< Ermiyaas 35 >

1 Dubbiin bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa turetti Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe akkana jedha:
The word which came to Jeremiah from the LORD in the days of Jehoiakim the son of Josiah, king of Judah, saying,
2 “Gara mana Rekaabotaa dhaqiitii gara mana Waaqayyootti isaan waami; kutaa manaa tokkotti ol isaan galchiitii akka dhuganiif daadhii wayinii kenniif.”
“Go to the house of the Rechabites, and speak to them, and bring them into the LORD’s house, into one of the rooms, and give them wine to drink.”
3 Anis dhaqeen Yaazaniyaa ilma Ermiyaas, ilma Habazneyaa, obboloota isaatii fi ilmaan isaa hunda jechuunis maatii Rekaabotaa guutuu waame.
Then I took Jaazaniah the son of Jeremiah, the son of Habazziniah, with his brothers, all his sons, and the whole house of the Rechabites;
4 Anis gara mana Waaqayyootti isaan fidee kutaa mana ilmaan Haanaan ilma Yigdaaliyaa nama Waaqaa sanaatti ol galche. Kutaan sunis kutaa qondaaltotaa kan kutaa Maʼaseyaa ilma Shaluum namicha balbala eegu sanaatii ol jirutti aana ture.
and I brought them into the LORD’s house, into the room of the sons of Hanan the son of Igdaliah, the man of God, which was by the room of the princes, which was above the room of Maaseiah the son of Shallum, the keeper of the threshold.
5 Anis waciitiiwwan daadhii wayiniitiin guutamanii fi xoofoo fuula Rekaabotaa duratti dhiʼeesseen, “Daadhii wayinii kana dhugaa” jedheen.
I set before the sons of the house of the Rechabites bowls full of wine, and cups; and I said to them, “Drink wine!”
6 Isaan garuu akkana jedhanii deebisan: “Nu sababii abbaan keenya Yoonaadaab ilmi Rekaab akkana jedhee nu ajajeef daadhii wayinii hin dhugnu: ‘Isin yookaan sanyiin keessan gonkumaa daadhii wayinii hin dhuginaa.
But they said, “We will drink no wine; for Jonadab the son of Rechab, our father, commanded us, saying, ‘You shall drink no wine, neither you nor your children, forever.
7 Akkasumas isin mana ijaarrachuu, sanyii facaafachuu yookaan wayinii dhaabbachuu hin qabdan; isin yeroo hunda dunkaanota keessa jiraachuu qabdu malee waan kanneen keessaa tokko illee qabaachuu hin qabdan. Yoos isin biyya itti keessummaa taatan keessa bara dheeraa ni jiraattu.’
You shall not build a house, sow seed, plant a vineyard, or have any; but all your days you shall dwell in tents, that you may live many days in the land in which you live as nomads.’
8 Nu waan abbaan keenya Yehoonaadaab ilmi Rekaab nu ajaje hunda eegneerra. Nu yookaan niitonni keenya yookaan ilmaanii fi intallan keenya daadhii wayinii hin dhugne.
We have obeyed the voice of Jonadab the son of Rechab, our father, in all that he commanded us, to drink no wine all our days, we, our wives, our sons, or our daughters;
9 Yookaan mana keessa jiraannu yookaan wayinii, lafa qotiisaa yookaan midhaan hin qabnu.
and not to build houses for ourselves to dwell in. We have no vineyard, field, or seed;
10 Nu dunkaana keessa jiraannee waan abbaan keenya Yoonaadaab nu ajaje hunda eegneerra.
but we have lived in tents, and have obeyed, and done according to all that Jonadab our father commanded us.
11 Garuu yeroo Nebukadnezar mootichi Baabilon biyya kana qabatetti nu, ‘Kottaa; nu Baabilonotaa fi loltoota Sooriyaa duraa baqannee Yerusaalemitti galuu qabna’ waliin jenne. Akkasiinis nu Yerusaalem keessatti hafne.”
But when Nebuchadnezzar king of Babylon came up into the land, we said, ‘Come! Let’s go to Jerusalem for fear of the army of the Kasdim, and for fear of the army of the Syrians; so we will dwell at Jerusalem.’”
12 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
Then the LORD’s word came to Jeremiah, saying,
13 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Dhaqiitii namoota Yihuudaatii fi saba Yerusaalemiin ‘Isin gorsa koo fudhattanii naaf hin ajajamtanii?’ jedhi, jedha Waaqayyo.
“The LORD of Hosts, the God of Israel, says: ‘Go and tell the men of Judah and the inhabitants of Jerusalem, “Will you not receive instruction to listen to my words?” says the LORD.
14 ‘Yehoonaadaab ilmi Rekaab akka ilmaan isaa daadhii wayinii hin dhugne ajaje; ajajni kunis eegameera. Isaan sababii ajaja abbaa isaanii eeganiif hamma harʼaatti daadhii wayinii hin dhugan. Ani garuu ammumaa amma isinitti dubbadheera; isin immoo naaf hin ajajamne.
“The words of Jonadab the son of Rechab that he commanded his sons, not to drink wine, are performed; and to this day they drink none, for they obey their father’s commandment; but I have spoken to you, rising up early and speaking, and you have not listened to me.
15 Ani tajaajiltoota koo raajota hunda ammumaa amma isinitti erge. Isaan akkana isiniin jedhan; “Tokkoon tokkoon keessan karaa keessan hamaa sana irraa deebitanii hojii keessan qajeelfachuu qabdu. Isaan tajaajiluuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa. Yoos isin biyya ani isinii fi abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu.” Isin gurra keessan naaf hin kennine, yookaan na hin dhaggeeffanne.
I have sent also to you all my servants the prophets, rising up early and sending them, saying, ‘Every one of you must return now from his evil way, amend your doings, and don’t go after other gods to serve them. Then you will dwell in the land which I have given to you and to your fathers;’ but you have not inclined your ear, nor listened to me.
16 Sanyiin Yehoonaadaab ilma Rekaab ajaja abbaan isaanii isaaniif kenne eeganiiru; sabni kun garuu naaf hin ajajamne.’
The sons of Jonadab the son of Rechab have performed the commandment of their father which he commanded them, but this people has not listened to me.”’
17 “Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dhaggeeffadhaa! Ani Yihuudaattii fi nama Yerusaalem keessa jiraatu hundatti balaa nan fida jedhee labse sana hunda nan fida. Ani isaanitti dubbadheen ture; isaan garuu hin dhaggeeffanne. Ani isaan waameen ture; isaan garuu hin owwaanne.’”
“Therefore the LORD, the God of Hosts, the God of Israel, says: ‘Behold, I will bring on Judah and on all the inhabitants of Jerusalem all the evil that I have pronounced against them, because I have spoken to them, but they have not heard; and I have called to them, but they have not answered.’”
18 Ermiyaasis maatii Rekaabotaatiin akkana jedhe; “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Isin ajaja abbaa keessan Yehoonaadaab eegdanii gorsa isaa hunda illee duukaa buutaniirtu; waan inni isin ajaje hundas hojjettaniirtu.’
Jeremiah said to the house of the Rechabites, “The LORD of Hosts, the God of Israel, says: ‘Because you have obeyed the commandment of Jonadab your father, and kept all his precepts, and done according to all that he commanded you,’
19 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoonaadaab ilmi Rekaab gonkumaa nama fuula koo dura dhaabatee na tajaajilu hin dhabu.’”
therefore the LORD of Hosts, the God of Israel, says: ‘Jonadab the son of Rechab will not lack a man to stand before me forever.’”

< Ermiyaas 35 >