< Lakkoobsa 31 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2 “Saba Israaʼeliif jedhiitii warra Midiyaan irratti haaloo baʼi. Ergasii ati gara saba keetiitti walitti qabamta.” 3 Kana irratti Museen saba sanaan akkana jedhe; “Akka isaan warra Midiyaanitti duulanii haaloo Waaqayyoo isaan irratti baʼaniif namoota keessan keessaa muraasa hidhachiisaa. 4 Tokkoo tokkoo gosa Israaʼel keessaa nama kuma tokko tokkoo duulatti ergaa.” 5 Akkasitti tokkoo tokkoo gosa Israaʼel keessaa namoonni kumni tokko tokko walitti buufamanii namni kumni kudha lama lolaaf hidhate. 6 Museenis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama kuma tokko tokko Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa isa miʼa iddoo qulqulluutii fi malakata afuufamu harkatti qabate sana wajjin gara waraanaatti erge. 7 Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti warra Midiyaan lolanii dhiira hunda ajjeesan. 8 Mootonni Midiyaan shanan jechuunis Eewii, Reqem, Zuuri, Huurii fi Rebaanis warra ajjeefaman keessa turan. Akkasumas Balaʼaam ilma Beʼoor goraadeedhaan ajjeesan. 9 Israaʼeloonni dubartootaa fi ijoollee warra Midiyaan boojiʼan; loon, bushaayee fi qabeenya isaanii hundas ni saaman. 10 Magaalaawwan Midiyaanonni keessa jiraatan hundaa fi qubatawwan isaanii hunda ibiddaan guban. 11 Isaanis waan boojiʼanii fi waan saaman hunda namaa fi horii illee fuudhanii 12 warra boojiʼan, waan qabatanii fi waan saaman gara iddoo qubata isaanii kan fuula Yerikoo dura, Yordaanos cina, dirreewwan Moʼaab keessa jiruutti gara Museetti, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara waldaa Israaʼelitti fidan. 13 Museen, Eleʼaazaar lubichii fi hooggantoonni waldaa hundi qubataan alatti isaan simachuuf gad baʼan. 14 Museenis ajajjuuwwan loltootaa jechuunis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa kanneen lolaa galanitti aare. 15 Innis akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif dubartoota hunda hambiftan? 16 Kunoo warri waan Pheʼooritti taʼe sana keessatti gorsa Balaʼaam fudhachuudhaan akka dhaʼichi saba Waaqayyoo irra buʼuuf Israaʼeloota Waaqayyo irraa deebisan isaan turan. 17 Ammas ilmaan dhiiraa hunda fixaa; akkasumas dubartii dhiira wajjin ciifte hunda ajjeesaa. 18 Garuu dubara takkumaa dhiira wajjin hin ciisin ofii keessaniif hambifadhaa. 19 “Isin keessaa namni nama ajjeese kam iyyuu yookaan namni nama ajjeefame tuqe kam iyyuu bultii torba qubataan ala haa turu. Bultii sadaffaa fi bultii torbaffaattis ofii keessanii fi boojuu keessan qulqulleessaa. 20 Uffata hunda akkasumas waan gogaa irraa, rifeensa reʼee irraa yookaan muka irraa hojjetame hunda qulqulleessaa.” 21 Ergasiis Eleʼaazaar lubichi loltoota duula dhaqanii turan sanaan akkana jedhe; “Qajeelfamni seeraa kan Waaqayyo Museef kenne kanaa dha: 22 Warqee, meetii, naasii, sibiila, qorqorroo, dilaalii fi 23 wanni ibidda irraa hafuu dandaʼu kam iyyuu ibidda keessa dabarfamee qulqullaaʼuu qaba. Garuu wanni sun bishaan qulqullaaʼummaatiinis qulqulleeffamuu qaba. Wanni ibidda irra hafuu hin dandeenye kam iyyuu bishaan sanaan qulqulleeffama. 24 Guyyaa torbaffaatti uffata keessan miiccadhaa; isinis ni qulqulleeffamtu. Ergasii qubatatti galuu dandeessu.” 25 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 26 “Ati, Eleʼaazaar lubichii fi abbootiin maatii waldaa sanaa namootaa fi horii boojiʼaman lakkaaʼaa. 27 Boojuu sanas loltoota duula dhaqanii turanii fi waldaa hunda gidduutti iddoo lamatti qoodi. 28 Loltoota duulan irraa namas taʼu loon, harroota, hoolota yookaan reʼoota dhibba shan keessaa tokko Waaqayyoof gibira fuudhi. 29 Gibira sanas walakkaa qooda isaanii irraa fuudhii qooda Waaqayyoo godhiitii Eleʼaazaar lubichatti kenni. 30 Walakkaa qooda saba Israaʼel irraa immoo namas taʼu loon, harroota, hoolota, reʼoota yookaan horii biraa shantama keessaa tokko fuudhiitii Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana Waaqayyoo taʼanitti kenni.” 31 Musee fi Eleʼaazaar lubichi akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana godhan. 32 Wanti boojuu loltoonni fudhatan irraa hafe hoolota 675,000, 33 loon 72,000, 34 harroota 61,000, 35 dubartoonni takkumaa dhiira wajjin hin ciisin 32,000 turan. 36 Qoodni walakkaa kan warra duulaniif qoodame: Hoolota 337,500 37 keessaa gibirri Waaqayyoo 675 ture; 38 loon 36,000 keessaa gibirri Waaqayyoo 72 ture; 39 harroota 30,500 keessaa gibirri Waaqayyoo 61 ture; 40 nama 16,000 keessaa gibirri Waaqayyoo 32 ture. 41 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sanatti gibira sana qooda Waaqayyoo godhee Eleʼaazaar lubichatti kenne. 42 Qooda walakkaa kan Museen warra duulan irraa Israaʼelootaaf qoode: 43 Walakkaan boojuu kan waldaa sanaa hoolota 337,500, 44 loon 36,000, 45 harroota 30,500, 46 nama 16,000 ture. 47 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sanatti walakkaa saba Israaʼel irraa namaa fi horii shantama keessaa tokko fuudhee Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana Waaqayyoo taʼanitti kenne. 48 Ergasiis ajajjuuwwan loltoota kumaatama irratti aangoo qaban jechuunis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa gara Musee dhaqanii 49 akkana jedhaniin; “Nu garboonni kee loltoota ajaja keenya jala jiran lakkoofneerra; namni tokko iyyuu hin hirʼanne. 50 Kanaafuu nu waan tokkoon tokkoon keenya arganne jechuunis miʼa warqee, arboora, bitawoo, qubeelaa chaappaa, lootii fi amartii mormaa akka fuula Waaqayyoo duratti aarsaa araara nuu buusuuf kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu goonee fidneerra.” 51 Musee fi Eleʼaazaar lubichis warqee fi faayawwan harkaan tolfaman hunda isaan harkaa fuudhan. 52 Warqeen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa kennan kanneen Musee fi Eleʼaazaar akka kennaatti Waaqayyoof dhiʼeessan hundi saqilii 16,750 ulfaatu ture. 53 Tokkoon tokkoon loltootaa ofii isaaniitiif boojuu fudhatanii turan. 54 Musee fi Eleʼaazaar lubichis warqee sana ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa harkaa fuudhanii akka Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti ittiin yaadatamaniif dunkaana wal gaʼiitti ol galchan.

< Lakkoobsa 31 >