< Luqaas 21 >

1 Yesuusis ol milʼatee sooreyyii kennaa isaanii miʼa buusii keessa buusaa jiran arge.
耶穌抬頭觀看,見財主把捐項投在庫裏,
2 Akkasumas haadha hiyyeessaa hiyyeettii tokko saantima sibiila diimaa xixinnoo lama buusuu ishee arge.
又見一個窮寡婦投了兩個小錢,
3 Innis akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra kaan hunda caalaa buufteerti.
就說:「我實在告訴你們,這窮寡婦所投的比眾人還多;
4 Namoonni kunneen hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan ittiin jiraattu hunda kennite.”
因為眾人都是自己有餘,拿出來投在捐項裏,但這寡婦是自己不足,把她一切養生的都投上了。」
5 Barattoota isaa keessaas tokko tokko waaʼee mana qulqullummaa, haala manni qulqullummaa sun dhagaawwan babbareedanii fi kennaawwan Waaqaaf kennamaniin itti miidhagfame dudubbachaa turan. Yesuus garuu akkana jedhe;
有人談論聖殿是用美石和供物妝飾的;
6 “Yeroon itti wanni isin ilaaltan kun hundinuu, utuu dhagaan tokko iyyuu wal irratti hin hafin diigamu tokko ni dhufa.”
耶穌就說:「論到你們所看見的這一切,將來日子到了,在這裏沒有一塊石頭留在石頭上,不被拆毀了。」
7 Isaanis, “Yaa barsiisaa, wanni kun yoom taʼa? Mallattoon yeroo wanni kun itti fiixaan baʼuu gaʼuu maali?” jedhanii gaafatan.
他們問他說:「夫子!甚麼時候有這事呢?這事將到的時候有甚麼預兆呢?」
8 Innis akkana jedhee deebise; “Isin akka hin gowwoomfamneef of eeggadha. Namoonni hedduun, ‘Ani isa; yeroon sun dhiʼaateera’ jechaa maqaa kootiin ni dhufuutii. Isin garuu isaan duukaa hin buʼinaa.
耶穌說:「你們要謹慎,不要受迷惑;因為將來有好些人冒我的名來,說:『我是基督』,又說:『時候近了』,你們不要跟從他們!
9 Yommuu waaʼee waraanaatii fi waaʼee fincilaa dhageessanitti, hin sodaatinaa. Wanni kun duraan dursee taʼuu qabaatii; dhumni garuu yeruma sana hin taʼu.”
你們聽見打仗和擾亂的事,不要驚惶;因為這些事必須先有,只是末期不能立時就到。」
10 Innis akkana isaaniin jedhe; “Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa.
當時,耶穌對他們說:「民要攻打民,國要攻打國;
11 Iddoo garaa garaatti sochiin lafaa guddaan, beellii fi golfaan ni taʼa; samii irrattis wanni sodaachisaanii fi mallattoon gurguddaan ni taʼa.
地要大大震動,多處必有饑荒、瘟疫,又有可怕的異象和大神蹟從天上顯現。
12 “Kana hunda dura garuu isaan isin qabu; isin ariʼatus. Dabarsanii manneen sagadaatti isin kennu; mana hidhaa keessas isin buusu; isin maqaa kootiif jettanii fuula moototaatii fi bulchitootaa duratti ni dhiʼeeffamtu.
但這一切的事以先,人要下手拿住你們,逼迫你們,把你們交給會堂,並且收在監裏,又為我的名拉你們到君王諸侯面前。
13 Akkasiin isin anaaf dhugaa baatu.
但這些事終必為你們的見證。
14 Isin garuu akkamitti akka falmattan duraan dursitanii akka hin yaaddofne yaadatti qabadhaa.
所以,你們當立定心意,不要預先思想怎樣分訴;
15 Anuu afaanii fi ogummaa diinonni keessan tokko iyyuu dandaʼanii dura hin dhaabanne yookaan hin mormine isiniif nan kennaatii.
因為我必賜你們口才、智慧,是你們一切敵人所敵不住、駁不倒的。
16 Abbaa fi haati, obboloonni, firoonnii fi michoonni dabarsanii isin kennu; isin keessaas tokko tokko ni ajjeesu.
連你們的父母、弟兄、親族、朋友也要把你們交官;你們也有被他們害死的。
17 Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba.
