< Ermiyaas 6 >

1 “Yaa saba Beniyaam baqadhaa baʼaa! Yerusaalem keessaa baqadhaa! Teqooʼaa keessatti malakata afuufaa! Beet Hakerem irratti mallattoo ol qabaa! Karaa kaabaatiin balaan, badiisni suukaneessaan ni dhufaatii. 2 Ani Intala Xiyoon ishee bareedduu fi qananiituu sana nan galaafadha. 3 Tiksoonni bushaayee isaanii fudhatanii isheetti dhufu; dunkaana isaaniis isheetti naannessanii dhaabatu. Tokkoon tokkoon isaaniis iddoo isaaniitti bobbaafatu.” 4 “Isheetti waraana kaasuuf qophaaʼaa! Kaʼaa, guyyaa saafaadhaan ishee waraanaa! Wayyoo, aduun dhiʼaa jirti; gaaddisni galgalaas dheerateera. 5 Kanaafuu kaʼaa, halkaniin ishee dhoofnee daʼannoowwan ishee barbadeessinaa!” 6 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Mukkeen ishee ciraa; naannoo Yerusaalemitti tuulaa biyyoo tolchaa; magaalaan kun adabamuu qabdi; isheen cunqursaadhaan guutamteertii. 7 Akkuma boolli bishaanii bishaan yaasu sana, isheenis hammina ishee gad yaafti; jeequmsii fi badiisni ishee keessatti ni dhagaʼama. Dhukkubnii fi madaan ishee yeroo hunda fuula koo dura jiran. 8 Yaa Yerusaalem gorsa koo dhagaʼi; yoo kanaa achii ani sirraa garagalee, akka namni tokko iyyuu keessa jiraachuu hin dandeenyeef, biyya kee nan onsa.” 9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Akkuma wayiniin sirriitti funaanamu sana, isaanis hambaa Israaʼel haa funaanan; akkuma nama ija wayinii ciru tokkootti; ammas harka kee gara dameewwaniitti hiixadhu.” 10 Ani eenyuttin dubbadhee akeekkachiisuu dandaʼa? Eenyutu na dhaggeeffata? Kunoo, gurri isaanii dhagna hin qabanne; dhagaʼuus hin dandaʼan. Dubbiin Waaqayyoo isaanitti hin tolu; ittis hin gammadan. 11 Ani garuu dheekkamsa Waaqayyootiin guutameera; obsuus hin dandaʼu. “Ijoollee daandii irra jiran irratti, dargaggoota walitti qabaman irratti, dhirsaa fi niitii irratti, warra dulloomanittis dheekkamsa nan dhangalaasa. 12 Yeroo ani harka koo warra biyyattii keessa jiraatanitti ol fudhadhutti manneen isaanii, lafa qotiisaa isaaniitii fi niitota isaanii wajjin namoota kaaniif kennamu” jedha Waaqayyo. 13 “Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu. 14 Isaan madaa saba kootii akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. Utuu nagaan hin jiraatinis ‘Nagaa, nagaa’ jedhu. 15 Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; yeroo ani isaan adabutti gad gatamu” jedha Waaqayyo. 16 Waaqayyo akkana jedha: “Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa; daandii durii iyyaafadhaa; karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa; lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii. Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan. 17 Ani eegdota isinitti ramadeen ‘Sagalee malakataa dhaggeeffadhaa!’ jedhe, isin garuu, ‘Hin dhaggeeffannu’ jettan. 18 Kanaafuu yaa saboota dhagaʼaa; yaa waldaa, waan isaanitti dhufuuf jiru hubadhaa. 19 Yaa lafaa dhagaʼi: Ani waan isaan dubbii koo dhagaʼuu didanii seera koos tuffataniif, saba kanatti badiisa nan fida; kunis ija daba isaanii ti. 20 Ixaanni biyya Shebaatii dhufu, yookaan qayyii biyya fagootii dhufu maal na fayyada? Aarsaan keessan kan gubamu fudhatama hin qabu; qalmi keessanis hin tolu.” 21 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Ani fuula saba kanaa dura gufuu nan kaaʼa. Abbootiinii fi ijoolleen walii wajjin itti gufatu; olloonnii fi michoonni ni barbadaaʼu.” 22 Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, gareen loltootaa tokko biyya kaabaatii dhufaa jira; sabni guddaan tokkos andaara lafaatii sosochoʼaa jira. 23 Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; isaan gara jabeeyyii, namaafis naasuu hin qabnee dha. Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; yaa Intala Xiyoon, isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.” 24 Nu oduu waaʼee isaanii dhageenyeerra; harki keenyas ni laafe. Dhiphinni nu qabateera; miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu nu qabe. 25 Sababii diinni goraadee qabatee fi sababii iddoo hunda gooliin jiruuf isin diidatti gad hin baʼinaa; yookaan karaa irra hin deemnaa. 26 Yaa saba ko, uffata gaddaa uffadhaatii daaraa keessa gangaladhaa; akka nama ilma isaa tokkicha dhabeetti hiqqifadhaa booʼaa; inni nama balleessu sun akkuma tasaa nutti dhufaatii. 27 “Akka ati karaa isaanii qortee beektuuf ani saba koo gidduutti qorataa si godheera. 28 Hundi isaanii finciltoota mata jabeeyyii maqaa namaa balleessuuf asii fi achi jooranii dha. Isaan naasii fi sibiila; isaan hundinuu malaa maltummaa hojjetu. 29 Buufaan dilaalii ibiddaan gubee balleessuuf humna guddaan buufa; hojiin ibiddaan qulqulleessuu kun faayidaa malee hojjetama; namoonni hamoon hin balleeffamneetii. 30 Sababii Waaqayyo isaan gateef isaan meetii gatamaa jedhamu.”

< Ermiyaas 6 >