< Luqaas 16 >

1 Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namicha sooressa nama hojii isaa adeemsisuuf qabu tokkotu ture; akka hojii adeemsisaan sun qabeenya isaa jalaa balleessaa jirus sooressa sanatti himan. 2 Sooressi sunis hojii adeemsisaa sana ofitti waamee, ‘Wanni ani waaʼee kee dhagaʼu kun maalii? Ati siʼachi waan hojii adeemsisaa taʼuu hin dandeenyeef, hojii adeemsisaa turte sana irratti gabaasa naa dhiʼeessi’ jedheen. 3 “Hojii adeemsisaan sunis garaa isaa keessatti akkana jedhe; ‘Waan gooftaan koo hojii keessaa na baasuuf, maal naa wayya? Lafa qotuuf humna hin qabu; kadhachuu immoo nan qaanaʼa. 4 Akka yeroo ani hojii keessaa ariʼamutti namoonni mana isaaniitti na simataniif waanan godhu anuu beeka.’ 5 “Innis warra gatiin gooftaa isaa irra jiru tokko tokkoon waamee, isa jalqabaatiin, ‘Idaan gooftaa koo hammamitu sirra jira?’ jedhee gaafate. 6 “Namichis, ‘Zayitii ejersaa hubboo dhibba saddeeti’ jedhee deebise. “Hojii adeemsisaan sunis, ‘Waraqaa walii galtee kee hooʼu; dafii taaʼiitii dhibba afur jedhii barreessi’ jedheen. 7 “Isa lammaffaadhaanis, ‘Sirra immoo hammamitu jira?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Qamadii guuboo kuma tokkoo’ jedheen. “Hojii adeemsisaan sunis, ‘Waraqaa walii galtee kee hooʼuutii, 80 jedhii barreessi’ jedheen. 8 “Hojii adeemsisaan hin amanamne sun waan abshaala taʼeef gooftichi isa jaje; namoonni addunyaa kanaa warra akka isaanii wajjin haajaa isaanii guutachuu irratti namoota ifaa caalaa abshaalotaatii. (aiōn g165) 9 Ani isinittin hima; akka isaan yeroo qabeenyi sun dhumutti mana bara baraatti isin simataniif qabeenya addunyaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa. (aiōnios g166) 10 “Namni waan xinnootti amanamu kam iyyuu waan baayʼeettis ni amanama; namni waan xinnootti hin amanamne kam iyyuu immoo waan baayʼeettis hin amanamu. 11 Yoos isin yoo qabeenya addunyaatti hin amanamne, qabeenya dhugaatti immoo eenyutu isin amana ree? 12 Yoo isin qabeenya nama biraa irratti hin amanamne, qabeenya mataa keessanii immoo eenyutu isinii kenna ree? 13 “Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.” 14 Fariisonni warri maallaqa jaallatan waan kana hunda dhagaʼanii Yesuusitti qoosan. 15 Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin warra fuula namootaa duratti qajeeltota of gootanii dha; Waaqni garuu garaa keessan beeka. Wanni nama biratti akka malee kabajamu fuula Waaqaa duratti jibbisiisaadhaatii. 16 “Seerrii fi raajonni hamma Yohannisitti labsaman. Yeroo sanaa jalqabee wangeelli mootummaa Waaqaa lallabamaa jira; namni hundinuus itti galuuf wal dhiiba. 17 Seera keessaa tuqaan hundumaa gadii dhabamuu irra samii fi lafti dhabamuutu salphata. 18 “Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata; namni dubartii dhirsa ishee hiikte fuudhus ejja raawwata. 19 “Namicha sooressa uffata dhiilgee haphii kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, guyyuma guyyaan qananiidhaan jiraatu tokkotu ture. 20 Karra isaa dura immoo namichi hiyyeessi Alʼaazaar jedhamu kan dhagni isaa hundi mammadaaʼe tokko ciisaa ture. 21 Innis hambaa maaddii sooressa sanaa irraa harcaʼu illee nyaachuu ni kajeela ture; saroonni iyyuu dhufanii madaa isaa arraabu turan. 22 “Gaaf tokko namichi hiyyeessi sun duunaan ergamoonni Waaqaa isa baatanii gara bobaa Abrahaamitti isa geessan; sooressichis duʼee awwaalame. 23 Utuu Siiʼool keessatti dhiphachaa jiruus ol milʼatee Abrahaamin fagootti, Alʼaazaarin immoo bobaa Abrahaam keessatti arge. (Hadēs g86) 24 Innis iyyee, ‘Yaa Abbaa koo Abrahaam, waan ani ibidda kana keessatti dhiphachaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo naa qabbaneessuuf Alʼaazaarin naa ergi’ jedheen. 25 “Abrahaam garuu akkana jedhee deebise; ‘Yaa ilma ko, ati bara jireenya keetiitti waan gaarii akka argatte, Alʼaazaar immoo waan hamaa akka argate yaadadhu; amma garuu asitti isatti toleera; ati immoo dhiphachaa jirta. 26 Waan kana hunda irrattis, akka warri nu biraa gara keessan dhufuu barbaadan dhufuu hin dandeenyeef yookaan akka warri isin biraa gara keenyatti ceʼuu hin dandeenyeef nuu fi isin gidduu boolla guddaatu jira.’ 27 “Dureessi sunis akkana jedhee deebise; ‘Yoos yaa Abbaa, akka ati gara mana abbaa kootti Alʼaazaarin naa ergitu sin kadhadha; 28 ani obboloota shan qabaatii; akka isaanis iddoo dhiphinaa kana hin dhufneef inni dhaqee isaan haa akeekkachiisu.’ 29 “Abrahaam garuu, ‘Isaan Musee fi raajota qabu; isaanuma haa dhagaʼan’ jedhe. 30 “Dureessichis, ‘Akkas miti; yaa abbaa koo Abrahaam; yoo warra duʼan keessaa namni tokko gara isaanii dhaqe garuu, isaan qalbii ni jijjiirratu’ jedheen. 31 “Abrahaamis, ‘Isaan yoo Musee fi raajota hin dhageenye, yoo namni tokko warra duʼan keessaa kaʼe illee hin amanan’ jedheen.”

< Luqaas 16 >