< Ermiyaas 50 >

1 Dubbiin Waaqayyo karaa Ermiyaas raajichaatiin waaʼee Baabilonii fi waaʼee biyya Baabilonotaa dubbate kanaa dha:
The word that YHWH spoke concerning Babylon, concerning the land of the Chaldeans, by Jeremiah the prophet.
2 “Saboota gidduutti lallabaatii labsaa; faajjii ol qabaatii labsaa; utuu homaa hin hambisin akkana jedhaa; ‘Baabilon ni qabamti; Beel ni salphifama; Meroodak gooliidhaan guutama. Fakkiiwwan Baabilon ni salphifamu; waaqonni ishee tolfamoonis sodaan guutamu.’
"Declare among the nations and publish, and set up a standard; publish, and do not conceal: say, 'Babylon is taken, Bel is disappointed, Marduk is dismayed; her images are disappointed, her idols are dismayed.
3 Sabni Kaabaa dhufu tokko ishee lolee lafa ishee duwwaa hambisa. Namni tokko iyyuu ishee keessa hin jiraatu; namaa fi horiin baqatee keessaa baʼa.
For out of the north there comes up a nation against her, which shall make her land desolate, and none shall dwell in it: they are fled, they are gone, both man and animal.
4 “Bara sana keessa, yeroo sanatti, sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa imimmaaniin Waaqayyo Waaqa isaanii barbaacha tokkummaadhaan ni dhufu” jedha Waaqayyo;
In those days, and in that time,' says YHWH, 'the children of Israel shall come, they and the people of Judah together; they shall go on their way weeping, and shall seek YHWH their God.
5 “Isaan karaa gara Xiyoon geessu ni gaafatu; fuula isaaniis garasitti garagalfatu. Isaan dhufanii kakuu bara baraa kan gonkumaa hin irraanfatamneen Waaqayyotti of maxxansu.
They shall inquire concerning Zion with their faces turned toward it. They will come and join themselves to YHWH in an everlasting covenant that shall not be forgotten.
6 “Sabni koo hoolota badan taʼaniiru; tikseen isaanii isaan dogoggorsee akka isaan tulluuwwan irra jooran godhe. Isaan tulluu fi gaara irra jooranii lafa boqonnaa isaanii illee wallaalan.
My people have been lost sheep: their shepherds have caused them to go astray; they have turned them away on the mountains; they have gone from mountain to hill; they have forgotten their resting place.
7 Kan isaan argu hundi isaan liqimse; diinonni isaaniis, ‘Nu balleessaa hin qabnu; isaan Waaqayyo iddoo jireenya isaanii kan dhugaa taʼe, Waaqayyo abdii abbootii isaaniitti cubbuu hojjetaniiruutii’ jedhan.
All who found them have devoured them; and their adversaries said, "We are not guilty, because they have sinned against YHWH, the habitation of righteousness, even YHWH, the hope of their fathers."
8 “Baabilonii baqadhaa baʼaa; biyya Baabilonotaa keessaa baʼaa; akkuma korbeessa reʼee kan bushaayee qajeelchuu taʼaa.
Flee out of the midst of Babylon, and go forth out of the land of the Chaldeans, and be as the male goats before the flocks.
9 Ani biyya kaabaatii garee saboota gurguddaa kaasee Baabilonitti nan ergaatii. Isaanis hiriiranii isheetti dhufu; isheenis karaa kaabaatiin ni qabamti. Xiyyi isaanii akkuma loltoota ogeeyyii harka duwwaa hin deebinee ti.
For, look, I will stir up and cause to come up against Babylon a company of great nations from the north country; and they shall set themselves in array against her; from there she shall be taken. Their arrows shall be like a skilled warrior who does not return empty-handed.
10 Baabilonis ni saamamti; warri ishee saaman hundis ni quufu” jedha Waaqayyo.
Chaldea shall be a prey: all who prey on her shall be satisfied,' says YHWH.'
