< Yooʼeel 2 >

1 Xiyoon keessatti malakata afuufaa; gaara koo qulqulluu irratti sagalee akeekkachiisaa dhageessisaa. Guyyaan Waaqayyoo dhufaa jiraatii; warri lafa irra jiraatan hundi haa hollatan. Guyyaan sun dhiʼaateera;
Blow a horn in Zion, sound an alarm in my holy mountain, let all the inhabitants of the land tremble, for the day of the Lord comes, for near is
2 guyyaan dukkanaatii fi dimimmisaa, guyyaan duumessaatii fi dukkana hamaa ni dhufa. Sabni guddaa fi jabaan tokko akkuma ifa ganama tulluuwwan irratti baʼuutti ni dhufa; wanni akkasii takkumaa bara durii keessa taʼee hin beeku yookaan dhaloota dhufuuf jiru keessatti illee hin taʼu.
the day of darkness and gloom, the day of cloud and thick darkness! Like the light of dawn scattered over the mountains, a people great and powerful; its like has not been from of old, neither will be any more after it, even to the years of coming ages.
3 Fuula isaanii duraa ibiddi ni barbadeessa; dugda isaanii duubaan immoo arraba ibiddaatu bobaʼa. Fuula isaanii duraan lafti iddoo biqiltuu Eeden fakkaata; dugda isaanii duubaan immoo lafti akkuma gammoojjii onee ti; wanni tokko iyyuu isaan duraa hin miliqu.
Before them the fire devours, and behind them a flame burns; like the garden of Eden is the land before them, and after them it is a desolate desert, nothing escapes them.
4 Isaan bifa fardeenii qabu; akkuma fardeen lolaas ni gulufu.
Their appearance is as the appearance of horses, and like horsemen they charge.
5 Isaan sagalee akka gaarii waraanaatiin fiixee tulluu irra utaalu; akkuma ibidda yeroo qarmii gubutti xaaxaʼuu, akkuma waraana jabaa lolaaf baʼe tokkoo ti.
Like the sound of chariots on the tops of the mountains they leap, like the crackle of flames devouring stubble, like a mighty people preparing for battle.
6 Saboonni jara arginii dhiphatu; fuulli nama hundaas ni gurraachaʼa.
Peoples are in anguish before them, all faces grow pale.
7 Isaan akkuma namoota jajjaboo fiigu; akkuma loltootaa dallaa yaabbatanii seenu. Hundi isaanii tarree galanii deemu; isaan keessaa tokko iyyuu daandii isaa irraa hin jalʼatu.
Like mighty men they run, like warriors they mount up a wall, they march each by himself, they break not their ranks,
8 Isaan wal hin dhiiban; hundi isaanii qajeelanii fuula duratti deemu. Utuu toora isaanii hin dhiisin ittisa cabsanii seenu.
none jostles the other. They march each in his path. They fall upon the weapons without breaking.
9 Isaan magaalaa keessa asii fi achi fiigu; dallaa irra fiigu. Isaan mana yaabbatu; akkuma hattuus foddaadhaan ol seenu.
They scour the city, they run on the wall. They climb up into the houses. Like a thief they enter the windows.
10 Fuula isaanii duratti lafti ni sochooti; samiin ni raafama; aduu fi jiʼi ni dukkanaaʼu; urjiiwwan deebiʼanii hin ibsan.
Earth trembles before them, the sky quakes, the sun and moon become dark, and the stars withdraw their shining;
11 Waaqayyo fuula loltoota isaa duratti sagalee dhageessisa; loltoonni isaa akka malee baayʼee dha; warri ajaja isaa eegan jajjaboo dha. Guyyaan Waaqayyoo guddaa dha; guyyaan sun akka malee nama sodaachisa. Eenyutu dura dhaabachuu dandaʼa?
and the Lord utters his voice before his army, for his host is exceedingly great. Mighty is he who performs his word. For great is the day of the Lord, it is terrible, who can endure it?
12 “Amma iyyuu garaa guutuudhaan, soomaan, booʼichaa fi gaddaan gara kootti deebiʼaa” jedha Waaqayyo.
But now this is the message of the Lord: Turn to me with all your heart, and with fasting and weeping and mourning,
13 Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin garaa keessan tarsaasaa. Gara Waaqayyo Waaqa keessaniitti deebiʼaa; inni arjaa fi gara laafessaatii; inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha; inni badiisa erguu irraa of qusata.
rend your hearts and not your garments, and turn to the Lord your God; for he indeed is gracious and merciful, slow to anger and plenteous in love, and relents of the evil.
14 Maaltu beeka? Tarii inni deebiʼee gaabbee eebba, kennaa midhaaniitii fi kennaa dhugaatii kan Waaqayyo Waaqa keessaniif taʼu isiniif hambisa taʼa.
Who knows but he will turn and relent, and leave a blessing behind him, a cereal and drink-offering for the Lord your God.
15 Xiyoon keessatti malakata afuufaa; sooma qulqulluu labsaa; waldaa qulqulluu waamaa.
Blow a horn in Zion, sanctify a fast, summon an assembly,
16 Saba walitti qabaa; waldaa sana qulqulleessaa; maanguddoota walitti fidaa; ijoollee walitti qabaa; daaʼimman harma hodhan illee hin hambisinaa. Misirrichi kutaa isaa keessaa haa baʼu; misirrittiinis diinqa isheetii haa baatu.
gather the people, make holy the congregation, assemble the elders, gather the children, and the infants at the breast. Let the bridegroom come forth from his chamber, and the bride from her bridal tent.
