< Ermiyaas 4 >

1 “Yaa Israaʼel, ati yoo deebite, gara kootti deebiʼi” jedha Waaqayyo. “Yoo ati waaqota kee jibbisiisoo sana fuula koo duraa balleessitee siʼachi karaa irraa jalʼachuu baatte,
If thou wilt return, O Israel, saith the Lord, return to me: if thou wilt take away thy stumblingblocks out of my sight, thou shalt not be moved.
2 yoo ati, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jettee dhugaadhaan, murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan kakatte, saboonni isaan ni eebbifamu; isumaanis ni kabajamu.”
And thou shalt swear: As the Lord liveth, in truth, and in judgement, and in justice: and the Gentiles shall bless him, and shall praise him.
3 Waaqayyo namoota Yihuudaatii fi namoota Yerusaalemiin akkana jedha: “Bajjii keessan qotadhaa; qoraattii keessas hin facaasinaa.
For thus saith the Lord to the men of Juda and Jerusalem: Break up anew your fallow ground, and sow not upon thorns:
4 Yaa namoota Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem Waaqayyoof dhagna of qabaa; qola qalbii keessaniis dhagna qabadhaa; yoo kanaa achii sababii hammina isin hojjetaniitiif dheekkamsi koo kaʼee akka ibiddaa ni bobaʼa; namni isa dhaamsus hin jiru.
Be circumcised to the Lord, and take away the foreskins of your hearts, ye men of Juda, and ye inhabitants of Jerusalem: lest my indignation come forth like fire, and burn, and there be none that can quench it: because of the wickedness of your thoughts.
5 “Yihuudaa keessatti beeksisaa; Yerusaalem keessattis akkana jedhaa labsaa: ‘Biyyattii guutuu keessatti malakata afuufaa! Sagalee ol fudhadhaatii akkana jedhaa: walitti qabamaa! Kottaa gara magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti baqannaa!’
Declare ye in Juda, and make it heard in Jerusalem: speak, and sound with the trumpet in the land: cry aloud, and say: Assemble yourselves, and let us go into strong cities.
6 Xiyoon dhaquuf faajjii ol qabaa? Dafaa baqadhaa malee duubatti hin harkifatinaa! Ani karaa kaabaatiin balaa, badiisa suukaneessaas nan fidaatii.”
Set up the standard in Sion. Strengthen yourselves, stay not: for I bring evil from the north, and great destruction.
7 Leenci bosona isaatii baʼeera; barbadeessaan sabootaa karaa qabateera. Inni biyya kee onsuuf jedhee iddoo isaatii kaʼeera. Magaalaawwan kee onanii jiraattota malee ni hafu.
The lion is come up out of his den, and the robber of nations hath roused himself: he is come forth out of his place, to make thy land desolate: thy cities shall be laid waste, remaining without an inhabitant.
8 Kanaafuu isin uffata gaddaa uffadhaatii booʼaa wawwaadhaa; dheekkamsi Waaqayyoo sodaachisaan sun nurraa hin deebineetii.
For this gird yourselves with haircloth, lament and howl: for the fierce anger of the Lord is not turned away from us.
9 Waaqayyo akkana jedha: “Guyyaa sana mootiinii fi qondaaltonni onnee dhabu; luboonni akka malee naʼu; raajonnis ni raafamu.”
And it shall come to pass in that day, saith the Lord: That the heart of the king shall perish, and the heart of the princes: and the priests shall be astonished, and the prophets shall be amazed.
10 Anis akkana nan jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati utuu goraadeen kokkee keenya irra jiruu, ‘Isin nagaa qabaattu’ jechuudhaan saba kanaa fi Yerusaalemin guutumaan guutuutti gowwoomsiteerta?”
And I said: Alas, alas, alas, O Lord God, hast thou then deceived this people and Jerusalem, saying: You shall have peace: and behold the sword reacheth even to the soul?
11 Yeroo sanatti saba kanaa fi Yerusaalemitti akkana jedhamee ni himama; “Bubbeen waa gubu tokko iddoowwan ol kaʼoo qullaa kanneen gammoojjii keessaa irraa gara saba kootiitti ni bubbisa; garuu afarsuuf yookaan qulqulleessuuf miti;
At that time it shall be said to this people, and to Jerusalem: A burning wind is in the ways that are in the desert of the way of the daughter of my people, not to fan, nor to cleanse.
12 bubbeen waan sanaaf akka malee cimaa taʼe tokko na biraa ni dhufa. Anis murtii koo isaanitti nan labsa.”
A full wind from these places shall come to me: and now I will speak my judgments with them.
13 Kunoo, inni akka duumessaatti, gaariin isaas akka bubbeetti ni dhufa; fardeen isaa risaa caalaa saffisu. Wayyoo nu baduu keenya!
Behold he shall come up as a cloud, and his chariots as a tempest: his horses are swifter than eagles: woe unto us, for we are laid waste.
14 Yaa Yerusaalem, ati akka fayyituuf qalbii kee keessaa hammina dhiqadhu. Hamma yoomiitti yaadni hamaan si keessa jiraata?
Wash thy heart from wickedness, O Jerusalem, that thou mayst be saved: how long shall hurtful thoughts abide in thee?
15 Sagaleen tokko Daan irraa lallaba; tulluuwwan Efreem irraas badiisa labsa.
For a voice of one declaring from Dan, and giving notice of the idol from mount Ephraim.
