< Iyyoob 18 >

1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise: 2 “Isin haasaa kana yoom fixxu? Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya. 3 Nu maaliif akka looniitti hedamna? Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna? 4 Ati kan aariidhaan of ciccirtu, lafti sababii keetiif duwwaatti haftii? Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa? 5 “Ibsaan nama hamaa ni dhaama; arrabni ibidda isaa ifa hin kennu. 6 Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa; ibsaan isa bira jirus ni dhaama. 7 Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba; malli isaas isuma kuffisa. 8 Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa; inni boolla kiyyeeffame irra ni joora. 9 Kiyyoon kottee isaa qaba; futtaasaanis jabeessee isa qaba. 10 Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera; karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera. 11 Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa; faana isaa buʼees isa ariʼa. 12 Badiisni afaan itti banateera; balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata. 13 Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma; ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata. 14 Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee gara mootii sodaatti geeffama. 15 Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata; dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa. 16 Jalaan hiddi isaa ni goga; irraan immoo dameen isaa ni coollaga. 17 Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada; maqaan isaas lafa irraa ni dhabama. 18 Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama; addunyaa irraas ni dhabama. 19 Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii, biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu. 20 Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu; warri baʼaas sodaadhaan guutamu. 21 Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa; iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.”

< Iyyoob 18 >