البته کشته شود.۳۱
32 “‘Akka inni utuu lubichi ol aanaan hin duʼin dura biyya ofii isaatti deebiʼee achi jiraatu eeyyamuuf jettanii nama gara magaalaa itti baqataniitti baqate kamiif iyyuu gumaa hin fudhatinaa.
و از کسی‌که به شهر ملجای خود فرار کرده باشد فدیه مگیرید، که پیش از وفات کاهن برگردد و به زمین خودساکن شود.۳۲
33 “‘Sababii dhangalaafamuun dhiigaa biyya xureessuuf, isin biyya keessa jiraattan sana hin xureessinaa; dhiiguma namicha dhiiga dhangalaase sanaatiin malees biyya dhiigni itti dhangalaafame sanaaf araarri hin buufamu.
و زمینی را که در آن ساکنید ملوث مسازید، زیرا که خون، زمین را ملوث می‌کند، وزمین را برای خونی که در آن ریخته شود، کفاره نمی توان کرد مگر به خون کسی‌که آن را ریخته باشد.۳۳
34 Biyya isin keessa jirtan iddoo ani jiraadhu sana hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Israaʼeloota gidduu nan jiraadhaatii.’”
پس زمینی را که شما در آن ساکنید ومن در میان آن ساکن هستم نجس مسازید، زیرا من که یهوه هستم در میان بنی‌اسرائیل ساکن می‌باشم.»۳۴

< Lakkoobsa 35 >