16 “Waan kana sabootatti himaa; Yerusaalemittis akkana jedhaa lallabaa: ‘Loltoonni marsanii biyya qabatan tokko lafa fagoodhaa ni dhufu; isaanis magaalaawwan Yihuudaatti ni iyyu.
Say ye to the nations: Behold it is heard in Jerusalem, that guards are coming from a far country, and give out their voice against the cities of Juda.
17 Sababii isheen natti fincilteef, isaan akkuma nama lafa qotiisaa eegu tokkootti ishee ni marsu,’” jedha Waaqayyo.
They are set round about her, as keepers of fields: because she hath provoked me to wrath, saith the Lord.
18 “Amalli keetii fi hojiin kee waan kana sitti fidaniiru. Adabbiin kee kanaa dha. Innis hammam hadhaaʼa! Onnees hammam waraana!”
They ways, and thy devices have brought these things upon thee: this is thy wickedness, because it is bitter, because it hath touched thy heart.
19 Marʼumaan ko, marʼumaan ko! Ani dhukkubbiidhaan nan wixxirfadha. Onneen koo na keessaa waca; onneen koo na keessatti dhaʼata; ani calʼisuu hin dandaʼu. Ani sagalee malakataa dhagaʼeeraatii; waca waraanaas dhagaʼeera.
My bowels, my bowels are in pain, the senses of my heart are troubled within me, I will not hold my peace, for my soul hath heard the sound of the trumpet, the cry of battle.
20 Badiisni badiisa irraan dhufa; biyyattiin guutumaan guutuutti ni onti. Dunkaanni koo akkuma tasaa, golgaan koos yeroo gabaabaa keessatti bade.
Destruction upon destruction is called for, and all the earth is laid waste: my tents are destroyed on a sudden, and my pavilions in a moment.
21 Ani hamma yoomiittin mallattoo waraanaa ilaala? Hamma yoomiittis sagalee malakataa dhagaʼa?
How long shall I see men fleeing away, how long shall I hear the sound of the trumpet?
22 “Uummanni koo gowwaa dha; anas hin beekan. Isaan ijoollee qalbii hin qabnee dha; hubannaas hin qaban. Isaan waan hamaa hojjechuutti ogeeyyii dha; waan gaarii hojjechuu garuu hin beekan.”
For my foolish people have not known me: they are foolish and senseless children: they are wise to do evil, but to do good they have no knowledge.
23 Ani lafa nan ilaale; isheenis bifa hin qabdu; duwwaas turte; samiiwwanis nan ilaale; ifni isaanii dhaamee ture.
I beheld the earth, and lo it was void, and nothing: and the heavens, and there was no light in them.
24 Ani tulluuwwan nan ilaale; isaan sochoʼaa turan; gaarran hundinuus raafamaa turan.
I looked upon the mountains, and behold they trembled: and all the hills were troubled.
25 Ani nan ilaale; namni tokko iyyuu hin turre; simbirroonni samii hundis barrisanii badanii turan.
I beheld, and lo there was no man: and all the birds of the air were gone.
26 Ani nan ilaale; kunoo biyyi midhaan baaftu ontee turte; magaalaawwan ishee hundis, fuula Waaqayyoo duratti dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan diigaman.
I looked, and behold Carmel was a wilderness: and all its cities were destroyed at the presence of the Lord, and at the presence of the wrath of his indignation.
27 Waaqayyo akkana jedha: “Yoo ani guutumaan guutuutti ishee balleessuu baadhe iyyuu biyyattiin guutumaan guutuutti ni barbadoofti.
For thus saith the Lord: All the land shall be desolate, but yet I will not utterly destroy.
28 Kanaafuu lafti ni boossi; samiiwwan oliis ni dukkanaaʼu; ani dubbadheeraatii hin gaabbu; murteesseera; dugda duubas hin deebiʼu.”
The earth shall mourn, and the heavens shall lament from above: because I have spoken, I have purposed, and I have not repented, neither am I turned away from it.
29 Sababii iyya abbootii fardeeniitii fi futtaaftota xiyyaatiin, tokkoon tokkoon magaalaa ni baqata. Garri tokko bosona gobbuu seena; kaan immoo kattaatti ol baʼa; magaalaawwan hundi duwwaa hafaniiru; namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu.
At the voice of the horsemen, and the archers, all the city is fled away; they have entered into thickets and have climbed up the rocks: all the cities are forsaken, and there dwelleth not a man in them.
30 Yaa ontuu nana, ati maal gochaa jirta? Ati maaliif wayyaa bildiimaa uffattee faaya warqee kaaʼatte? Maaliif ija kee kuulatte? Ati akkasumaan of miidhagsita. Warri jaallatan si tuffatu; lubbuu kees balleessuu barbaadu.
But when thou art spoiled what wilt thou do? though thou deckest thee with ornaments of gold, and paintest thy eyes with stibic stone, thou shalt dress thyself out in vain: thy lovers have despised thee, they will seek thy life.
31 Ani iyya akka iyya dubartii ciniinsifattu tokkoo, miixuu akka miixuu dubartii mucaa hangafa deessuu tokko nan dhagaʼe; ani iyya Intala Xiyoon kan yeroo hafuurri ishee citutti argantee harka ishee facaasuudhaan, “Wayyoo! Ani bade; lubbuun koo harka warra nama ajjeesuutti dabarfamtee kennamteerti” jettuu nan dhagaʼe.
For I have heard the voice as of a woman in travail, anguishes as of a woman in labor of a child. The voice of the daughter of Sion, dying away, spreading her hands: Woe is me, for my soul hath fainted because of them that are slain.

< Ermiyaas 4 >