< Iyyoob 20 >

1 Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise:
Then Zophar the Naamathite made answer and said,
2 “Waan ani akka malee jeeqameef, yaadni koo akka ani deebii kennu na kakaasa.
For this cause my thoughts are troubling me and driving me on.
3 Ani dheekkamsa na qaanessu dhagaʼaan jira; qalbiin koos akka ani deebii kennu na kakaasa.
I have to give ear to arguments which put me to shame, and your answers to me are wind without wisdom.
4 “Ati erga namni lafa irra kaaʼamee bara duriitii jalqabee wanni kun akkam akka ture ni beekta mitii?
Have you knowledge of this from early times, when man was placed on the earth,
5 Burraaquun jalʼootaa yeroo gabaabaaf tura; gammachuun warra Waaqaaf hin bullees akkuma liphsuu ijaa ti.
That the pride of the sinner is short, and the joy of the evil-doer but for a minute?
6 Of tuulummaan isaa samiiwwan gaʼee mataan isaa duumessawwan tuqus,
Though he is lifted up to the heavens, and his head goes up to the clouds;
7 inni akkuma awwaaraa bara baraan bada; warri duraan isa arganis, ‘Inni eessa jira?’ jedhu.
Like the waste from his body he comes to an end for ever: those who have seen him say, Where is he?
8 Inni akkuma abjuu fiigee bada; deebiʼees hin argamu; akkuma mulʼata halkaniis dafee dhabama.
He is gone like a dream, and is not seen again; he goes in flight like a vision of the night.
9 Iji isaa argee ture deebiʼee isa hin argu; iddoon isaas siʼachi isa hin ilaalu.
The eye which saw him sees him no longer; and his place has no more knowledge of him.
10 Ijoolleen isaa hiyyeeyyiif beenyaa baasu; harki isaas qabeenya inni saame deebisee kennuu qaba.
His children are hoping that the poor will be kind to them, and his hands give back his wealth.
11 Jabinni dargaggummaa kan lafee isaa keessa guute sun, isa wajjin biyyoo keessa ciisa.
His bones are full of young strength, but it will go down with him into the dust.
12 “Hamminni afaan isaa keessatti miʼaawee inni arraba isaa jala dhokfatu iyyuu,
Though evil-doing is sweet in his mouth, and he keeps it secretly under his tongue;
13 inni afaanii baafatee gatuu jibbee afaanuma ofii isaa keessa turfatu iyyuu,
Though he takes care of it, and does not let it go, but keeps it still in his mouth;
14 nyaanni isaa garaa isaa keessatti dhangaggaaʼa; isa keessattis hadhaa bofaa taʼa.
His food becomes bitter in his stomach; the poison of snakes is inside him.
15 Inni qabeenya liqimse sana ni tufa; Waaqnis akka garaan isaa waan sana diddigu ni godha.
He takes down wealth as food, and sends it up again; it is forced out of his stomach by God.
16 Inni summii bofaa xuuxa; arrabni buutiis isa ajjeesa.
He takes the poison of snakes into his mouth, the tongue of the snake is the cause of his death.
17 Inni laga yaaʼu, burqaa dammaatii fi dhadhaa hin argu.
Let him not see the rivers of oil, the streams of honey and milk.
18 Inni waan itti dadhabe utuu hin nyaatin deebisa; buʼaa daldala isaa irraa argatettis hin gammadu.
He is forced to give back the fruit of his work, and may not take it for food; he has no joy in the profit of his trading.
19 Inni hiyyeeyyii hacuucee harka duwwaa hambiseeraatii; mana ofii hin ijaarinis humnaan fudhateera.
Because he has been cruel to the poor, turning away from them in their trouble; because he has taken a house by force which he did not put up;
20 “Hawwii isaa hamaa sana irraa boqonnaa hin argatu; inni qabeenya isaatiin of oolchuu hin dandaʼu.
There is no peace for him in his wealth, and no salvation for him in those things in which he took delight.
21 Wanni inni nyaatu tokko iyyuu hin hafuuf; badhaadhummaan isaas itti fufee hin jiraatu.
He had never enough for his desire; for this cause his well-being will quickly come to an end.
22 Utuma inni waan hunda qabuu rakkinni isatti dhufa; dhiphinni cimaanis isa qabata.
Even when his wealth is great, he is full of care, for the hand of everyone who is in trouble is turned against him.
23 Yeroo inni garaa isaa guutatutti, Waaqni dheekkamsa isaa sodaachisaa sana itti erga; dhaʼicha isaa illee itti roobsa.
God gives him his desire, and sends the heat of his wrath on him, making it come down on him like rain.
24 Inni miʼa lolaa sibiilaa baqatu illee, xiyya naasiitu isa waraana.
He may go in flight from the iron spear, but the arrow from the bow of brass will go through him;
25 Dudga isaa keessaa xiyya, tiruu isaa keessaa immoo fiixee calaqqisu buqqisa. Sodaan guddaan isa qabata;
He is pulling it out, and it comes out of his back; and its shining point comes out of his side; he is overcome by fears.
26 dukkanni limixiinis riphee qabeenya isaa eeggata. Ibiddi namni tokko iyyuu hin afarsin gubee isa fixa; waan dunkaana isaa keessatti hafes ni barbadeessa.
All his wealth is stored up for the dark: a fire not made by man sends destruction on him, and on everything in his tent.
27 Samiiwwan balleessaa isaa saaxilu; laftis isatti kaati.
The heavens make clear his sin, and the earth gives witness against him.
28 Guyyaa dheekkamsa Waaqaatti lolaan mana isaa, bishaan yaaʼus miʼa isaa fudhatee deema.
The produce of his house is taken away into another country, like things given into the hands of others in the day of wrath.
29 Carraan Waaqni cubbamootaaf kennu, dhaalli Waaqni isaaniif qoodes kanuma.”
This is the reward of the evil man, and the heritage given to him by God.

< Iyyoob 20 >