< Abbootii Murtii 5 >

1 Gaafas Debooraa fi Baaraaqi ilmi Abiinooʼam akkana jedhanii faarfatan:
Then Deborah and Barak the son of Abinoam sang on that day, saying,
2 “Yommuu ilmaan moototaa Israaʼelin hoogganan, yommuu sabni Israaʼelis jaallatee of kennutti Waaqayyoon galateeffadhaa!
“Because the leaders took the lead in Israel, because the people offered themselves willingly, be blessed, Yahweh!
3 “Yaa mootota, waan kana dhagaʼaa! Bulchitoonnis dhaggeeffadhaa! Waaqayyoon nan faarfadha; amma illee nan faarfadha; Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif nan weeddisa.
“Hear, you kings! Give ear, you princes! I, even I, will sing to Yahweh. I will sing praise to Yahweh, the God of Israel.
4 “Yaa Waaqayyo, yeroo ati biyya Seeʼiirii baate, yeroo ati biyya Edoomii kaate, lafti ni sochoote; samiiwwanis bokkaa, duumessoonnis bishaan gad roobsan.
“Yahweh, when you went out of Seir, when you marched out of the field of Edom, the earth trembled, the sky also dropped. Yes, the clouds dropped water.
5 Tulluuwwan fuula Waaqayyo Waaqa Siinaa duratti, fuula Waaqayyo Waaqa Israaʼel duratti ni raafaman.
The mountains quaked at Yahweh’s presence, even Sinai at the presence of Yahweh, the God of Israel.
6 “Bara Ilma Anaat, jabana Shamgaar, bara Yaaʼeel keessa daandiiwwan ni onan; karaa deemtonnis daandii jajalʼaa irra deeman.
“In the days of Shamgar the son of Anath, in the days of Jael, the highways were unoccupied. The travelers walked through byways.
7 Hamma ani Debooraan, haadha taʼee Israaʼeliif kaʼutti, gandoonni Israaʼel duwwaa hafu.
The rulers ceased in Israel. They ceased until I, Deborah, arose; Until I arose a mother in Israel.
8 Yommuu isaan waaqota haaraa filatanitti, waraanni hamma karra magaalaatti dhufe; gaachanni yookaan eeboon tokko, Israaʼeloota kuma afurtama gidduutti hin argamne.
They chose new gods. Then war was in the gates. Was there a shield or spear seen among forty thousand in Israel?
9 Garaan koo bulchitoota Israaʼel kanneen fedhiidhaan saba gidduutti argaman wajjin jira. Waaqayyoon leellisaa!
My heart is toward the governors of Israel, who offered themselves willingly among the people. Bless Yahweh!
10 “Isin warri harroota adaadii yaabbatan, warri kooraa baladii qabu irra teessan, warri karaa irra deemtan hubadhaa;
“Speak, you who ride on white donkeys, you who sit on rich carpets, and you who walk by the way.
11 sagalee faarfattootaa dhagaʼaa. Isaan hojii qajeelummaa Waaqayyoo, hojii qajeelummaa loltoonni isaa Israaʼel keessatti godhan odeessu. “Ergasii saboonni Waaqayyoo, gara karra magaalattiitti gad buʼan.
Far from the noise of archers, in the places of drawing water, there they will rehearse Yahweh’s righteous acts, the righteous acts of his rule in Israel. “Then Yahweh’s people went down to the gates.
12 ‘Yaa Debooraa! Dammaqi; dammaqi; dammaqi; dammaqi; faarfannaas faarfadhu! Yaa Baaraaqi! Dammaqi; yaa ilma Abiinooʼam boojiʼamtoota kee boojiʼii fudhadhu.’
‘Awake, awake, Deborah! Awake, awake, utter a song! Arise, Barak, and lead away your captives, you son of Abinoam.’
13 “Namoonni hafanis, gara warra gurguddaatti gad buʼan; sabni Waaqayyoos, akka loltuu jabaatti gara koo dhufe.
“Then a remnant of the nobles and the people came down. Yahweh came down for me against the mighty.
14 Warri hiddi isaanii Amaaleq keessa jiru tokko tokkos Efreem dhufan; Beniyaamis namoota si duukaa buʼan wajjin ture. Ajajjoonni loltoota Maakiir, warri bokkuu ajajjuu qabatanis Zebuuloonii gad buʼan.
Those whose root is in Amalek came out of Ephraim, after you, Benjamin, among your peoples. Governors come down out of Machir. Those who handle the marshal’s staff came out of Zebulun.
15 Hangafoonni Yisaakor Debooraa wajjin turan; Yisaakoris Baaraaqi wajjin ture; innis Baaraaqi wajjin gara sululaatti gad buʼe. Gosa Ruubeen gidduu, qorannoo yaadaa guddaatu ture.
The princes of Issachar were with Deborah. As was Issachar, so was Barak. They rushed into the valley at his feet. By the watercourses of Reuben, there were great resolves of heart.
16 Ati maaliif marʼachuu isaanii dhagaʼuuf jettee gola bushaayee keessa turte? Gosa Ruubeen gidduu, qorannoo yaadaa guddaa isaatu ture.