11 “Isin warri handhuuraa koo saamtan waan gammaddanii fi ililchitaniif, akkuma raadaa marga keessaa burraaqxanii akka korma fardaa imimsitan illee,
Because you are glad, because you rejoice, O you who plunder my heritage, because you are wanton as a heifer that treads out the grain, and neigh as strong horses;
12 haati keessan akka malee qaanofti; kan isin deesses ni salphatti. Isheen saboota hunda keessaa gad aantuu, lafa onaa, lafa gogaa fi gammoojjii taati.
your mother shall be utterly disappointed; she who bore you shall be confounded: look, she shall be the least of the nations, a wilderness, a dry land, and a desert.
13 Isheen sababii dheekkamsa Waaqayyootiif guutumaan guutuutti ni onti malee namni ishee keessa hin jiraatu. Sababii madaa ishee hundaatiif namni Baabilon keessa darbu hundi ni dinqisiifata; itti qoosas.
Because of the wrath of YHWH she shall not be inhabited, but she shall be wholly desolate: everyone who goes by Babylon shall be astonished, and hiss at all her plagues.
14 “Isin warri iddaa luqqifattan hundinuu, naannoo Baabilonitti hiriiraa. Sababii isheen Waaqayyotti cubbuu hojjetteef, xiyyawwan itti darbadhaa! Homaa hin hambisinaa.
"Set yourselves in array against Babylon all around, all you who bend the bow; shoot at her, spare no arrows: for she has sinned against YHWH.
15 Karaa hundaan isheetti iyyaa! Isheen harka kennatti; gamoon ishee ni jiga; dallaan ishee diigameera. Kun haaloo Waaqayyoo waan taʼeef isheetti haaloo baʼaa; waanuma isheen warra kaanitti hojjette isheetti hojjedhaa.
Shout against her all around: she has submitted herself; her towers are fallen, her walls are thrown down; for it is the vengeance of YHWH: take vengeance on her; as she has done, do to her.
16 Nama sanyii facaasuu fi kan yeroo midhaan haamamutti haamtuu qabatus Baabilon keessaa balleessaa. Sababii goraadee cunqursaatiin tokkoon tokkoon namaa gara saba ofii isaatti haa deebiʼu; tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaattis haa baqatu.
Cut off the sower from Babylon, and him who handles the sickle in the time of harvest: for fear of the oppressing sword they shall turn everyone to his people, and they shall flee everyone to his own land."'
17 “Israaʼel hoolaa bittinnaaʼee dha; leenconni isa ariʼan. Kan jalqabatti isa nyaate mootii Asoor; kan dhuma irratti lafee isaa caccabse immoo Nebukadnezar mooticha Baabilon ture.”
'Israel is a hunted sheep; the lions have driven him away: first, the king of Assyria devoured him; and now at last Nebuchadnezzar king of Babylon has broken his bones.
18 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani akkuma mootii Asoor adabe sana mootii Baabilonii fi biyya isaa nan adaba.
Therefore thus says YHWH of hosts, the God of Israel: "Look, I will punish the king of Babylon and his land, as I have punished the king of Assyria.
19 Israaʼelin garuu lafa tika isaatti nan deebisa; innis Qarmeloosii fi Baashaan irra ni dheeda; tulluu Efreemii fi Giliʼaad irra dheedee ni quufa.
I will bring Israel again to his pasture, and he shall feed on Carmel and Bashan, and his soul shall be satisfied on the hills of Ephraim and in Gilead.
20 Bara sana keessa, yeroo sanatti, yakki Israaʼel ni barbaadama” jedha Waaqayyo; “garuu tokko iyyuu hin jiru; cubbuun Yihuudaas ni barbaadama; garuu tokko iyyuu hin argamu; ani hambaan baraare sanaaf dhiifama nan godhaatii.
In those days, and in that time, says YHWH, the iniquity of Israel shall be sought for, and there shall be none; and the sins of Judah, and they shall not be found: for I will pardon them whom I leave as a remnant."'"
21 “Biyya Meraataayimii fi jiraattota Pheqood lolaa. Ariʼaa, ajjeesaa, guutumaan guutuutti isaan balleessaa,” jedha Waaqayyo. “Waan ani isin ajaje hunda godhaa.
"Go up against the land of Merathaim, even against it, and against the inhabitants of Pekod: kill and utterly destroy after them," says YHWH, "and do according to all that I have commanded you.
22 Sagaleen waraanaa, sagaleen badiisa guddaas biyya sana keessa jira!
A sound of battle is in the land, and of great destruction.
