< Nahimiyaa 11 >

1 Yeroo sanatti hooggantoonni sabaa Yerusaalem keessa qubatan; warri kaan immoo akka inni Yerusaalem magaalaa qulqulluu sana keessa jiraatuuf nama kudhan keessaa tokko fidachuuf ixaa buufatan; warri hafan sagallan immoo magaalaadhuma ofii isaanii keessatti hafan.
民の牧伯等はヱルサレムに住りその餘の民もまた籤を掣き十人の中よりして一人宛を聖邑ヱルサレムに來りて住しめその九人を他の邑々に住しめたり
2 Sabnis namoota Yerusaalem keessa jiraachuuf fedhiin of kennan hunda eebbise.
又すべて自ら進でヱルサレムに住んと言ふ人々は民これを祝せり
3 Warri kunneen hooggantoota kutaa biyyaa kanneen Yerusaalem keessa qubatanii dha; magaalaawwan Yihuudaa keessa garuu tokkoon tokkoon isaanii qabeenya ofii isaaniitiin magaalaawwan ofii isaanii keessa jiraatan; isaanis: Israaʼeloota, luboota, Lewwota, tajaajiltoota mana qulqullummaa fi sanyiiwwan tajaajiltoota Solomoon;
イスラエル祭司レビ人ネテニ人およびソロモンの臣僕たりし者等の子孫すべてユダの邑々にありておのおのその邑々なる自己の所有地に住をれり此州の貴き人々のヱルサレムに住をりし者は左のごとし
4 ilmaan Yihuudaa fi ilmaan Beniyaam tokko tokko immoo Yerusaalem keessa jiraatan. Sanyii Yihuudaa Keessaa: Ataayaa ilma Uziyaa, ilma Zakkaariyaas, ilma Amariyaa, ilma Shefaaxiyaa, ilma Mahalaleel, sanyii Faares; akkasumas
即ちユダの子孫およびベニヤミンの子孫のヱルサレムに住る者は是なりユダの子孫はウジヤの子アタヤ、ウジヤはゼカリヤの子ゼカリヤはアマリヤの子アマリヤはシパテヤの子シパテヤはマハラレルの子是はペレズの子孫なり
5 Maʼaseyaa ilma Baaruk, ilma Kol-Hoozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yooyaariib, ilma Zakkaariyaas, sanyii Shelaa.
又バルクの子マアセヤといふ者ありバルクはコロホゼの子コロホゼはハザヤの子ハザヤはアダヤの子アダヤはヨヤリブの子ヨヤリブはゼカリヤの子ゼカリヤはシロニ人の子なり
6 Sanyiin Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan walumaa galatti namoota jajjaboo 468 turan.
ペレズの子孫のヱルサレムに住る者は合せて四百六十八人にして皆勇士なり
7 Sanyii Beniyaam keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Yooʼeed, ilma Phedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Maʼaseyaa, ilma Iitiiʼeel, ilma Yeshaayaa,
ベニヤミンの子孫は左のごとしメシユラムの子サル、メシユラムはヨエデの子ヨエデはペダヤの子ペダヤはコラヤの子コラヤはマアセヤの子マアセヤはイテエルの子イテエルはヱサヤの子なり
8 duukaa buutota isaa Gabayii fi Salaayi; isaan walumatti nama 928 turan.
その次はガバイおよびサライなどにして合せて九百二十八人
9 Yooʼeel ilmi Zikrii toʼataa isaanii ture; Yihuudaan ilmi Hasenuuʼaa bulchaa itti aanaa ture.
ジクリの子ヨエルかれらの監督たりハツセヌアの子ユダこれに副ふて邑を治む
10 Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa, ilma Yooyaariib, Yaakiin;
祭司はヨヤリブの子ヱダヤ、ヤキン
11 Seraayaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub, bulchaa mana Waaqaa,
および神の室の宰セラヤ、セラヤはヒルヤキの子ヒルキヤはメシユラムの子メシユラムはザドクの子ザドクはメラヨテの子メラヨテはアヒトブの子なり
12 obboloota isaanii kanneen mana qulqullummaa keessa hojjetan; walumatti dhiira 822 turan. Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakkaariyaas, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaatii fi
殿の職事をするその兄弟八百二十二人あり又アダヤといふ者ありアダヤはヱロハムの子ヱロハムはペラリヤの子ペラリヤはアムジの子アムジはゼカリヤの子ゼカリヤはパシホルの子パシホルはマルキヤの子なり
13 obboloota isaa warra abbootii maatii turan; walumatti dhiira 242 turan. Amashisaay ilma Azariʼeel, ilma Ahazaayi, ilma Mashileemoot, ilma Imeeriitii fi
アダヤの兄弟たる宗家の長二百四十二人あり又アマシサイといふ者ありアマシサイはアザリエルの子アザリエルはアハザイの子アハザイはメシレモテの子メシレモテはイシメルの子なり
14 obboloota isaa namoota jajjaboo; walumatti dhiira 128 turan. Toʼataan isaanii Zabdiiʼel ilma Hagdoolim ture.
その兄弟たる勇士百二十八人ありハツゲドリムの子ザブデエル彼らの監督たり
15 Lewwota Keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiyaa, ilma Buunii;
レビ人はハシユブの子シマヤ、ハシユブはアズリカムの子アズリカムはハシヤビヤの子ハシヤビヤはブンニの子なり
16 hangafoota Lewwotaa keessaa Shaabetaayii fi Yoozaabaad warra hojii mana Waaqaatiin alaatti itti gaafatamoo turan.
