< Miikiyaas 2 >

1 Warra daba karoorfatan kanneen siree isaanii irra ciisanii hammina yaadaniif wayyoo! Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu. 2 Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu; manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu. Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa, dhaala isaas ni fudhatu. 3 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira. Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan; yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii. 4 Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu; akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu; ‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra; qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera. Inni narraa fudhata! Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’” 5 Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee waldaa Waaqayyoo keessaa hin qabaattu. 6 Raajonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa; waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa; salphinni nutti hin dhufu” jedhu. 7 Yaa mana Yaaqoob, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa? Hafuurri Waaqayyoo obsa hin qabuu? Inni waan akkasii ni hojjetaa?” “Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu? 8 Sabni koo akka diinaatti kaʼeera. Isin namoota yaaddoo malee achiin darban kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu. 9 Isin dubartoota saba kootii manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu. Eebba koos bara baraan ijoollee isaanii irraa fudhattu. 10 Kaʼaatii asii deemaa! Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti; isheen xurooftee diigamtee baddeerti. 11 Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee, ‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe; inni raajii saba kanaa taʼa! 12 “Yaa Yaaqoob, ani dhugumaan isin hunda walitti nan qaba; ani hambaa Israaʼel walitti nan fida. Ani akkuma hoolota gola keessaatti, akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida; lafti sunis tuuta namaatiin guutamti. 13 Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema; isaan cabsanii karraan baʼu. Mootiin isaanii isaan dura baʼa; Waaqayyo fuula isaanii dura deema.”

< Miikiyaas 2 >