< Maatewos 12 >

1 Yesuus yeroo sana guyyaa Sanbataatiin lafa qotiisaa midhaanii keessa darbe. Barattoonni isaas beelaʼanii asheetii midhaanii ciratanii nyaachuu jalqaban. 2 Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Ilaa! Barattoonni kee waan guyyaa Sanbataatiin hojjechuun seeraan hin eeyyamamne hojjetu” jedhaniin. 3 Innis akkana jedhee deebise; “Yeroo Daawitii fi warri isa wajjin turan beelaʼanitti waan Daawit godhe isin hin dubbifnee? 4 Inni mana Waaqaa seene; innii fi warri isa wajjin turanis buddeena kennaa nyaatan; buddeenni sun immoo luboota qofaaf malee isaaniif hin eeyyamamu ture. 5 Yookaan akka luboonni mana qulqullummaa keessaa guyyaa Sanbataatiin Sanbata xureessan, taʼus akka yakka taʼee isaanitti hin hedamne isin Seera keessatti hin dubbifnee? 6 Ani isinitti nan hima; kan mana qulqullummaa caalu as jira. 7 Isin, utuu dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’jedhu sun maal jechuu akka taʼe beektanii jiraattanii silaa warra yakka hin qabnetti hin murtan ture. 8 Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataatii.” 9 Innis achii kaʼee mana sagadaa isaanii seene; 10 kunoo, namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaanis sababii ittiin Yesuusin himatan barbaadaa waan turaniif, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun seeraa?” jedhanii isa gaafatan. 11 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, yoo hoolaan sun guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe, kan harkisee hin baafanne jiraa? 12 Namni immoo hammam hoolaa caalaa gatii guddaa haa qabaatu ree! Kanaafuu Sanbataan waan gaarii hojjechuun eeyyamamaa dha.” 13 Namichaanis, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutummaatti fayyee akkuma isa kaanii taʼe. 14 Fariisonni garuu gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesan mariʼatan. 15 Yesuus waan kana beekee iddoo sanaa kaʼee deeme. Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis dhukkubsattoota isaanii hunda fayyise; 16 akka isaan akka inni beekamu hin goones isaan ajaje. 17 Kunis akka wanni Isaayyaas raajichi dubbate sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha: 18 “Tajaajilaan koo inni ani filadhe, inni ani jaalladhuu fi inni ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; innis sabootatti murtii qajeelaa ni labsa. 19 Inni hin wacu yookaan hin iyyu; namni tokko illee sagalee isaa karaa irratti hin dhagaʼu. 20 Inni hamma akka murtiin qajeelaan moʼu godhutti, shambaqqoo buruqe hin cabsu; foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu. 21 Saboonnis maqaa isaa ni abdatu.” 22 Yeroo sanatti namicha hafuura hamaan qabame, kan iji isaa jaamee arrabni isaas dubbachuu dide tokko gara isaa fidan; Yesuusis namicha sana fayyise; namichis dubbachuu fi arguu dandaʼe. 23 Namoonni hundinuus dinqifatanii, “Kun Ilma Daawit taʼinnaa?” jedhan. 24 Fariisonni garuu yommuu kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Biʼeelzebuul, hangafa hafuurota hamoo qofaan hafuurota hamoo baasa” jedhan. 25 Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu hundinuu ni diigama; magaalaan yookaan maatiin gargar of qoodu hundinuus hin dhaabatu. 26 Seexannis Seexana baafnaan, inni gargar of qooda. Yoos mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa ree? 27 Erga ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ijoolleen keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu. 28 Garuu ani Hafuura Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera. 29 “Yookaan namni kam iyyuu yoo duraan dursee nama jabaa tokko hidhe malee akkamitti mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Ergasii inni mana isaa saamuu dandaʼa. 30 “Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa. 31 Kanaafuu ani isinittin hima; cubbuu fi arrabsoon hundinuu namaaf ni dhiifama; Hafuura Qulqulluu arrabsuun garuu hin dhiifamu. 32 Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu kamiif iyyuu ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu, addunyaa kana irratti yookaan addunyaa dhufuuf jiru irratti hin dhiifamu. (aiōn g165) 33 “Muka gaarii qabaadhaa; iji isaa gaarii taʼaa; muka gadhee qabaadhaa; iji isaa gadhee taʼaa; mukni ija isaatiin beekamaatii. 34 Isin yaa ijoollee buutii nana, isin warri hamoon akkamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa guute afaan dubbataatii. 35 Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessa jiru keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessa jiru keessaa waan hamaa baasa. 36 Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu. 37 Dubbii keetiin qajeelaa taasifamtaatii; dubbii keetiinis sitti murama.” 38 Ergasii barsiistonni seeraatii fi Fariisonni tokko tokko, “Yaa barsiisaa, nu mallattoo sirraa arguu barbaanna” jedhaniin. 39 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe; “Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada! Garuu mallattoo Yoonaas raajichaa sana malee mallattoon tokko iyyuu hin kennamuuf. 40 Akkuma Yoonaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii guddaa tokkoo keessa ture sana, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa ni turaatii. 41 Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo, kan Yoonaasin caalu as jira. 42 Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaatee itti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii; kunoo, kan Solomoonin caalu as jira. 43 “Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa keessa joora; garuu hin argatu. 44 Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha. Yommuu achi gaʼuttis manicha duwwaa taʼee, haramee qulqulleeffamee, qopheeffames argata. 45 Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata. Dhaloonni hamaan kunis akkasuma taʼa.” 46 Utuu Yesuus amma iyyuu namootatti dubbachaa jiruu kunoo, haatii fi obboloonni isaa isa wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabachaa turan. 47 Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabatu” jedhee isatti hime. 48 Innis deebiseefii, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyu faʼi?” jedheen. 49 Harka isaas gara barattoota isaatti qabee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti. 50 Namni fedhii Abbaa koo isa samii irraa guutu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”

< Maatewos 12 >