またシヤベタイおよびヨザバデあり是等はレビ人の長にして神の室の外の事を掌どれり
17 Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zabdii, ilma Asaaf, namicha yeroo galataatii fi kadhannaatti sagantaa qajeelchu sana; Baqbuqiyaa isa obboloota ofii isaa keessaa lammaffaa ture sana; Abdaa ilma Shamuuʼaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun.
またマツタニヤといふ者ありマツタニヤはミカの子ミカはザブデの子ザブデはアサフの子なりマツタニヤは祈祷の時に感謝の詞を唱へはじむる者なり彼の兄弟の中にてバクブキヤといふ者かれに次り又アブダといふ者ありアブダはシヤンマの子シヤンマはガラルの子ガラルはヱドトンの子なり
18 Lewwonni magaalaa qulqullittii walumatti 284 turan.
聖邑にあるレビ人は合せて二百八十四人
19 Eegdota karraa: Aquub, Talmoonii fi obboloota isaanii kanneen karra eegan; isaanis walumatti dhiira 172 turan.
門を守る者アツクブ、タルモンおよびその兄弟等合せて百七十二人あり皆門々にありて伺守ることをせり
20 Israaʼeloonni kaan immoo lubootaa fi Lewwota wajjin magaalaawwan Yihuudaa keessa tokkoon tokkoon isaanii dhaala ofii isaaniitiin jiraatan.
その餘のイスラエル人祭司およびレビ人は皆ユダの一切の邑々にありて各々おのれの產業に居り
21 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa garuu tulluu Oofeel irra jiraatan; Ziihaa fi Gishiphaan immoo ajajjoota isaanii turan.
但しネテニ人はオペルに居りヂハ及びギシパ、ネタニ人を統ぶ
22 Uuziin ilmi Baanii, ilmi Hashabiyaa, ilmi Mataaniyaa, ilmi Miikaa sun Lewwota Yerusaalem keessa jiraatan irratti qondaala hangafa ture. Uuziin kun sanyiiwwan Asaaf warra faarfattoota itti gaafatamtoota hojii mana Waaqaa turan keessaa tokko ture.
ヱルサレムにをるレビ人の監督はウジといふ者なりウジはバニの子バニはハシヤビヤの子ハシヤビヤはマツタニヤの子マツタニヤはミカの子なり是は謳歌者なるアサフの子孫なりその職務は神の室の事にかかはる
23 Faarfattoonni sun ajaja mootichaa kan guyyaa guyyaan hojii isaanii qajeelchu jala turan.
王より命令ありて是らの事を定め謳歌者に日々の定まれる分を與へしむ
24 Phetaayaan ilmi Mesheezabeel inni sanyiiwwan Zaaraa ilma Yihuudaa keessaa tokko taʼe sun dhimma saba ilaalu hunda keessatti iddoo buʼaa mootichaa ture.
ユダの子ゼラの子孫メシザベルの子ペタヒヤといふ者王の手に屬して民に關る一切の事を取あつかへり
25 Gama gandoota lafa qotiisaa qabaniitiin immoo sabni Yihuudaa tokko tokko Kiriyaati Arbaaqii fi gandoota ishee keessa, Diiboonii fi gandoota ishee keessa, Yeqabziʼeelii fi gandoota ishee keessa,
又村荘とその田圃につきてはユダの子孫の者キリアテアルバとその郷里デボンとその郷里およびヱカブジエルとその村荘に住み
26 Yeeshuʼaa keessa, Molaadaa keessa, Beet Phelexi keessa,
ヱシユア、モラダおよびベテペレテに住み
27 Hazar Shuuʼaal keessa, Bersheebaa fi gandoota ishee keessa,
ハザルシユアルおよびベエルシバとその郷里に住み
28 Siiqlaagi keessa, Mekoonaa fi gandoota ishee keessa,
ヂクラグおよびメコナとその郷里に住み
29 Een Rimoon keessa, Zoraa keessa, Yarmuut keessa,
エンリンモン、ザレア、ヤルムテに住み
30 Zaanoʼaa keessa, Adulaamii fi gandoota ishee keessa, Laakkiishii fi lafa qotiisaawwan ishee keessa, Azeeqaa fi gandoota ishee keessa qubatan. Kanaafuu isaan Bersheebaa jalqabanii hamma Sulula Hinoomitti jiraatan.
ザノア、アドラムおよび其等の村荘ラキシとその田野およびアゼカとその郷里に住り斯かれらはベエルシバよりヒンノムの谷までに天幕を張り
31 Sanyiiwwan Beniyaam Gebaadhaa jalqabanii Mikmaas keessa, Ayyaa keessa, Beetʼeelii fi gandoota ishee keessa,
ベニヤミンの子孫はまたゲバよりしてミクマシ、アヤおよびベテルとその郷里に住み
32 Anaatoot keessa, Noobii fi Hanaaniyaa keessa,
アナトテ、ノブ、アナニヤ
33 Haazoor keessa, Raamaa fi Gitayim keessa,
ハゾル、ラマ、ギツタイム
34 Haadiid keessa, Zebooʼiimii fi Nebalaax keessa,
ハデデ、ゼボイム、ネバラテ
35 Lood, Oonoo fi Gehaaraashim keessa jiraatan.
ロド、オノ工匠谷に住り
36 Garee Lewwota Yihuudaa keessaa tokko tokko immoo gosoota Beniyaam gidduu qubatan.
レビ人の班列のユダにある者の中ベニヤミンに合せし者もありき

< Nahimiyaa 11 >