Why did you sit among the sheepfolds? To hear the whistling for the flocks? At the watercourses of Reuben, there were great searchings of heart.
17 Giliʼaad Yordaanos gama taaʼe; Daan maaliif dooniiwwan keessatti hafe? Aasheer qarqara galaanaatti hafe; buufata isaa keessas ture.
Gilead lived beyond the Jordan. Why did Dan remain in ships? Asher sat still at the haven of the sea, and lived by his creeks.
18 Sabni Zebuuloon duʼaaf of saaxile; Niftaalemis gaarran biyya isaa irratti akkasuma godhe.
Zebulun was a people that jeopardized their lives to the death; Naphtali also, on the high places of the field.
19 “Mootonni dhufanii lolan; mootonni Kanaʼaanis Taʼanaakitti bishaanota Megidoo biratti lolan; boojuu meetii tokko illee hin fudhanne.
“The kings came and fought, then the kings of Canaan fought at Taanach by the waters of Megiddo. They took no plunder of silver.
20 Samii keessaa urjiiwwan ni lolan; adeemsa isaanii irrattis Siisaaraadhaan lolan.
From the sky the stars fought. From their courses, they fought against Sisera.
21 Lagni durii, lagni Qiishoon, lagni Qiishoon sun haxaaʼee isaan fudhate. Yaa lubbuu ko, jabaadhuu fuul duratti deemi!
The river Kishon swept them away, that ancient river, the river Kishon. My soul, march on with strength.
22 Kotteen fardeenii guddisee didiche; ni gulufan; jabeessaniis gulufan.
Then the horse hoofs stamped because of the prancing, the prancing of their strong ones.
23 Ergamaan Waaqayyoos, ‘Meerozin abaaraa. Saba ishees jabeessaatii abaaraa; akka Waaqayyo warra jajjabootti kaʼu gargaaruudhaaf, isaan Waaqayyoon gargaaruudhaaf hin dhufneetii’ jedhe.
‘Curse Meroz,’ said Yahweh’s angel. ‘Curse bitterly its inhabitants, because they didn’t come to help Yahweh, to help Yahweh against the mighty.’
24 “Yaaʼeel niitiin Hebeer Qeenichaa sun dubartoota hunda keessaa haa eebbifamtu; isheen dubartoota dunkaana keessa jiraatan hunda keessaa haa eebbifamtu.
“Jael shall be blessed above women, the wife of Heber the Kenite; blessed shall she be above women in the tent.
25 Inni bishaan kadhate; isheen immoo aannan kenniteef; qabee ulfinaatti itittuu dhiʼeessiteef.
He asked for water. She gave him milk. She brought him butter in a lordly dish.
26 Harka ishee gara qofoo dunkaanaatti hiixatte; harka ishee mirgaatiin burruusa fudhatte; isheenis Siisaaraa dhooftee mataa isaa buruqsite; waraantees illee isaa keessa fullaafte.
She put her hand to the tent peg, and her right hand to the workmen’s hammer. With the hammer she struck Sisera. She struck through his head. Yes, she pierced and struck through his temples.
27 Innis miilla ishee jalatti gombifame; kufee diriires. Miilla ishee jalatti gombifame; ni kufe; iddoo gombifamettis kufee duʼe.
At her feet he bowed, he fell, he lay. At her feet he bowed, he fell. Where he bowed, there he fell down dead.
28 “Haati Siisaaraa foddaa keessaan gad ilaalte; qaawwa keessaanis iyyitee, ‘Gaariin isaa maaliif dhufuuf lafa irra harkifate? Didichuun gaariiwwan isaa maaliif ture?’ jette.
“Through the window she looked out, and cried: Sisera’s mother looked through the lattice. ‘Why is his chariot so long in coming? Why do the wheels of his chariots wait?’
29 Dubartoota ishee keessaa isheen ogeettiin deebii kenniteef; taʼus isheen ofuma isheetiin deebiftee,
Her wise ladies answered her, Yes, she returned answer to herself,
30 ‘Isaan boojuu argatanii addaan qoodachuutti jiru mitii? Tokkoon tokkoon namaa dubartii tokko tokko yookaan lama lama argata mitii? Siisaaraadhaaf uffanni boojuu kan halluudhaan faayeffame, uffanni halluudhaan miidhagfamee hodhame, morma kootiif immoo uffata akka malee miidhagfamee hodhame qoodu mitii? Kun hundi boojuu dha.’
‘Have they not found, have they not divided the plunder? A lady, two ladies to every man; to Sisera a plunder of dyed garments, a plunder of dyed garments embroidered, of dyed garments embroidered on both sides, on the necks of the plunder?’
31 “Kanaafuu yaa Waaqayyo, diinonni kee hundi haa barbadaaʼani! Warri si jaallatan garuu akka biiftuu, ishee humna guutuun baatu sanaa haa taʼan.” Ergasii biyyattiin waggaa afurtama nagaa argatte.
“So let all your enemies perish, Yahweh, but let those who love him be as the sun when it rises in its strength.” Then the land had rest forty years.

< Abbootii Murtii 5 >