< Iyyoob 18 >

1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
Then answered Bildad the Shuhite, and said,
2 “Isin haasaa kana yoom fixxu? Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya.
How long [will it be ere] ye make an end of words? mark, and afterwards we will speak.
3 Nu maaliif akka looniitti hedamna? Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna?
Wherefore are we counted as beasts, [and] reputed vile in your sight?
4 Ati kan aariidhaan of ciccirtu, lafti sababii keetiif duwwaatti haftii? Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa?
He teareth himself in his anger: shall the earth be forsaken for thee? and shall the rock be removed out of his place?
5 “Ibsaan nama hamaa ni dhaama; arrabni ibidda isaa ifa hin kennu.
Yea, the light of the wicked shall be put out, and the spark of his fire shall not shine.
6 Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa; ibsaan isa bira jirus ni dhaama.
The light shall be dark in his tabernacle, and his candle shall be put out with him.
7 Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba; malli isaas isuma kuffisa.
The steps of his strength shall be straitened, and his own counsel shall cast him down.
8 Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa; inni boolla kiyyeeffame irra ni joora.
For he is cast into a net by his own feet, and he walketh upon a snare.
9 Kiyyoon kottee isaa qaba; futtaasaanis jabeessee isa qaba.
The gin shall take [him] by the heel, [and] the robber shall prevail against him.
10 Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera; karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera.
The snare [is] laid for him in the ground, and a trap for him in the way.
11 Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa; faana isaa buʼees isa ariʼa.
Terrors shall make him afraid on every side, and shall drive him to his feet.
12 Badiisni afaan itti banateera; balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata.
His strength shall be hungerbitten, and destruction [shall be] ready at his side.
13 Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma; ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata.
It shall devour the strength of his skin: [even] the firstborn of death shall devour his strength.
14 Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee gara mootii sodaatti geeffama.
His confidence shall be rooted out of his tabernacle, and it shall bring him to the king of terrors.
15 Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata; dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa.
It shall dwell in his tabernacle, because [it is] none of his: brimstone shall be scattered upon his habitation.
16 Jalaan hiddi isaa ni goga; irraan immoo dameen isaa ni coollaga.
His roots shall be dried up beneath, and above shall his branch be cut off.
17 Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada; maqaan isaas lafa irraa ni dhabama.
His remembrance shall perish from the earth, and he shall have no name in the street.
18 Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama; addunyaa irraas ni dhabama.
He shall be driven from light into darkness, and chased out of the world.
19 Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii, biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu.
He shall neither have son nor nephew among his people, nor any remaining in his dwellings.
20 Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu; warri baʼaas sodaadhaan guutamu.
They that come after [him] shall be astonied at his day, as they that went before were affrighted.
21 Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa; iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.”
Surely such [are] the dwellings of the wicked, and this [is] the place [of him that] knoweth not God.

< Iyyoob 18 >