< Maarqos 9 >

1 Innis, “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma mootummaan Waaqaa humnaan dhufee arganitti duʼa hin dhandhaman” isaaniin jedhe.
He said to them, “Most certainly I tell you, there are some standing here who will in no way taste death until they see God’s Kingdom come with power.”
2 Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin fudhatee tulluu dheeraa tokkotti iddoo isaan hundi kophaa turuu dandaʼanitti ol isaan baase. Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame.
After six days Yeshua took with him Peter, Jacob, and Yochanan, and brought them up onto a high mountain privately by themselves, and he was changed into another form in front of them.
3 Uffanni isaas uffata namni addunyaa kanaa kam iyyuu miicee addeessuu dandaʼu caalaa akka malee addaate.
His clothing became glistening, exceedingly white, like snow, such as no launderer on earth can whiten them.
4 Eeliyaasii fi Museenis isaanitti mulʼatan; isaanis Yesuus wajjin haasaʼaa turan.
Elijah and Moses appeared to them, and they were talking with Yeshua.
5 Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha; daasii sadii, tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe.
Peter answered Yeshua, “Rabbi, it is good for us to be here. Let’s make three tents: one for you, one for Moses, and one for Elijah.”
6 Inni waan dubbatu hin beeku ture; isaan akka malee sodaatanii turaniitii.
For he didn’t know what to say, for they were very afraid.
7 Duumessis dhufee isaan haguuge; sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe.
A cloud came, overshadowing them, and a voice came out of the cloud, “This is my beloved Son. Listen to him.”
8 Isaanis yommuu akkuma tasaa naannoo isaanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee of biratti hin argine.
Suddenly looking around, they saw no one with them any more, except Yeshua only.
9 Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus akka isaan hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaʼutti waan argan sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.
As they were coming down from the mountain, he commanded them that they should tell no one what things they had seen, until after the Son of Man had risen from the dead.
10 Isaanis “warra duʼan keessaa kaʼuun” maal akka taʼe wal gaggaafachaa dubbicha garaatti qabatan.
They kept this saying to themselves, questioning what the “rising from the dead” meant.
11 Isaanis, “Barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu?” jedhanii isa gaafatan.
They asked him, saying, “Why do the scribes say that Elijah must come first?”
12 Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan Eeliyaas duraan dursee ni dhufa; waan hundas iddootti deebisa. Yoos maaliif Ilmi Namaa akka malee dhiphachuu fi tuffatamuu qaba jedhamee barreeffame ree?
He said to them, “Elijah indeed comes first, and restores all things. How is it written about the Son of Man, that he should suffer many things and be despised?
13 Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas dhufeera; isaanis akkuma waaʼee isaa barreeffame sanatti waanuma fedhan hunda isatti hojjetan.”
But I tell you that Elijah has come, and they have also done to him whatever they wanted to, even as it is written about him.”
14 Isaanis yommuu gara barattoota kaanii dhufanitti, namoonni hedduun isaanitti naannaʼanii, barsiistonni seeraa immoo utuu isaanitti falmanuu argan.
Coming to the disciples, he saw a great multitude around them, and scribes questioning them.
15 Namoonni hundinuus akkuma Yesuusin arganiin akka malee dinqifatanii isa dubbisuudhaaf itti fiigan.
Immediately all the multitude, when they saw him, were greatly amazed, and running to him, greeted him.
16 Innis, “Isin maal isaanitti falmitu?” jedhee isaan gaafate.
He asked the scribes, “What are you asking them?”
17 Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera.
One of the multitude answered, “Rabbi, I brought to you my son, who has a mute spirit;
18 Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye.”
and wherever it seizes him, it throws him down; and he foams at the mouth, grinds his teeth, and becomes rigid. I asked your disciples to cast it out, and they weren’t able.”
19 Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa” jedhe.
He answered him, “Unbelieving generation, how long shall I be with you? How long shall I bear with you? Bring him to me.”
20 Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Yesuusin argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate.
They brought him to him, and when he saw him, immediately the spirit convulsed him and he fell on the ground, wallowing and foaming at the mouth.
21 Yesuusis, “Wanni kun erga isa qabee hammam ture?” jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Innis akkana jedhe; “Ijoollummaadhaa jalqabee ti.
He asked his father, “How long has it been since this has been happening to him?” He said, “From childhood.
22 Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari.”
Often it has cast him both into the fire and into the water to destroy him. But if you can do anything, have compassion on us and help us.”
23 Yesuusis, “‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama” jedheen.
Yeshua said to him, “If you can believe, all things are possible to him who believes.”
24 Yommusuma abbaan mucaa sanaa, “Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari” jedhee iyye.
Immediately the father of the child cried out with tears, “I believe. Help my unbelief!”
25 Yesuusis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, “Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja” jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate.
When Yeshua saw that a multitude came running together, he rebuked the unclean spirit, saying to him, “You mute and deaf spirit, I command you, come out of him, and never enter him again!”
26 Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, “Inni duʼeera” jedhan.
After crying out and convulsing him greatly, it came out of him. The boy became like one dead, so much that most of them said, “He is dead.”
