< Iyyaasuu 2 >

1 Ergasii Iyyaasuun ilmi Nuuni, “Dhaqaatii biyya sana, keessumattuu Yerikoo basaasaa” jedhee dhoksaan basaastota lama biyya Shixiimiitii erge. Isaanis deemanii mana sagaagaltittii Rahaab jedhamtu tokkoo seenanii achuma turan. 2 Mooticha Yerikoottis, “Kunoo! Israaʼeloota keessaa namoonni tokko tokko biyyattii basaasuuf galgala kana as dhufaniiru” jedhamee himame. 3 Kanaafuu mootichi Yerikoo, “Sababii isaan guutummaa biyyattii basaasuuf dhufaniif namoota gara kee dhufanii mana kee seenan sana gad baasi” jedhee dhaamsa kana Rahaabitti erge. 4 Dubartittiin garuu namoota lamaan fuutee dhoksite. Isheenis akkana jette; “Dhuguma namoonni gara koo dhufaniiru; ani garuu akka isaan eessaa dhufan hin beekne. 5 Isaanis galgala yommuu yeroon karri magaalattii cufamu gaʼetti baʼanii deeman. Karaa isaan deemanis ani hin beeku. Isaan qaqqabdu taʼaatii dafaa isaan duukaa buʼaa.” 6 Isheen garuu gara bantii manaatti ol isaan baaftee cidii talbaa kan bantii manaa irratti tuultee turte jala isaan dhoksite. 7 Kanaafuu namoonni basaastota sana duukaa buʼuudhaaf karaa gara malkaa Yordaanos geessu irra buʼanii qajeelan; karri sunis akkuma duukaa buutonni sun baʼaniin cufame. 8 Isheenis utuu basaastonni sun buluuf hin ciciisin gara bantii manaatti ol baatee 9 akkana isaaniin jette; “Ani akka Waaqayyo biyya kana isinii kennee fi akka isin sodaachuun nurra buʼes nan beeka; namni biyya kana keessa jiraatu hundinuus sababii keessaniif fuula keessan duratti sodaadhaan hollachaa jira. 10 Yommuu isin Gibxii baatanitti akka itti Waaqayyo Galaana Diimaa fuula keessan duratti gogse, waan isinis Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa kanneen gama baʼa Yordaanositti guutumaan guutuutti balleessitan sana lamaan gootan dhageenyeerra. 11 Nu yommuu waaʼee waan kanaa dhageenyetti sababii keessaniif onneen keenya baqxee abdii kutanne. Waaqayyo Waaqni keessan ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqaatii. 12 “Egaa amma sababii ani garaa isinii laafeef isinis akkasuma akka maatii kootiif garaa laaftan maqaa Waaqayyootiin naa kakadhaa. Mallattoo dhugaas naa kennaa; 13 kunis akka isin lubbuu abbaa kootii, haadha kootii, obbolootaa fi obboleettota kootii, waan kan isaanii taʼe hundaa fi lubbuu keenya duʼa oolchitaniif.” 14 Namoonnis, “Lubbuun keenya sababii lubbuu keessaniitiif haa badduu! Yoo isin waan nu hojjennu kana namatti himuu baattan nu yommuu Waaqayyo biyya kana nuu kennutti gara laafinaa fi amanamummaadhaan si simanna” jedhanii ishee abdachiisan. 15 Kanaafuu isheen sababii manni isheen keessa jiraattu sun dallaa magaalattiitiin wal qabatuuf foddaa keessaan funyoodhaan gad isaan buufte. 16 Isheenis akkana isaaniin jette; “Akka warri isin duukaa buʼan sun isin hin argineef gara gaarraniitti baqadhaa. Hamma isaan deebiʼanitti guyyoota sadii achitti dhokadhaa; ergasii immoo karaa keessan deemaa.” 17 Namoonni sunis akkana jedhaniin; “Kakuun ati nu kakachiifte kun kan nu qabachuu dandaʼu, 18 yoo ati yommuu nu biyyattii seennutti funyoo bildiimaa kana foddaa ittiin gad nu buufte kanatti hiitee abbaa keetii fi haadha kee, obboloota keetii fi maatii kee hunda mana keetti galchite qofa. 19 Namni tokko iyyuu yoo mana kee keessaa gara daandii alaatti gad baʼe, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa; nu itti hin gaafatamnu. Nama si wajjin mana kee keessa jiru immoo yoo harki tokko iyyuu isa tuqe, dhiigni isaa mataa keenyatti deebiʼa. 20 Garuu yoo ati waan nu hojjennu kana namatti himte, nu kakuu ati nu kakachiifte sana jalaa bilisa baana.” 21 Isheenis, “Fudhadheera; akkuma isin jettan haa taʼu” jettee deebifte. Kanaafuu isheen isaan ergite; isaanis kaʼanii deeman. Isheen funyoo bildiimaa sana foddaa sanatti hiite. 22 Isaanis yommuu baʼanitti gara gaarranii deemanii hamma duukaa buutonni sun karaa irra barbaadanii isaan dhabanii deebiʼanitti guyyaa sadii achi turan. 23 Basaastonni lamaan sunis deebiʼanii gaarran keessaa baʼanii malkaadhaan laga ceʼuudhaan gara Iyyaasuu ilma Nuuni dhufan; waan isaan irra gaʼe hundas isatti himan. 24 Isaanis Iyyaasuudhaan, “Waaqayyo dhugumaan biyyattii guutuu harka keenyatti kenneera; namoonni hundinuus sababii keenyaaf sodaadhaan hollachaa jiru” jedhan.

< Iyyaasuu 2 >