< Iyyoob 40 >

1 Waaqayyos Iyyoobiin akkana jedhe:
Yahweh continued to speak to Job; he said,
2 “Namni Waaqa Waan Hunda Dandaʼuun falmu tokko isa ni qajeelchaa? Namni Waaqa himatu deebii haa kennuuf!”
“Should anyone who wishes to criticize try to correct the Almighty? He who argues with God, let him answer.”
3 Iyyoobis akkana jedhee Waaqayyoof deebise:
Then Job answered Yahweh and said,
4 “Ani nama faayidaa hin qabnee dha; akkamittin deebii siif kenna? Harka koo afaan koo irra nan kaaʼadha.
“See, I am insignificant; how can I answer you? I put my hand over my mouth.
5 Ani yeroo tokko dubbadheera; garuu ani waanan deebisu hin qabu; siʼa lama dubbadheera; kana caalaa garuu homaa hin jedhu.”
I spoke once, and I will not answer; indeed, twice, but I will proceed no further.”
6 Kana irratti Waaqayyo bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate:
Then Yahweh answered Job out of a fierce storm and said,
7 “Akka dhiiraatti mudhii kee hidhadhu; ani sin gaafadha; ati immoo deebii naa kennita.
“Now gird up your loins like a man, for I will ask you questions, and you must answer me.
8 “Ati murtii koo qajeelaa sana gatii dhabsiistaa? Ofii keetii qajeelaa taʼuuf na himattaa?
Will you actually say that I am unjust? Will you condemn me so you may claim you are right?
9 Irree akka irree Waaqaa qabdaa? Sagaleen kees akka sagalee isaa qaqawweessaʼuu dandaʼaa?
Do you have an arm like God's? Can you thunder with a voice like him?
10 Ulfinaa fi guddinaan of miidhagsi; kabajaa fi barreedina uffadhu.
Now clothe yourself in glory and dignity; array yourself in honor and majesty.
11 Dheekkamsa kee kan guutee irra yaaʼu sana dhangalaasi; nama of tuulu kam iyyuu ilaalii qaanessi.
Scatter around the excess of your anger; look at everyone who is proud and bring him down.
12 Nama of tuulu hunda ilaalii gad deebisi; hamoota illee iddoodhuma isaan dhaabatanitti caccabsi.
Look at everyone who is proud and bring him low; trample down wicked people where they stand.
13 Isaan hunda walitti qabii biyyoo keessatti awwaali; fuula isaaniis awwaala keessa dhoksi.
Bury them in the earth together; imprison their faces in the hidden place.
14 Yoos ani mataan koo, akka harki kee mirgaa si oolchuu dandaʼu siifin mirkaneessa.
Then will I also acknowledge about you that your own right hand can save you.
15 “Bihemootin ani akkuman si uumettin uume, kan akkuma qotiyyoo marga dheedu sana mee ilaali.
Look now at the behemoth, which I made when I made you; he eats grass like an ox.
16 Jabinni isaa dugda isaa keessa, humni isaa immoo ribuu garaa isaa keessa jira!
See now, his strength is in his loins; his power is in his belly's muscles.
17 Eegeen isaa akkuma muka birbirsaa raafama; ribuun tafa isaa wal keessa xaxamaa dha.
He makes his tail like a cedar; the sinews of his thighs are joined together.
18 Lafeen isaa akka ujummoo naasii ti; harkii fi miilli isaa immoo akka ulee sibiilaa ti.
His bones are like tubes of bronze; his legs are like bars of iron.
19 Inni uumamawwan Waaqaa keessaa hangafa; garuu inni isa uume goraadee isaatiin isatti dhiʼaachuu dandaʼa.
He is the chief of the creatures of God. Only God, who made him, can defeat him.
20 Gaarran marga ni kennuuf; bineensonni hundi naannoo isaa ni burraaqu.
For the hills provide him with food; the beasts of the field play nearby.
21 Inni huuxxii qoraattii qabu jala ciisa; shambaqqoo lafa dhaqdhaqii keessa dhokata.
He lies under the lotus plants in the shelter of the reeds, in the marshes.
22 Gaaddisni huuxxii qoraattii qabuu isa haguuga; alaltuun lagaas isa marsa.
The lotus plants cover him with their shade; the willows of the brook are all around him.
23 Yommuu lagni cabsee yaaʼutti iyyuu kunoo, inni hin rifatu. Lagni Yordaanos afaan isaa irra garagalu iyyuu inni hin shishu.
See, if a river floods its banks, he does not tremble; he is confident, though the Jordan should surge up to his mouth.
24 Namni utuma inni arguu isa qabuu yookaan kiyyoodhaan isa qabee funyaan isaa uruu dandaʼu tokko iyyuu jiraa?
Can anyone capture him with a hook, or pierce his nose through with a snare?

< Iyyoob 40 >