17 Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduutti haa booʼan. Isaan akkana haa jedhan; “Yaa Waaqayyo saba kee baraari. Handhuuraa kee waan qoosaa, saboota gidduuttis waan kolfaa hin godhin. Isaan maaliif namoota gidduutti, ‘Waaqni isaanii eessa jira?’ jedhu?”
Between the porch and the altar, let the priests, the ministers of the Lord weep aloud, let them say: Spare, the Lord, your people. Make not your heritage an object of reproach, for the heathen to mock them. Why should it be said among the nations, “Where is their God?”
18 Waaqayyo biyya isaatiif ni hinaafa; saba isaatiifis garaa laafa.
Then the Lord became deeply concerned for his land, and took pity upon his people,
19 Waaqayyo akkana jedhee deebii kennaaf: “Ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii ejersaa kan isin quubsu isiniif nan erga; ani lammata saboota gidduutti waan qoosaa isin hin godhu.
and the Lord answered and said to his people: I will send you corn, wine, and oil. You will be satisfied. I will not make you again an object of scorn among the nations,
20 “Ani loltoota kaabaa isin duraa balleessee gara lafa gogaa fi duwwaatti isaan ariʼa; loltoonni fuula duraan yaaʼan galaana baʼa biiftuu, kanneen dugda duubaan yaaʼan immoo galaana gama lixa biiftuu seenu. Reeffi isaanii ni xiraaʼa; xiraan isaaniis ol baʼa.” Dhugumaan inni waan guddaa hojjeteera!
I will remove far from you the northern foe, and I will drive it into a land barren and desolate, its front into the eastern sea, and its rear to the western sea. And from it a stench will arise. He has done great things!
21 Yaa biyya Yihuudaa, hin sodaatin; gammadiitii ililchi. Waaqayyo dhugumaan waan guddaa hojjeteera!
Fear not, land, exult. Rejoice for the Lord has done great things!
22 Yaa bineensota bosonaa, isinis hin sodaatinaa; dirreen dheedaa gabbachaa jiraatii. Mukkeen ija naqachaa, harbuu fi wayiniinis ija kennaa jiru.
Fear not, animals of the field. For the pastures of the wilderness are putting forth new grass, for the trees bear their fruit, fig tree and vine yield full harvest.
23 Yaa uummata Xiyoon gammadi; Waaqayyo Waaqa keetti gammadi; inni qajeelummaadhaan rooba arfaasaa siif kenneeraatii. Inni akkuma durii bokkaa baayʼee, rooba arfaasaa fi kan birraa siif erga.
Be glad, then, children of Zion, and rejoice in the Lord your God, for he has given you the early rain in just measure, and poured down upon you the winter rain, and sent the latter rain as before.
24 Oobdiin midhaaniin guutama; boolli itti wayinii cuunfanis daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaan guutamanii dhangalaasu.
The threshing floors will be full of grain, and the vats will overflow with new wine and oil.
25 “Ani waan bara hawwaannisni nyaate, waan hawwaannisni gurguddaa fi xixinnaan nyaate, waan hawwaannisni kaanii fi tuunni hawwaannisaa jechuunis loltoonni koo jajjaboon ani gidduu keessanitti erge sun nyaatan iddoo isiniif nan buusa.
I will repay you for the years which the swarming locust has eaten. The hopping, the destroying, and the cutting locusts, my great army which I sent among you, and my people will never again be put to shame.
26 Isin waan hamma quuftanitti nyaattan baayʼee ni qabaattu; maqaa Waaqayyo Waaqa keessanii kan waan dinqii isiniif hojjete sanaa ni galateeffattu; uummanni koo lammata hin qaaneffamu.
You will eat your food and be satisfied, and praise the name of the Lord your God, who has dealt so wonderfully by you,
27 Ergasii isin akka ani Israaʼel keessa jiru akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe, akka ana malee Waaqni biraa hin jirre ni beektu; uummanni koo lammata hin qaaneffamu.
and you will know that I am in the midst of Israel, that I am the Lord your God and none else, and my people will never again be put to shame.
28 “Anis kana booddee, Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa. Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu; dargaggoonni keessan mulʼata argu.
Afterwards, I will pour out my spirit on everyone. Your sons and your daughters will prophesy, your old men will dream dreams. Your young men will see visions,
29 Bara sana keessa, garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee Hafuura koo nan dhangalaasa.
and even on your male and female slaves in those days, I will pour out my spirit.
30 Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
And I will show signs in the sky and on earth: Blood and fire and pillars of smoke.
31 Utuu guyyaan Waaqayyoo inni guddichii fi sodaachisaan sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
The sun will be turned into darkness, and the moon into blood before the coming of the great and terrible day of the Lord.
32 Namni maqaa Waaqayyoo waammatu hundinuu ni fayya; akkuma Waaqayyo dubbatettis Tulluu Xiyoon irraa fi Yerusaalem keessa, furamatu jiraata; hambaa gidduuttis warri Waaqayyo isaan waame ni argamu.
But whoever will call upon the name of the Lord will be saved. For in Mount Zion and in Jerusalem there will be those who escape, even as the Lord has said, and among the fugitives those whom the Lord calls.

< Yooʼeel 2 >