< Iyyoob 28 >

1 Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira. 2 Sibiilli lafa keessaa baafama; sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama. 3 Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; moggaa akka malee fagoo dhaqees, dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada. 4 Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama. 5 Lafa irraa garuu nyaatatu argama; jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti; 6 dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; biyyoon isaas warqee qaba. 7 Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; iji culullees karaa sana hin argine. 8 Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; leencis karaa sana hin darbine. 9 Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha. 10 Inni kattaa keessaan karaa baasa; iji isaas waan gatii guddaa hunda arga. 11 Madda lageenii ni sakattaʼa; waan dhokfames ifatti ni baasa. 12 Ogummaan garuu eessaa argamti? Hubannaanis eessa jiraata? 13 Namni gatii isaa hin beeku; inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu. 14 Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha. 15 Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu. 16 Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu. 17 Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu. 18 Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; gatiin ogummaa lula diimaa caala. 19 Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu. 20 Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? Hubannaanis eessa jiraatti? 21 Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; simbirroota samii jalaas baddeerti. 22 Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa gurra keenyaan dhageenye” jedhu. 23 Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, lafa inni jiraatus beeka; 24 inni handaara lafaa ni ilaala; waan samii jala jiru hunda ni argaatii. 25 Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee bishaanota safaretti, 26 yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee bakakkaaf immoo daandii baasetti, 27 inni ogummaa ilaalee madaale; jabeessee dhaabee ishee qorate. 28 Ergasii ilmaan namaatiin, “Gooftaa sodaachuun ogummaa; waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.

< Iyyoob 28 >