< Lewwota 26 >

1 “‘Waaqota tolfamoo hin tolfatinaa; fakkii yookaan dhagaa waaqeffannaa hin dhaabbatinaa; fuula isaanii duratti sagaduuf jettaniis biyya keessan keessatti dhagaa soofame hin dhaabinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan. 2 “‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani Waaqayyo. 3 “‘Yoo isin sirna koo duukaa buutanii ajajawwan koos eegdanii hojii irra oolchitan, 4 ani yeroo isaatti bokkaa isiniifan kenna; lafti midhaan ishee, mukkeen dirrees ija isaanii ni kennu. 5 Midhaan dhaʼachuun keessan hamma yeroo ija wayinii cirattaniitti itti fufa; ija wayinii cirachuun keessan hamma yeroo facaasaatti ittuma fufa; isinis nyaata keessan hamma quuftanitti nyaattanii lafa keessan irra nagaadhaan jiraattu. 6 “‘Ani biyyattii keessa nagaa nan buusa; isin ni raftu; wanni tokko iyyuu isin hin sodaachisu. Biyyattii keessaa bineensota hamoo nan baasa; goraadeenis biyya keessan keessa hin darbu. 7 Isin diinota keessan ni ariitu; isaan immoo goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu. 8 Isin nama shan taatanii nama dhibba tokko ariitu; dhibba tokko taatanii immoo kuma kudhan ariitu; diinonni keessan goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu. 9 “‘Ani fuula tolaadhaan gara keessan ilaalee akka isin hortanii baayʼattan nan godha; kakuu isin wajjin qabus nan jabeessa. 10 Isin midhaan bara darbee nyaachaa utuu inni gombisaa keessaa hin dhumin, midhaan haaraadhaaf iddoo qopheessuuf jettanii midhaan bara darbee sana gad baaftu. 11 Iddoo jireenya kootii isin gidduu nan godhadha; lubbuun koos isin hin balfitu. 12 Ani isin gidduu jiraadhee Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu. 13 Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan akka isin lammata garboota warra Gibxi hin taaneef biyya Gibxii baasee isin fidee dha; ani hidhaa waanjoo keessanii kutee akka isin mataa ol qabattanii deemtan godheera. 14 “‘Garuu yoo na dhagaʼuu diddanii ajajawwan kanneen hunda eeguu baattan, 15 yoo sirna koo tuffattanii seera koo balfitan, yoo ajajawwan kanneen hunda eeguu baattanii kakuu koo cabsitan, 16 ani wantoota kanneen isinittin fida: Isaanis naasuu, dhukkuba nama huqqisu, dhukkuba dhagna nama gubu kan agartuu namaa balleessee jireenya namaa gogsu isinitti nan fida. Isin akkasumaan midhaan facaafattu; diinota keessantu nyaataatii. 17 Akka isin diinota keessaniin moʼamtaniif ani fuula isinittan hammaadha; warri isin jibban isin bulchu; isin utuu eenyu iyyuu isin hin ariʼin ni baqattu. 18 “‘Yoo isin wantoota kanneen hunda booddee naa ajajamuu diddan ani cubbuu keessaniif dachaa torba isin adaba. 19 Of tuulummaa humna keessanii nan cabsa; samii keessan akka sibiilaa, lafa keessan immoo akka naasii nan godha. 20 Humni keessan akkasumaan bada; lafti keessan midhaan isaa, mukkeenis ija isaanii hin kennaniitii. 21 “‘Yoo isin naan mormitanii na dhagaʼuu diddan, ani akkuma cubbuu keessaniitti dhaʼicha dachaa torba isinitti nan fida. 22 Anis bineensota bosonaa isinittan erga; isaanis ijoollee keessan isin jalaa ni butatu; horii keessan ni barbadeessu; baayʼinni keessan ni xinnaata; daandiiwwan keessanis duwwaa hafu. 23 “‘Yoo isin waan kanneeniin deebiʼuu diddanii naan mormuu keessan itti fuftan garuu, 24 ani mataan koo isiniinan morma; sababii cubbuu keessaniitiifis dachaa torba isin nan miidha. 