< Yohannis 17 >

1 Yesuus wantoota kanneen dubbatee gara samii ol ilaalee akkana jedhe: “Yaa Abbaa, saʼaatiin sun gaʼeera. Akka Ilmi kees ulfina siif kennuuf, ati Ilma keetiif ulfina kenni. 2 Akka inni warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa kennuuf, nama hunda irratti taayitaa isaaf kenniteertaatii. (aiōnios g166) 3 Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif. (aiōnios g166) 4 Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera. 5 Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfina ani utuu addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi. 6 “Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru. 7 Isaan akka wanni ati anaaf kennite hundumtuu si biraa dhufe amma beekaniiru. 8 Ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneeraatii; isaanis fudhataniiru. Akka ani si biraa baʼes dhugumaan beekaniiru; akka ati na ergites amananiiru. 9 Ani isaaniif nan kadhadha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif isaaniifin kadhadha malee addunyaaf hin kadhadhu. 10 Wanni ani qabu hundinuu kan kee ti; wanni ati qabdu hundinuus kan koo ti. Anis kanaan ulfina nan argadha. 11 Ani siʼachi addunyaa keessa hin turu; isaan garuu amma iyyuu addunyaa keessa jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee kan naa kennite sanaan isaan eegi. 12 Ani yeroo isaan wajjin turetti, maqaa kee kan ati naa kennite sanaan isaan nan eege; isaan eegeeras. Akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuufis ilma badii sana malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin badne. 13 “Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koos akka isaan keessatti guutuu taʼuuf, ani amma iyyuu utuman addunyaa keessa jiruu wantoota kanneen nan dubbadha. 14 Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin taʼin, isaanis waan kan addunyaa hin taʼiniif, addunyaan isaan jibbeera. 15 Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eegduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si hin kadhadhu. 16 Akkuma ani kan addunyaa hin taʼin isaanis akkasuma kan addunyaa miti. 17 Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha. 18 Akkuma ati gara addunyaatti na ergite sana anis gara addunyaatti isaan ergeera. 19 Akka isaanis dhugumaan qulqullaaʼaniif, ani isaaniif jedhee of nan qulqulleessa. 20 “Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu; 21 kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan. 22 Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera; 23 kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka. 24 “Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada. 25 “Yaa Abbaa Qajeelticha, addunyaan si hin beeku; ani garuu sin beeka; isaan kunis akka ati na ergite ni beeku. 26 Akkan jaalalli ati ittiin na jaallatte sun isaan keessa jiraatuuf, anis akka isaan keessa jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.”

< Yohannis 17 >