< Ermiyaas 41 >

1 Jiʼa torbaffaa keessa Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa, ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalatee fi ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ture sun namoota kudhan wajjin Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam bira Miisphaa dhufe. Achittis utuma wajjin waa nyaatanuu
And it came to pass in the seventh month, that Ishmael the son of Nethaniah the son of Elishama, of the royal seed, and [one] of the king's chief men, and ten men with him, came to Gedaliah the son of Ahikam unto Mizpah, and there they ate bread together, in Mizpah.
2 Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoonni kurnan isa wajjin turan sun kaʼanii goraadeedhaan Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan isa mootiin Baabilon bulchaa kutaa biyyaa godhee muude sana rukutanii ajjeesan.
And Ishmael the son of Nethaniah arose, and the ten men that were with him, and smote Gedaliah the son of Ahikam the son of Shaphan with the sword, and killed him, whom the king of Babylon had appointed over the land.
3 Ishmaaʼeel akkasumas Yihuudoota Gedaaliyaas wajjin Miisphaa turan hundaa fi loltoota Baabilonotaa kanneen achi turan illee ni fixe.
And Ishmael smote all the Jews that were with him, with Gedaliah, at Mizpah, and the Chaldeans that were found there, the men of war.
4 Gedaaliyaas ajjeefamee guyyaa itti aanutti utuu namni tokko iyyuu hin beekin,
And it came to pass the second day after he had killed Gedaliah, and no man knew it,
5 namoonni areeda isaanii haaddatanii, wayyaa isaanii tatarsaasanii, of cicciran Saddeettamni kennaa midhaaniitii fi ixaana qabatanii Sheekemii, Shiiloo fi Samaariyaadhaa gara mana Waaqayyoo dhufan.
that there came men from Shechem, from Shiloh, and from Samaria, eighty men, having their beards shaven and their clothes rent, and having cut themselves; with oblations and incense in their hand, to bring them to the house of Jehovah.
6 Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaas jara simachuuf Miisphaadhaa booʼaa gad baʼe. Yommuu isaan argettis “Gara Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam kottaa” jedheen.
And Ishmael the son of Nethaniah went forth from Mizpah to meet them, weeping all along as he went; and it came to pass when he met them, he said unto them, Come to Gedaliah the son of Ahikam.
7 Yeroo isaan magaalaa sana seenanitti immoo Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoonni isa wajjin turan jara sana gogorraʼanii boolla bishaaniitti gad darbatan.
And it was so, when they came into the midst of the city, that Ishmael the son of Nethaniah, he and the men that were with him, slew them, [and cast them] into the midst of the pit.
8 Namoonni utuu hin ajjeefamin hafan kudhan garuu Ishmaaʼeeliin, “Nu hin ajjeesin! Nu qamadii fi garbuu, zayitii fi damma lafa qotiisaa keessa dhokfanne qabnaatii” jedhan. Kanaafuu inni gad isaan dhiise; warra kaan wajjinis isaan hin ajjeefne.
But ten men were found among them that said unto Ishmael, Do not kill us, for we have hidden stores in the field, of wheat, and of barley, and of oil, and of honey. So he forbore, and did not kill them among their brethren.
9 Boolli bishaanii Ishmaaʼeel reeffa namoota Gedaaliyaas wajjin ajjeefaman sanaa hunda itti naqe sun boolla bishaanii Aasaan Mootichi ittiin Baʼishaan mooticha Israaʼel of irraa dhowwuuf hojjetate ture. Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa boolla bishaanii sana reeffa namaatiin guute.
And the pit into which Ishmael had cast all the dead bodies of the men whom he had slain by the side of Gedaliah was the one which Asa the king had made for fear of Baasha king of Israel: Ishmael the son of Nethaniah filled it with the slain.
10 Ishmaaʼeel namoota Miisphaa keessaa hafan hunda intallan mootichaatii fi warra achitti hafan kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isaan irratti shuumee ture hunda boojiʼe. Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaas isaan fudhatee gara Amoonotaatti ceʼuuf kaʼee qajeele.
And Ishmael carried away captive all the remnant of the people that were in Mizpah, the king's daughters, and all the people that remained in Mizpah, whom Nebuzar-adan the captain of the body-guard had committed to Gedaliah the son of Ahikam: Ishmael the son of Nethaniah carried them away captive, and departed to go over to the children of Ammon.
11 Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa kanneen isa wajjin turan hundi yeroo waaʼee yakka Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa hojjete hundaa dhagaʼanitti
And Johanan the son of Kareah, and all the captains of the forces that were with him, heard of all the evil that Ishmael the son of Nethaniah had done;
12 namoota isaanii hunda fudhatanii Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa loluu dhaqan. Isaanis haroo Gibeʼoon guddicha biratti isa qaqqaban.
and they took all the men, and went to fight with Ishmael the son of Nethaniah, and found him by the great waters that are at Gibeon.
13 Namoonni Ishmaaʼeel wajjin turan hundi yommuu Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin turan arganitti ni gammadan.
And it came to pass when all the people that were with Ishmael saw Johanan the son of Kareah, and all the captains of the forces that were with him, then they were glad.
14 Namoonni Ishmaaʼeel Miisphaadhaa boojiʼee ture hundis isa biraa deebiʼanii gara Yoohaanaan ilma Qaareyaa dhaqan.
And all the people that Ishmael had carried away captive from Mizpah turned about and came back, and went to Johanan the son of Kareah.
15 Garuu Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoota isaa keessaa saddeeti Yoohaanaan jalaa miliqanii gara Amoonotaatti baqatan.
But Ishmael the son of Nethaniah escaped from Johanan with eight men, and went to the children of Ammon.
16 Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota warri isa wajjin turan hundi namoota Miisphaa warra Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa erga Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ajjeesee booddee boojiʼe kaan hunda fuudhanii deeman; isaanis loltoota, dubartoota, ijoollee fi qondaaltota mana murtii kanneen Yoohaanaan Gibeʼoonii deebisee fidee dha.
Then Johanan the son of Kareah, and all the captains of the forces that were with him, took all the remnant of the people whom he had recovered from Ishmael the son of Nethaniah, from Mizpah, after he had slain Gedaliah the son of Ahikam, the mighty men of war, and the women, and the children, and the eunuchs, whom he had brought again from Gibeon;
17 Isaanis achii kaʼanii gara Gibxitti qajeeluudhaan Beetlihem biratti Geeroti Kimhaam keessa boqotan;
and they departed, and dwelt at Geruth-Chimham, which is by Bethlehem, to go to enter into Egypt,
18 kunis Baabilonota jalaa miliquuf ture. Isaan sababii Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isa mootiin Baabilon biyyattii irratti bulchaa godhee shuume sana ajjeeseef jara sodaatan.
because of the Chaldeans; for they feared them, because Ishmael the son of Nethaniah had smitten Gedaliah the son of Ahikam, whom the king of Babylon had appointed over the land.

< Ermiyaas 41 >