< Iyyoob 23 >

1 Iyyoob akkana jedhee deebise: 2 “Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha; yoo ani akkam aade iyyuu harki isaa natti ulfaateera. 3 Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee, utuu iddoo inni jiraatu illee dhaquu dandaʼee! 4 Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee afaan koo falmiin guuttadha ture. 5 Waan inni naa deebisu nan beekan ture; waan inni naan jedhus nan hubadhan ture. 6 Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa? Lakki, na dhaggeeffata malee. 7 Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata; anis isa natti muru jalaa bara baraan nan baʼa. 8 “Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru; ani yoo gara dhiʼaa dhaqes achitti isa hin argadhu. 9 Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu; yommuu inni gara kibbaatti deebiʼuttis ani hamma libsuu ijaa isa arguu hin dandaʼu. 10 Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka; yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha. 11 Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera; ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera. 12 Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne; nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha. 13 “Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata; kan isaan mormuu dandaʼu eenyu? Inni waanuma jaallatu hojjeta. 14 Inni waan natti mure ni raawwata; amma illee karoora akkanaa hedduu yaada isaa keessaa qaba. 15 Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma; ani yommuun waan kana hunda yaadutti isa nan sodaadha. 16 Waaqni garaa koo ni raase; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na sodaachise. 17 Haa taʼu malee dukkanni, dukkanni limixiin fuula koo haguugu iyyuu na hin barbadeessine.

< Iyyoob 23 >