25 Kakuu cabsuu keessaniifis goraadee isinitti fidee haaloo isin nan baafadha. Yommuu isin gara magaalaawwan keessaniitti baqattanitti ani gidduu keessanitti dhaʼicha nan erga; isinis dabarfamtanii harka diinotaatti kennamtu. 26 Yommuu ani madda buddeena keessanii gogsutti, dubartoonni kudhan eelee tokkotti buddeena tolchu, isaanis buddeena sana madaalanii isinii kennu; isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. 27 “‘Yoo isin waan kanaanis na dhagaʼuu diddanii garuu naan mormuutti fuftan, 28 anis aaree isiniin nan morma; ani mataan koo sababii cubbuu keessaniitiif dachaa torba isiniinan adaba. 29 Isin foon ilmaan keessaniitii fi foon intallan keessanii ni nyaattu. 30 Iddoowwan sagadaa keessan barbadeessee iddoowwan aarsaa ixaanaa keessan nan caccabsa; reeffa keessanis waaqota keessan warra lubbuu hin qabne sana irra nan tuula; isinis nan balfa. 31 Magaalaawwan keessan nan diiga; iddoowwan qulqulluu keessan nan onsa; urgaa keessan gammachiisaas hin urgeeffadhu. 32 Ani akka diinonni keessan kanneen achi jiraatan rifataniif biyyattii nan onsa; 33 ani saboota gidduu isin nan bittinneessa; goraadee koo luqqifadhees isin nan ariʼa. Biyyi keessan ni ona; magaalaawwan keessan immoo ni diigamu. 34 Biyyattiinis yeroo ontee isin biyya diinota keessanii keessa jiraattanitti sanbata isheetti ni gammaddi; laftis boqottee sanbata isheetti gammaddi. 35 Biyyattiin yeroo onte kana hunda boqonnaa sanbatootaa kan yeroo isin ishee irra jiraattanitti hin argatin ni argatti. 36 “‘Warra isin keessaa hafan, ani utuma isaan biyya diinota isaanii jiranuu garaa isaaniitti naasuu nan buusa. Sagaleen baala qilleensi raasuu isaan ariʼa; utuma namni isaan ariʼu tokko illee hin jiraatin isaan akkuma waan goraadee jalaa baqataniitti fiigu; ni kukkufus. 37 Namni isaan ariʼu jiraachuu baatu illee isaan akkuma waan goraadee jalaa baqataniitti wal gufachiisu. Isin fuula diinota keessanii dura dhaabachuu hin dandeessan. 38 Isin saboota ormaa gidduutti dhumtu; lafti diinota keessaniis isin liqimsiti. 39 Warri isin keessaa hafan immoo sababii cubbuu isaaniitiif lafa diinota isaanii keessatti badu; sababii cubbuu abbootii isaaniitiinis ni badu. 40 “‘Garuu yoo isaan cubbuu isaaniitii fi cubbuu abbootii isaanii jechuunis gantummaa fi daba isaan natti hojjetan 41 kan akka ani isaaniin mormuu fi akka ani biyya diinota isaaniitti isaan ergu himatan, yoo garaan isaanii kan dhagna hin qabatin sun gad of deebisee isaan gatii cubbuu isaaniitiif malu baasan, 42 ani kakuu koo kanan Yaaqoob wajjin gale, kakuu koo kanan Yisihaaq wajjin gale, kakuu koo kanan Abrahaam wajjin gale sana nan yaadadha; biyyattiis nan yaadadha. 43 Lafti isaan malee hafti; yeroo isaan malee haftuttis sanbatoota isheetti ni gammaddi. Isaan sababii seera koo tuffatanii ajaja koos balfaniif gatii cubbuu isaanii ni baasu. 44 Taʼus utuu isaan biyya diinota isaanii keessa jiranuu ani kakuu koo kanan isaan wajjin gale sana cabsee guutumaan guutuutti isaan balleessuuf jedhee isaan hin tuffadhu yookaan isaan hin balfu. Ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti. 45 Garuu ani isaaniif jedhee kakuu ani abbootii isaanii warra ani Waaqa isaanii taʼuuf utuu saboonni arganuu biyya Gibxiitii baasee fide sana wajjin gale nan yaadadha. Ani Waaqayyo.’” 46 Kunneen labsiiwwan, seerawwanii fi qajeelcha Waaqayyo Gaara Siinaa irratti harka Museetiin ofii isaatii fi Israaʼeloota gidduutti baasee dha.

< Lewwota 26 >