27 Yesuus garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate.
But Yeshua took him by the hand and raised him up; and he arose.
28 Erga Yesuus manatti ol galee booddee barattoonni isaa, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii kophaatti isa gaafatan.
When he had come into the house, his disciples asked him privately, “Why couldn’t we cast it out?”
29 Innis deebisee, “Inni akkanaa kun kadhannaa fi sooma qofaan baʼa malee waan biraatiin hin baʼu” jedheen.
He said to them, “This kind can come out by nothing but by prayer and fasting.”
30 Isaan achii kaʼanii Galiilaa keessa darban. Yesuusis akka namni tokko iyyuu kana beeku hin barbaanne;
They went out from there and passed through Galilee. He didn’t want anyone to know it,
31 sababiin isaas, “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa” jedhee barattoota isaa barsiisaa ture.
for he was teaching his disciples, and said to them, “The Son of Man is being handed over to the hands of men, and they will kill him; and when he is killed, on the third day he will rise again.”
32 Isaan garuu waan inni jedhe hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan.
But they didn’t understand the saying, and were afraid to ask him.
33 Isaanis Qifirnaahom dhaqan. Innis yeroo mana keessa turetti, “Isin karaatti maal walitti falmaa turtan?” jedhee isaan gaafate.
He came to Capernaum, and when he was in the house he asked them, “What were you arguing among yourselves on the way?”
34 Isaan garuu eenyu akka nama hundumaa caalu karaatti waan walitti falmaa turaniif ni calʼisan.
But they were silent, for they had disputed with one another on the way about who was the greatest.
35 Yesuusis taaʼee warra kudha lamaan waamee, “Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba” jedheen.
He sat down and called the twelve; and he said to them, “If any man wants to be first, he shall be last of all, and servant of all.”
36 Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe;
He took a little child and set him in the middle of them. Taking him in his arms, he said to them,
37 “Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu.”
“Whoever receives one such little child in my name receives me; and whoever receives me, doesn’t receive me, but him who sent me.”
38 Yohannisis, “Yaa barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe.
Yochanan said to him, “Rabbi, we saw someone who doesn’t follow us casting out demons in your name; and we forbade him, because he doesn’t follow us.”
39 Yesuus garuu akkana jedhe; “Isa hin dhowwinaa; namni maqaa kootiin dinqii hojjetu kan ergasii immoo dafee waaʼee koo waan hamaa dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii.
But Yeshua said, “Don’t forbid him, for there is no one who will do a mighty work in my name and be able quickly to speak evil of me.
40 Namni nuun hin mormine kam iyyuu kanuma keenyaatii.
For whoever is not against us is on our side.
41 Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii isin kan Kiristoos taataniif jedhee bishaan budduuqsaa tokkoo isinii kennu kam iyyuu dhugumaan gatii isaa hin dhabu.
For whoever will give you a cup of water to drink in my name because you are Messiah’s, most certainly I tell you, he will in no way lose his reward.
42 “Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko gufachiisuu irra, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatamee isaaf wayya ture.
“Whoever will cause one of these little ones who believe in me to stumble, it would be better for him if he were thrown into the sea with a millstone hung around his neck.
43 Yoo harki kee si gufachiise, of irraa muri. Harka lama qabaattee gahaannamitti, iddoo ibiddi isaa hin dhaamnetti galuu irra, harka dooluudhaan jireenyatti galuu siif wayya. [ (Geenna g1067)
If your hand causes you to stumble, cut it off. It is better for you to enter into life maimed, rather than having your two hands to go into Gehinnom, into the unquenchable fire, (Geenna g1067)
44 Gahaannamis iddoo, “‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’] (questioned)
‘where their worm doesn’t die, and the fire is not quenched.’
45 Yoo miilli kee si gufachiise of irraa muri. Miilla lama qabaattee gahaannamitti darbatamuu irra, laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. [ (Geenna g1067)
If your foot causes you to stumble, cut it off. It is better for you to enter into life lame, rather than having your two feet to be cast into Gehinnom, into the fire that will never be quenched— (Geenna g1067)
46 Gahaannamis iddoo, “‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’] (questioned)
‘where their worm doesn’t die, and the fire is not quenched.’
47 Yoo iji kee si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lama qabaattee gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokkoon mootummaa Waaqaatti galuu siif wayya. (Geenna g1067)
If your eye causes you to stumble, throw it out. It is better for you to enter into God’s Kingdom with one eye, rather than having two eyes to be cast into the Gehinnom of fire, (Geenna g1067)
48 Gahaannamis iddoo, “‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’ (questioned)
‘where their worm doesn’t die, and the fire is not quenched.’
49 Namni hundinuu ibiddaan miʼeeffama.
For everyone will be salted with fire, and every sacrifice will be seasoned with salt.
50 “Soogiddi gaarii dha; garuu yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaa isaa akkamiin deebisuufii dandeessu? Isinis soogidda of keessaa qabaadhaa; walii wajjinis nagaan jiraadhaa.”
Salt is good, but if the salt has lost its saltiness, with what will you season it? Have salt in yourselves, and be at peace with one another.”

< Maarqos 9 >