< Iyyoob 19 >

1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
Then Job answered,
2 “Isin hamma yoomiitti na dhiphistanii dubbiin na cabsitu?
"How long will you torment me, and crush me with words?
3 Amma siʼa kudhan na arrabsitaniirtu; qaanii malees na miitaniirtu.
You have reproached me ten times. You aren't ashamed that you attack me.
4 Yoo ani dhugumaan karaa irraa goree jiraadhe, dogoggorri koo anuma wajjin jiraata.
If it is true that I have erred, my error remains with myself.
5 Yoo isin dhugumaan anaa olitti of guddiftanii na miidhuuf salphina kootti fayyadamtan,
If indeed you will magnify yourselves against me, and plead my disgrace against me;
6 akka Waaqni na miidhee kiyyoo isaa illee natti xaxe beekaa.
know now that God has subverted me, and has surrounded me with his net.
7 “‘Ani miidhameera!’ jedhee iyyadhu illee deebii hin argadhu; sagalee ol fudhadhee gargaarsaaf iyyus murtiin qajeelaan hin jiru.
"Look, I cry out 'Injustice.' but there is no justice.
8 Akka ani hin dabarreef inni karaa koo cufeera; daandii koottis dukkana haguugeera.
He has walled up my way so that I can't pass, and has set darkness in my paths.
9 Ulfina koo narraa mulqeera; mataa koo irraas gonfoo fuudheera.
He has stripped me of my glory, and taken the crown from my head.
10 Inni hamma ani badutti gama hundaan na diiga; abdii koo illee akkuma mukaa buqqisa.
He has broken me down on every side, and I am gone. My hope he has plucked up like a tree.
11 Dheekkamsi isaa natti bobaʼa; akkuma diina isaattis na heda.
He has also kindled his wrath against me. He counts me among his adversaries.
12 Loltoonni isaa humnaan dhufanii naannoo kootti daʼannaa ijaarratan; dunkaana koos ni marsan.
His troops come on together, build a siege ramp against me, and camp around my tent.
13 “Inni obboloota koo narraa fageesseera; michoonni koos keessummaa natti taʼan.
"He has put my brothers far from me. My acquaintances are wholly estranged from me.
14 Firoonni koo na dhiisaniiru; michuuwwan koos na dagataniiru.
My relatives have gone away. My familiar friends have forgotten me.
15 Keessumoonni mana koo jiranii fi xomboreewwan koo akka alagaatti na ilaalan; akka nama ormaattis na hedan.
Those who dwell in my house, and my maids, count me for a stranger. I am a foreigner in their sight.
16 Hojjetaa koo nan waama; afaan kootiinis isa nan kadhadha; inni garuu na jalaa hin owwaatu.
I call to my servant, and he gives me no answer. I beg him with my mouth.
17 Hafuurri koo niitii kootti illee jibbisiisaa dha; ani obboloota koottis xiraaʼaa dha.
My breath is offensive to my wife. I am loathsome to the children of my own mother.
18 Ijoolleen xixinnoon iyyuu na tuffatu; yommuu ani kaʼus natti qoosu.
Even young children despise me. If I arise, they speak against me.
19 Michoonni koo kanneen walitti dhiʼaannu hundi na balfan; warri ani jaalladhus natti garagalan.
All my familiar friends abhor me. They whom I loved have turned against me.
20 Ani gogaa fi lafeedha malee homaa miti; gogaan ilkaanii qofti naaf hafeen jalaa baʼe.
My bones stick to my skin and to my flesh. I have escaped by the skin of my teeth.
21 “Garaa naa laafaa, yaa michoota koo garaa naa laafaa; harki Waaqaa na dhaʼeeraatii.
"Have pity on me, have pity on me, you my friends; for the hand of God has touched me.
22 Isin maaliif akkuma Waaqni na ariʼu sana na ariitu? Amma illee foon koo isin hin geenyee?
Why do you persecute me as God, and are not satisfied with my flesh?
23 “Maaloo utuu dubbiin koo barreeffamee jiraatee! Utuu kitaaba keessatti barreeffamee!
"Oh that my words were now written. Oh that they were inscribed in a scroll.
24 Utuu sibiilaan kattaa irratti barreeffamee yookaan bara baraan dhagaa irratti qirixamee jiraatee!
That with an iron pen and lead they were engraved in the rock forever.
25 Ani akka furiin koo jiraataa taʼe, akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka.
But as for me, I know that my Redeemer lives. In the end, he will stand upon the earth.
26 Erga gogaan koo badee booddee, ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga;
After my skin is destroyed, then in my flesh shall I see God,
27 ani mataan koo isa nan arga; utuu nama biraa hin taʼin anuu ija kootiin isa nan arga. Onneen koo akkam na keessatti gaggabdi!
Whom I, even I, shall see on my side. My eyes shall see, and not as a stranger. My heart is consumed within me.
28 “Yoo isin, ‘Sababii hiddi rakkina sanaa isa keessa jiruuf nu akkamitti isa ariina?’ jettan,
If you say, 'How we will persecute him, because the root of the matter is found in him.'
29 sababii dheekkamsi goraadeedhaan adabamuu fiduuf isin mataan keessan goraadee sodaachuu qabdu; kunis akka isin akka murtiin jiru beektaniif.”
Be afraid of the sword, for wrath brings the punishments of the sword, that you may know there is a judgment."

< Iyyoob 19 >