< Lakkoobsa 29 >

1 “‘Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; gaafas hojii idilee hin hojjetinaa. Guyyaan kun guyyaa isin itti malakata afuuftanii dha.
「七月初一日,你們當有聖會;甚麼勞碌的工都不可做,是你們當守為吹角的日子。
2 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
你們要將公牛犢一隻,公綿羊一隻,沒有殘疾、一歲的公羊羔七隻,作為馨香的燔祭獻給耶和華。
3 Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa. Korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
同獻的素祭用調油的細麵;為一隻公牛要獻伊法十分之三;為一隻公羊要獻伊法十分之二;
4 xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
為那七隻羊羔,每隻要獻伊法十分之一。
5 Akkasumas akka araarri isinii buufamuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaatii aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
又獻一隻公山羊作贖罪祭,為你們贖罪。
6 Aarsaawwan kunneen akkuma amala isaaniitti aarsaawwan gubaman kanneen jiʼa jiʼattii fi guyyaa guyyaatti dhiʼeeffamanii fi kennaawwan midhaaniittii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalamanii dhiʼeeffamanii dha. Isaanis aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman kanneen fooliin isaanii toluu dha.
這些是在月朔的燔祭和同獻的素祭,並常獻的燔祭與同獻的素祭,以及照例同獻的奠祭以外,都作為馨香的火祭獻給耶和華。」
7 “‘Bultii kurnaffaa jiʼa torbaffaa kanaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; isinis gad of deebisaa; hojii tokko illees hin hojjetinaa.
「七月初十日,你們當有聖會;要刻苦己心,甚麼工都不可做。
8 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu godhaa dhiʼeessaa.
只要將公牛犢一隻,公綿羊一隻,一歲的公羊羔七隻,都要沒有殘疾的,作為馨香的燔祭獻給耶和華。
9 Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumamee dhiʼeessaa; korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
同獻的素祭用調油的細麵:為一隻公牛要獻伊法十分之三;為一隻公羊要獻伊法十分之二;
10 xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessa harka tokko dhiʼeessaa.
為那七隻羊羔,每隻要獻伊法十分之一。
11 Akkasumas aarsaa cubbuu kan araaraa buusuuf dhiʼeeffamuu fi aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
又獻一隻公山羊為贖罪祭。這是在贖罪祭和常獻的燔祭,與同獻的素祭並同獻的奠祭以外。」
12 “‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. Waaqayyoofis bultii torba ayyaana ayyaaneffadhaa.
「七月十五日,你們當有聖會;甚麼勞碌的工都不可做,要向耶和華守節七日。
13 Jiboota loonii kudha sadii, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti toluu fi kan ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa.
又要將公牛犢十三隻,公綿羊兩隻,一歲的公羊羔十四隻,都要沒有殘疾的,用火獻給耶和華為馨香的燔祭。
14 Tokkoo tokkoo jiboota kudha sadanii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa; tokkoo tokkoo korbeeyyii hoolaa lamaan sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
同獻的素祭用調油的細麵;為那十三隻公牛,每隻要獻伊法十分之三;為那兩隻公羊,每隻要獻伊法十分之二;
15 tokkoo tokkoo xobbaallaawwan hoolaa kudha afran sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
為那十四隻羊羔,每隻要獻伊法十分之一。
16 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
並獻一隻公山羊為贖罪祭,這是在常獻的燔祭和同獻的素祭並同獻的奠祭以外。
17 “‘Bultii lammaffaatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
「第二日要獻公牛犢十二隻,公綿羊兩隻,沒有殘疾、一歲的公羊羔十四隻;
18 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaatii fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
並為公牛、公羊,和羊羔,按數照例,獻同獻的素祭和同獻的奠祭。
19 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
又要獻一隻公山羊為贖罪祭。這是在常獻的燔祭和同獻的素祭並同獻的奠祭以外。
20 “‘Bultii sadaffaatti jiboota loonii kudha tokko, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
「第三日要獻公牛十一隻,公羊兩隻,沒有殘疾、一歲的公羊羔十四隻;
21 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjinis kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
並為公牛、公羊,和羊羔,按數照例,獻同獻的素祭和同獻的奠祭。
22 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
又要獻一隻公山羊為贖罪祭。這是在常獻的燔祭和同獻的素祭並同獻的奠祭以外。
23 “‘Bultii afuraffaatti jiboota loonii kudhan, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
「第四日要獻公牛十隻,公羊兩隻,沒有殘疾、一歲的公羊羔十四隻;
24 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
並為公牛、公羊,和羊羔,按數照例,獻同獻的素祭和同獻的奠祭。
25 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
又要獻一隻公山羊為贖罪祭。這是在常獻的燔祭和同獻的素祭並同獻的奠祭以外。
26 “‘Bultii shanaffaatti jiboota loonii sagal, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
「第五日要獻公牛九隻,公羊兩隻,沒有殘疾、一歲的公羊羔十四隻;
27 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
並為公牛、公羊,和羊羔,按數照例,獻同獻的素祭和同獻的奠祭。
28 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
又要獻一隻公山羊為贖罪祭。這是在常獻的燔祭和同獻的素祭並同獻的奠祭以外。
29 “‘Bultii jaʼaffaatti jiboota loonii saddeeti, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
「第六日要獻公牛八隻,公羊兩隻,沒有殘疾、一歲的公羊羔十四隻;
30 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
並為公牛、公羊,和羊羔,按數照例,獻同獻的素祭和同獻的奠祭。
31 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
又要獻一隻公山羊為贖罪祭。這是在常獻的燔祭和同獻的素祭並同獻的奠祭以外。
32 “‘Bultii torbaffaatti jiboota loonii torba, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
「第七日要獻公牛七隻,公羊兩隻,沒有殘疾、一歲的公羊羔十四隻;
33 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
並為公牛、公羊,和羊羔,按數照例,獻同獻的素祭和同獻的奠祭。
34 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
又要獻一隻公山羊為贖罪祭。這是在常獻的燔祭和同獻的素祭並同獻的奠祭以外。
35 “‘Bultii saddeettaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa.
「第八日你們當有嚴肅會;甚麼勞碌的工都不可做;
36 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamuu fi kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
只要將公牛一隻,公羊一隻,沒有殘疾、一歲的公羊羔七隻作火祭,獻給耶和華為馨香的燔祭;
37 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti dibicha loonii, korbeessa hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
並為公牛、公羊,和羊羔,按數照例,獻同獻的素祭和同獻的奠祭。
38 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
又要獻一隻公山羊為贖罪祭。這是在常獻的燔祭和同獻的素祭並同獻的奠祭以外。
39 “‘Aarsaa keessan kan gubamu, kennaa midhaan keessanii, dhibaayyuu keessanii fi aarsaa keessan kan nagaa, kan wareega keessaniitii fi aarsaa fedhii keessaniin dhiʼeessitanitti dabalaatii ayyaana keessan beekamaa sana irratti Waaqayyoof dhiʼeessaa.’”
「這些祭要在你們的節期獻給耶和華,都在所許的願並甘心所獻的以外,作為你們的燔祭、素祭、奠祭,和平安祭。」
40 Museenis waan Waaqayyo isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime.
於是,摩西照耶和華所吩咐他的一切話告訴以色列人。

< Lakkoobsa 29 >