< Iyyoob 41 >

1 “Ati hokkoo qurxummiitiin Lewaataan harkiftee baasuu yookaan arraba isaa funyoodhaan hidhuu ni dandeessaa? 2 Funyaan isaa keessa funyoo baasuu yookaan lafee mangaagaa isaa hokkoodhaan uruu ni dandeessaa? 3 Inni akka ati isaaf araaramtuuf guddisee si kadhataa? Afaan nagaatiinis sitti ni dubbataa? 4 Akka ati bara baraan garbicha godhattuuf inni si wajjin kakuu ni galaa? 5 Ati akka simbirroota wajjin taphattu isa wajjin ni taphattaa? Yookaan shamarran keetiif isa ni hiitaa? 6 Daldaltoonni isa irratti gatii wal dubbatuu? Warra bitee gurguruufis isa ni qooduu? 7 Ati gogaa isaa xiyyaan, yookaan mataa isaa hokkoo ittiin qurxummii qabaniin wawwaraanuu ni dandeessaa? 8 Yoo harka keetiin isa tuqxe, walʼaansoo sana ni yaadatta; deebitees waan sana hin gootu! 9 Isa moʼanna jedhanii abdachuun soba; ijumaan isa ilaaluunuu nama hollachiisa. 10 Namni isa dammaqsuuf garaa qabaatu tokko iyyuu hin jiru. Egaa namni na dura dhaabachuu dandaʼu eenyu? 11 Namni waa natti kennatee ani deebisuufii qabu eenyu? Wanni samii jala jiru hundinuu kanuma koo ti. 12 “Ani waaʼee harkaa fi miilla isaa, waaʼee jabinaa fi dhaaba toluu isaa dubbachuu hin dhiisu. 13 Eenyutu uffata inni irraan uffatu irraa baasa? Eenyutu luugama qabatee isatti dhiʼaata? 14 Eenyutu balbala afaan isaa isa ilkaan isaa sodaachisaa sanaan marfame banuu dandaʼa? 15 Dugdi isaa gaachanawwan tarree galan, kanneen akka malee walitti maxxanfaman qaba; 16 tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaa akka qilleensi gidduu isaanii hin baaneef baayʼee walitti maxxanu. 17 Isaan jabeeffamanii walitti qabsiifaman; waan walitti fayyaniif gargar hin baafaman. 18 Haxxissoon isaa balaqqeessa ifaa baasa; iji isaa immoo akkuma ifa biiftuu reefuu baatuu ti. 19 Afaan isaa keessaa arraba ibiddaatu baʼa; qaanqeenis afaan isaa keessaa ni faffacaʼa. 20 Akkuma aara xuwwee ibidda shambaqqoo irratti dafqu keessaa baʼuu funyaan isaatii aarri ni baʼa. 21 Hafuurri afaan isaatii baʼu cilee ibiddaa qabsiisa; afaan isaa keessaas arrabni ibiddaa ni baʼa. 22 Morma isaa keessa jabinatu jira; sodaachisuunis fuula isaa dura ni utaala. 23 Dachaan foon isaa wal qabateera; dachaan sunis walitti fayyeera; hin sochoʼus. 24 Lapheen isaa akka kattaa jabaata; akka dhagaa daakuus jabaa dha. 25 Yeroo inni ol kaʼutti, jajjaboonni ni sodaatu; yommuu inni lafa sochoosaa dhufutti isaan of irra garagalanii baqatu. 26 Goraadeen itti buʼu illee homaa isa hin godhu; eeboon yookaan xiyyi yookaan ankaaseenis homaa isa hin godhu. 27 Inni sibiila akka cidiitti, naasii immoo akka muka tortoreetti heda. 28 Xiyyi isa hin baqachiisu; dhagaan furrisaa isaaf akkuma habaqii ti. 29 Bokkuun isaaf akkuma cidii ti; inni mirmirfamuu eebootti ni kolfa. 30 Garaan isaa jalli akka cabaa okkotee kan qara qabuu ti; akka muka ittiin midhaan dhaʼaniittis dhoqqee baqaqsa. 31 Inni tuujuba akka okkotee dafquutti koqsiisa; galaanas akkuma bilqaaxxii dibataa raasa. 32 Inni duuba isaatiin akka karaan ifu ni godha; namni waan tuujubni sun rifeensa adii qabu seʼa. 33 Uumamni homaa hin sodaanne, kan isaan qixxaatu tokko iyyuu lafa irra hin jiru. 34 Inni warra of tuulu ni tuffata; warra of jaju hunda irratti mootii dha.”

< Iyyoob 41 >