23 Burruusni guutummaa lafaa akkamitti cabe! Akkamittis bullaaʼe! Baabilon saboota gidduutti, akkam onte!
How is the hammer of the whole earth cut apart and broken. How is Babylon become a desolation among the nations.
24 Yaa Baabilon, ani kiyyoo siif diriirseera; atis utuu hin beekin qabamte; ati sababii Waaqayyoon mormiteef, argamtee qabamte.
I have laid a snare for you, and you are also taken, Babylon, and you weren't aware: you are found, and also caught, because you have striven against YHWH.
25 Waaqayyo mankuusaa miʼa lolaa isaa banee miʼa lola dheekkamsa isaa gad baafateera; Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu waan biyya Baabilonotaatti hojjetu qabaatii.
YHWH has opened his armory, and has brought forth the weapons of his indignation; for the Lord, YHWH of hosts, has a work to do in the land of the Chaldeans.
26 Biyya fagootii isheetti kottaa. Gombisaawwan ishee diigaa; akkuma tuullaa midhaaniitti ishee tuulaa. Guutumaan guutuutti ishee balleessaa; waan tokko illee isheef hin hambisinaa.
Come against her from the utmost border; open her storehouses; cast her up as heaps, and destroy her utterly; let nothing of her be left.
27 Korommii ishee hunda qalaa; isaan gara qalmaatti haa geeffaman! Isaaniif wayyoo! Yeroon isaan itti adabaman, guyyaan isaanii dhufeeraatii.
Kill all her bulls; let them go down to the slaughter. Woe to them, their day has come, the time of their visitation."
28 Akka Waaqayyo Waaqni keenya haaloo baʼe, akka inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo baʼe, kooluu galtootaa fi baqattoota Baabilonii dhufanii Xiyoon keessatti lallaban irraa dhagaʼaa.
The voice of those who flee and escape out of the land of Babylon, to declare in Zion the vengeance of YHWH our God, the vengeance of his temple.
29 “Namoota Xiyyaan lolan kanneen iddaa luqqifatan hunda Baabilonitti waamaa. Naannoo ishee hunda marsaa; namni tokko iyyuu hin miliqin. Gatii hojii ishee kennaafii; waanuma isheen warra kaanitti hojjette isheettis hojjedhaa. Isheen Qulqullicha Israaʼel, Waaqayyotti koorteertii.
"Call together the archers against Babylon, all those who bend the bow; camp against her all around; let none of it escape: recompense her according to her work; according to all that she has done, do to her; for she has been proud against YHWH, against the Holy One of Israel.
30 Kanaafuu dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu; gaafas loltoonni ishee hundi ni barbadaaʼu” jedha Waaqayyo.
Therefore her young men will fall in her streets, and all her men of war will be brought to silence in that day," says YHWH.
31 “Yaa koortuu nana, kunoo ani sitti kaʼeera” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda dandaʼu; “yeroon ati itti adabamtu, guyyaan kee dhufeeraatii.
"Look, I am against you, you proud one," says YHWH of hosts; for your day has come, the time that I will visit you.
32 Koortuun sun gufattee lafa dhoofti; namni gargaaree ol ishee qabu tokko iyyuu hin jiru; ani magaalaawwan ishee keessatti ibidda warra naannoo ishee jiru hunda gubee fixu nan qabsiisa.”
The proud one shall stumble and fall, and none shall raise him up; and I will kindle a fire in his cities, and it shall devour all who are around him."
33 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni Israaʼel cunqurfameera; sabni Yihuudaas akkasuma cunqurfameera. Warri isaan boojiʼan hundi jabeessanii isaan qabataniiru; isaan gad dhiisuus didaniiru.
Thus says YHWH of hosts: "The children of Israel and the people of Judah are oppressed together; and all who took them captive hold them fast; they refuse to let them go.
34 Taʼu illee Furaan isaanii jabaa dha; maqaan isaas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu dha. Inni biyya isaaniitiif boqonnaa kenne; warra Baabilon keessa jiraatan garuu boqonnaa dhowwuuf dhimma isaaniitiif jabeessee ni falma.
Their Redeemer is strong; YHWH of hosts is his name: he will thoroughly plead their cause, that he may give rest to the earth, and disquiet the inhabitants of Babylon.