你們要為我的名被眾人恨惡,
18 Garuu rifeensi mataa keessanii tokko iyyuu hin badu.
然而,你們連一根頭髮也必不損壞。
19 Isin jabaadhaa dhaabadhaa; yoos lubbuu keessan ni oolfattu.
你們常存忍耐,就必保全靈魂。」
20 “Isin yommuu Yerusaalem loltootaan marfamtee argitanitti akka badiin ishee dhiʼaate beekaa.
「你們看見耶路撒冷被兵圍困,就可知道它成荒場的日子近了。
21 Yommus warri Yihuudaa keessa jiran gaarranitti haa baqatan; warri magaalaa keessa jiranis achii haa baʼan; warri baadiyyaa jiran immoo magaalaa hin seenin.
那時,在猶太的應當逃到山上;在城裏的應當出來;在鄉下的不要進城;
22 Akka wanni barreeffame hundinuu raawwatamuuf yeroon kun yeroo haaloo baasuutii.
因為這是報應的日子,使經上所寫的都得應驗。
23 Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo! Lafa irratti dhiphinni guddaan, saba kanatti immoo dheekkamsi ni dhufaatii.
當那些日子,懷孕的和奶孩子的有禍了!因為將有大災難降在這地方,也有震怒臨到這百姓。
24 Isaanis goraadeedhaan ajjeefamu; boojiʼamaniis biyyoota ormaa hundatti ni geeffamu; hamma barri Namoota Ormaa dhumutti Yerusaalem Namoota Ormaatiin dhidhiitamti.
他們要倒在刀下,又被擄到各國去。耶路撒冷要被外邦人踐踏,直到外邦人的日期滿了。」
25 “Aduu irratti, jiʼa irratti, urjiiwwan irrattis mallattoon ni taʼa. Lafa irrattis sababii huursaatii fi dhaʼaa galaanaatiif saboonni ni muddamu; waan taʼanis ni wallaalu.
「日、月、星辰要顯出異兆,地上的邦國也有困苦;因海中波浪的響聲,就慌慌不定。
26 Namoonnis sababii humnoonni samii irraa raafamaniif, waan addunyaa kanatti dhufuuf jiru yaaddaʼanii sodaadhaan ni gaggabu.
天勢都要震動,人想起那將要臨到世界的事,就都嚇得魂不附體。
27 Isaanis yeroo sana utuu Ilmi Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessaan dhufuu ni argu.
那時,他們要看見人子有能力,有大榮耀駕雲降臨。
28 Yommuu wanni kun taʼuu jalqabutti mataa keessan ol qabadhaa; olis ilaalaa; furamuun keessan dhiʼaateeraatii.”
一有這些事,你們就當挺身昂首,因為你們得贖的日子近了。」
29 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Mee muka harbuutii fi muka hunda ilaalaa.
耶穌又設比喻對他們說:「你們看無花果樹和各樣的樹;它發芽的時候,你們一看見,自然曉得夏天近了。
30 Yommuu isaan baala baafatanitti isin mataan keessan iyyuu ilaaltanii akka bonni dhiʼaate beekuu dandeessu.
31 Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka mootummaan Waaqaa dhiʼaate ni beektu.
這樣,你們看見這些事漸漸地成就,也該曉得上帝的國近了。
32 “Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.
我實在告訴你們,這世代還沒有過去,這些事都要成就。
33 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
天地要廢去,我的話卻不能廢去。」
34 “Isin of eeggadhaa; yoo kanaa achii qalbiin keessan qananiidhaan, machii fi yaaddoo jireenyaatiin fudhatamee guyyaan sunis utuu isin hin beekin akkuma kiyyoo isin qabata.
「你們要謹慎,恐怕因貪食、醉酒,並今生的思慮累住你們的心,那日子就如同網羅忽然臨到你們;
35 Guyyaan sun warra lafa irra jiraatan hundatti ni dhufaatii.
因為那日子要這樣臨到全地上一切居住的人。
36 Kanaafuu akka waan dhufuuf jiru hunda jalaa baataniif, akka fuula Ilma Namaa duras dhaabachuu dandeessaniif yeroo hunda dammaqaa; kadhadhaas.”
你們要時時警醒,常常祈求,使你們能逃避這一切要來的事,得以站立在人子面前。」
37 Yesuus guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; halkan halkan immoo tulluu Gaara Ejersaa jedhamu irra bula ture.
耶穌每日在殿裏教訓人,每夜出城在一座山,名叫橄欖山住宿。
38 Namoonni hundinuus isa dhaggeeffachuuf jedhanii barii barraaqaan mana qulqullummaa dhufu turan.
眾百姓清早上聖殿,到耶穌那裏,要聽他講道。

< Luqaas 21 >