< Miilkiyaas 1 >

1 Raajii dubbii Waaqayyoo kan karaa Miilkiyaasiin gara Israaʼel dhufe.
K A WANANA o ka olelo a Iehova i ka Iseraela ma o Malaki la.
2 “Ani isin jaalladheera” jedha Waaqayyo. “Isin immoo, ‘Ati akkamitti nu jaallatte?’ jettanii gaafattu. “Esaawu obboleessa Yaaqoob hin turree?” jedha Waaqayyo. “Taʼus ani Yaaqoobin jaalladhee,
Ua aloha aku au ia oukou, wahi a Iehova; Aka, ke ninau mai nei oukou, Ma ke aha la kau i aloha mai ai ia makou? Aole anei o Esau ka hoahanau o Iakoba? wahi a Iehova; Aka, i aloha aku au ia Iakoba,
3 Esaawun garuu jibbeera; ani tulluuwwan isaa lafa onaa godhee dhaala isaas waangoo gammoojjiitiif kenneera.”
A hoowahawaha hoi au ia Esau, A hooneoneo aku la au i kona mau mauna, A hoolilo iho la i kona aina i mau wahi noho o ka waonahele.
4 Edoomiyaas, “Nu caccabnu iyyuu, diigama sana deebisnee ni ijaarra” jedha taʼa. Garuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isaan ni ijaaru taʼa; ani garuu nan diiga. Isaan Biyya Hamaa, saba yeroo hunda dheekkamsa Waaqayyoo jala jiraatu jedhamanii ni waamamu.
No ka mea, ke olelo nei ko Edoma, Ua auhulihia kakou, Aka, e kukulu hou auanei kakou i na wahi neoneo: Penei ka Iehova o na kaua i olelo mai ai, E kukulu lakou, a e wawahi hoi au: E kapaia lakou, Na aina o ka aia, A o na kanaka a Iehova e inaina mau loa ai.
5 Isin waan kana ija keessaniin argitanii, ‘Daarii biyya Israaʼeliin gamatti iyyuu Waaqayyo Guddaa dha!’ jettu.
A e ike auanei ko oukou mau maka, a e olelo aku oukou, E hoonuiia auanei o Iehova mai ka palena aku o Iseraela.
6 “Ilmi abbaa isaa, garbichis gooftaa isaa ulfeessa. Egaa ergan abbaa taʼe, ulfinni naaf malu meerre ree? Ergan gooftaa taʼe, kabajni naaf malu meerree ree?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Yaa luboota; isintu maqaa koo tuffata. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin maqaa kee tuffanne?’ jettanii gaafattu.
Ua hoomaikai ke keiki i kona makuakane, A o ke kauwa i kona haku: Ina hoi he makua wau, auhea la kuu hoomaikaiia? Ina hoi he haku wau, auhea la hoi kuu weliweliia? Wahi a Iehova o na kaua ia oukou, e na kahuna hoowahawaha i kuu inoa. Ke ninau mai nei oukou, Ma ke aha ka makou i hoowahawaha ai i kou inoa?
7 “Isin nyaata xuraaʼaa iddoo aarsaa koo irratti dhiʼeessitu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si xureessine’ jettanii gaafattu. “Maaddiin Waaqayyoo tuffatamaa dha jechuudhaan.
Ke mohai mai nei oukou i ka berena haumia maluna o ko'u kuahu; Ke ninau mai nei oukou, Ma ke aha la ka makou i hoohaumia aku ai ia oe? Ma ka mea a oukou e olelo nei, He mea wahawaha ka papaaina o Iehova.
8 Isin yoo horii jaamaa aarsaadhaaf dhiʼeessitan, sun balleessaa mitii? Isin yoo horii naafa yookaan horii dhukkubsataa naaf qaltan, sun balleessaa mitii? Mee horii sana bulchaa keessaniif kennuu yaalaa! Inni isinitti ni gammadaa? Inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Ina paha e kaumaha oukou i ka mea makapo i mea mohai, aole anei ia he hewa? Ina hoi e mohai oukou i ka mea oopa a me ka mea mai, aole anei he hewa ia? Ke i aku nei au, e haawi aku ia mea na kou alii, E oluolu mai anei ia ia oe? E maliu mai anei kela ia oe? wahi a Iehova o na kaua.
9 “Egaa mee akka inni garaa nuu laafuuf Waaqa nuuf kadhadhaa. Isin yoo aarsaa akkasii qabattanii dhiʼaattan inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda dandaʼu.
Nolaila hoi, ke nonoi aku nei oukou i ke Akua, e aloha mai oia ia kakou: No oukou aku ia mea; e maliu mai anei kela ia oukou? Wahi a Iehova o na kaua.
10 “Isin keessaa namni tokko akka isin ibidda faayidaa hin qabne iddoo aarsaa koo irratti hin bobeessineef utuu balbala mana qulqullummaa cufee jiraatee! Ani isinitti hin gammadu; aarsaa tokko iyyuu isin harkaa hin fudhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Owai la ka mea o oukou e pani wale i na puka? Aole oukou e kuni make hewa maluna o kuu kuahu. Aole au i oluolu ia oukou, wahi a Iehova o na kaua; Aole hoi e maliu au i ka mohai na ko oukou lima mai.
11 “Maqaan koo baʼa aduutii kaasee hamma lixa aduutti saboota gidduutti guddaa ni taʼa. Iddoo hundatti ixaannii fi aarsaan qulqulluun ni kennama; maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼaatii” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
No ka mea, mai ka hikina o ka la a hiki i ke komohana, E nui auanei kuu inoa iwaena o na lahuikanaka; A ma na wahi a pau loa e kuniia'i ka mea ala no kuu inoa, A me ka mohai maemae: No ka mea, e nui auanei kuu inoa iwaena o na lahuikanaka, Wahi a Iehova o na kaua.
12 “Isin garuu maaddiin Gooftaa ‘xuraaʼaa dha’ nyaanni isaas ‘tuffatamaa dha’ jechuudhaan maqaa koo xureessitu.
Aka, ua hoino oukou ia i ka oukou olelo ana, Ua haumia ka papaaina o Iehova, A o ka hua maluna, oia o kana ai, he mea hoowahawaha ia.
13 ‘Kun dadhabbii dha!’ jettaniis tuffiidhaan itti cirriiqfattu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin yoo horii hatame, kan naafate yookaan kan dhukkuba qabu fiddanii aarsaa gootanii dhiʼeessitan, ani isin harkaa fudhachuutu narra jiraa?” jedha Waaqayyo.
Ke olelo nei oukou, Ka! kai ka luhi! A na oukou ia i hoopailuaia'i, wahi a Iehova o na kaua; No ka mea, ke mohai iho nei oukou i ka mea i haehaeia, A me ka oopa, a me ka maimai, A pela oukou i lawe mai ai i ka mohai. E oluolu anei au i keia mea na ko oukou lima mai? wahi a Iehova.
14 “Namni bushaayee isaa keessaa korbeessa jaallatamaa qabu kan korbeessa sana aarsaa dhiʼeessuuf wareega kennee garuu sobee horii hirʼina qabu Gooftaadhaaf dhiʼeessu abaaramaa haa taʼu. Ani mootii guddaadhaatii, maqaan koo saboota gidduutti sodaatamuu qaba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Aka, auwe ka mea hoopunipuni, Ka mea nana ka hipakane maloko o kana ohana, Aka, ua hoolaa, a ua mohai iho i ka mea haumia: No ka mea, he alii nui hoi wau, wahi a Iehova o na kaua, A he mea weliweli ko'u inoa iwaena o na lahuikanaka.

< Miilkiyaas 1 >