< Iyyoob 25 >

1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise: 2 “Mootummaa fi sodaatamuun kan Waaqaa ti; inni samiiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa. 3 Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu? Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa? 4 Yoos namni akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree? Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa? 5 Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne, yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan, 6 namni raammoo foonii taʼe, ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”

< Iyyoob 25 >