< Faaruu 4 >

1 Warqeen akkamitti boorrajjaaʼe? Warqeen qulqulluunis akkamitti geeddarame! Dhagaawwan iddoo qulqulluu fiixee daandiiwwan hundaa irratti bibittinnaaʼaniiru. 2 Ilmaan Xiyoon kanneen akka warqee qulqulluutti ilaalamaa turan sun amma akkamitti akka okkotee supheetti, akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu! 3 Waangoonni iyyuu ilmaan isaanii hoosisuuf harma isaanii ni kennu; sabni koo garuu akkuma guchii gammoojjii gara jabeessa taʼeera. 4 Sababii dheebuutiif arrabni daaʼimmanii laagaatti maxxana; ijoolleen buddeena kadhatti: garuu namni isaaniif kennu tokko iyyuu hin jiru. 5 Warri dur cidha nyaachaa turan, rakkatanii daandii irra jiru. Warri dur uffata diimaa dhiilgee uffachaa turan harʼa tuullaa dikee hammatu. 6 Adabbiin yakka saba koo adabbii yakka Sodoom kan utuu harki nama ishee gargaaruuf hin tuqin tasa badde sanaa caalaa guddaa ture. 7 Ilmaan mootota isaanii cabbii caalaa qulqulluu, aannan caalaa adaadii turan; dhagni isaanii lula diimaa caalaa diimaa, bifti isaanii immoo sanpeer fakkaata ture. 8 Amma garuu qaqaa caalaa gurraachaʼaniiru; daandii irrattis namni isaan hubatu hin jiru. Gogaan isaanii lafee isaaniitti maxxaneera; akka mukaas gogeera. 9 Warra beelaan dhumanii mannaa, warra goraadeedhaan ajjeefaman wayya; Isaan waan nyaatamu lafa qotiisaa irraa dhabanii beelaan alatti goggoganii dhumu. 10 Yeroo sabni koo dhumetti dubartoonni gara laafoon harkuma isaaniitiin akka nyaata isaanii taʼaniif ijoollee ofii affeelan. 11 Waaqayyo dheekkamsa isaa guutuu gad dhiise; aarii isaa sodaachisaa sanas ni dhangalaase. Xiyoon keessattis ibidda hundeewwan ishee barbadeessu qabsiise. 12 Akka diinonni yookaan amajaajonni karrawwan Yerusaalem seenuu dandaʼan, mootonni biyya lafaa yookaan sabni addunyaa tokko iyyuu hin amanne. 13 Garuu wanni kun sababii cubbuu raajota isheetii fi balleessaa luboota ishee kanneen ishee keessatti dhiiga qajeelotaa dhangalaasan sanaatiif taʼe. 14 Isaan akkuma jaamotaa daandii irra gatantaru. Hamma namni tokko iyyuu wayyaa isaanii tuquu hin dandeenyetti akka malee dhiigaan xuraaʼaniiru. 15 Namoonnis, “Isin xuraaʼoo dha! Asii badaa! Badaa! Badaa! Nu hin tuqinaa!” jedhanii isaanitti iyyu. Yommuu baqatanii asii fi achi jooranittis saboonni Namoota Ormaa gidduu jiran, “Isaan siʼachi as jiraachuu hin dandaʼan” jedhu. 16 Waaqayyo mataa isaatu isaan bittinneesse; inni siʼachi isaan hin eegu. Luboonni hin kabajamne; maanguddoonni surraa hin arganne. 17 Akkasumaan gargaarsa eeggachuudhaan iji keenya dadhabe; gamoo keenya irra teenyee saba nu baasuu hin dandeenye irraa gargaarsa eegganne. 18 Akka nu daandii keenya irra deemuu hin dandeenyeef namoonni tarkaanfii keenya eegu. Dhumni keenya dhiʼaateera; guyyoonni keenyas gabaabataniiru; badiisni keenya dhufeeraatii. 19 Warri nu ariʼan risaa samii caalaa saffisu; isaan tulluuwwan irraa nu ariʼanii gammoojjii keessatti riphanii nu eeggatu. 20 Hafuurri lubbuu keenyaa kan Waaqayyo dibe, kiyyoo isaaniitiin qabame. Nu waan gaaddidduu isaa jala, Namoota Ormaa gidduu jiraannu seenee turre. 21 Yaa Intala Edoom kan biyya Uuzi keessa jiraattu ati ililchi, gammadis. Garuu xoofoon sun siifis ni kennama; atis machooftee qullaa kee hafta. 22 Intala Xiyoon adabamuun kee ni dhuma; inni bara boojiʼamuu keetii hin dheeressu. Garuu yaa Intala Edoom, inni cubbuu kee ni adabe; hammina kees ifatti baasa.

< Faaruu 4 >