35 “Goraadeen tokko Baabilonotatti dhufe!” jedha Waaqayyo; “warra Baabilon keessa jiraatanitti, qondaaltotaa fi namoota ishee ogeeyyiitti dhufeera!
A sword is on the Chaldeans," says YHWH, "and on the inhabitants of Babylon, and on her officials, and on her wise men.
36 Goraadeen raajota ishee sobdootatti, dhufeera! Isaan gowwoota taʼu. Goraadeen gootota isheetti dhufeera! Isaanis sodaadhaan guutamu.
A sword is on the boasters, and they shall become fools; a sword is on her mighty men, and they shall be dismayed.
37 Goraadeen fardeenii fi gaariiwwan isheetti, Namoota Ormaa kanneen gidduu ishee jiraatan hundatti dhufe! Isaan dadhaboo taʼu. Goraadeen qabeenya isheetti dhufe! Isaan ni saamamu.
A sword is on their horses, and on their chariots, and on all the mixed people who are in the midst of her; and they shall become as women: a sword is on her treasures, and they shall be robbed.
38 Caamsaan bishaan isheetti ni dhufa! Isaanis ni gogu. Isheen biyya waaqota tolfamoo, kan waaqota tolfamoo sodaadhaan maraataniitii.
A drought is on her waters, and they shall be dried up; for it is a land of engraved images, and they glory over idols.
39 “Kanaafuu uumamawwan gammoojjiitii fi waraabeyyiin achi jiraatu; urunguunis achi jiraatti. Lammata namni ishee keessa hin jiraatu; yookaan dhalootaa hamma dhalootaatti namni keessa jiraatu hin jiru.
Therefore the wild animals of the desert with the wolves shall dwell there, and the ostriches shall dwell in it: and it shall be no more inhabited forever; neither shall it be lived in from generation to generation.
40 Akkuma Waaqni Sodoomii fi Gomoraa, magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleesse sana” jedha Waaqayyo; “namni tokko iyyuu achi hin jiraatu; sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.
As when God overthrew Sodom and Gomorrah and the neighbor cities of it," says YHWH, "so shall no man dwell there, neither shall any son of man live in it."
41 “Kunoo! Gareen loltootaa tokko kaaba irraa dhufaa jira; sabni guddaan tokkoo fi mootonni baayʼeen moggaa lafaatii sosochoʼaa jiru.
"Look, a people comes from the north; and a great nation and many kings shall be stirred up from the uttermost parts of the earth.
42 Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; isaan gara jabeeyyii namaafis naasuu hin qabnee dha. Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; yaa intala Baabilon, isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.
They lay hold on bow and spear; they are cruel, and have no mercy; their voice roars like the sea; and they ride on horses, everyone set in array, as a man to the battle, against you, daughter of Babylon.
43 Mootiin Baabilon oduu waaʼee isaanii dhagaʼe; harki isaas irratti duʼe. Dhiphinni isa qabateera; miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu isa qabeera.
The king of Babylon has heard the news of them, and his hands wax feeble: anguish has taken hold of him, pains as of a woman in labor.
44 Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo dafee Baabilonin biyya isheetii nan ariʼa. Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu? Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa? Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?”
Look, the enemy shall come up like a lion from the pride of the Jordan against the strong habitation: for I will suddenly make them run away from it; and whoever is chosen, him will I appoint over it: for who is like me? And who will appoint me a time? And who is the shepherd who can stand before me?"
45 Kanaafuu waan Waaqayyo Baabilonitti karoorfate, waan inni biyya Baabilonotaatti yaades dhagaʼaa; Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu; innis sababii isaaniitiif lafa dheeda isaanii guutumaan guutuutti ni barbadeessa.
Therefore hear the counsel of YHWH, that he has taken against Babylon; and his purposes, that he has purposed against the land of the Chaldeans: "Surely they shall drag them away, even the little ones of the flock; surely he shall make their habitation desolate over them.
46 Waca qabamuu Baabiloniitiin lafti ni raafamti; iyyi ishees saboota gidduutti ni dhagaʼama.
At the noise of the taking of Babylon the earth trembles, and the cry is heard among the nations."

< Ermiyaas 50 >