< Ermiyaas 11 >

1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
耶和华的话临到耶利米说:
2 “Dubbii kakuu kanaa dhagaʼaatii saba Yihuudaattii fi namoota Yerusaalem keessa jiraatanitti himaa.
“当听这约的话,告诉犹大人和耶路撒冷的居民,
3 Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha, jedhiitii isaanitti himi; ‘Namni dubbii kakuu kanaatiif hin ajajamne haa abaaramu.
对他们说,耶和华—以色列的 神如此说:不听从这约之话的人必受咒诅。
4 Dubbiin kunis dubbii ani yeroon biyya Gibxi jechuunis boolla ibiddaa kan itti sibiila baqsan keessaa isaan baasetti abbootii keessan ajajee dha.’ Anis akkanan jedhee, ‘Naa ajajamaatii waan ani isin ajaju hunda hojjedhaa; yoos isin saba koo taatu. Anis Waaqa keessan nan taʼa.
这约是我将你们列祖从埃及地领出来、脱离铁炉的那日所吩咐他们的,说:‘你们要听从我的话,照我一切所吩咐的去行。’这样,你们就作我的子民,我也作你们的 神;
5 Ergasiis ani kakuu akka biyya aannanii fi dammii keessaa yaaʼu isaaniif kennuuf abbootii keessaniif kakadhe sana fiixaan nan baasa;’ biyyi sunis biyya isin harʼa dhaaltanii jirtanii dha.” Anis “Ameen, Yaa Waaqayyo” nan jedhe.
我好坚定向你们列祖所起的誓,给他们流奶与蜜之地,正如今日一样。”我就回答说:“耶和华啊,阿们!”
6 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Dubbii kana hunda magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti akkana jedhii labsi; ‘Dubbii kakuu kanaa hunda dhagaʼaatii duukaa buʼaa.
耶和华对我说:“你要在犹大城邑中和耶路撒冷街市上,宣告这一切话说:你们当听从遵行这约的话。
7 Ani gaafan abbootii keessan biyya Gibxiitii baasee jalqabee hamma harʼaatti, “Naa ajajamaa” jedhee ammumaa amma isaan akeekkachiisaan ture.
因为我将你们列祖从埃及地领出来的那日,直到今日,都是从早起来,切切告诫他们说:‘你们当听从我的话。’
8 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa isaan mata jabina garaa isaanii hamaa sanaa faana buʼan. Kanaafuu ani abaarsa kakuu ani akka isaan duukaa buʼaniif isaan ajajee isaan garuu eeguu didan sanaa hunda isaanittan fide.’”
他们却不听从,不侧耳而听,竟随从自己顽梗的恶心去行。所以我使这约中一切咒诅的话临到他们身上;这约是我吩咐他们行的,他们却不去行。”
9 Ammas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem jiraatu gidduutti fincila tokkotu argame.
耶和华对我说:“在犹大人和耶路撒冷居民中有同谋背叛的事。
10 Isaan gara cubbuu abbootii isaanii kanneen dubbii koo dhagaʼuu didan sanaatti deebiʼaniiru. Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jedhaniis isaan faana buʼaniiru. Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa kakuu ani abbootii isaanii wajjin kakadhe sana cabsaniiru.
他们转去效法他们的先祖,不肯听我的话,犯罪作孽,又随从别神,事奉它。以色列家和犹大家背了我与他们列祖所立的约。”
11 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani balaa jarri jalaa baʼuu hin dandeenye tokko isaanitti nan fida. Yoo isaan natti iyyatan iyyuu ani isaan hin dhagaʼu.
所以耶和华如此说:“我必使灾祸临到他们,是他们不能逃脱的。他们必向我哀求,我却不听。
12 Magaalaawwan Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem dhaqanii waaqota duraan ixaana aarsaniif sanatti iyyatan; waaqonni sun garuu yeroo rakkinni isaanitti dhufutti isaan gargaaruu hin dandaʼan.
那时,犹大城邑的人和耶路撒冷的居民要去哀求他们烧香所供奉的神;只是遭难的时候,这些神毫不拯救他们。
13 Yaa Yihuudaa ati akkuma magaalaawwan baayʼee qabdu sana waaqota baayʼee qabda; iddoowwan aarsaa kanneen isin Baʼaal waaqa qaanessaa sanaaf qopheessitanis akkuma daandiiwwan Yerusaalem baayʼatan.’
犹大啊,你神的数目与你城的数目相等;你为那可耻的巴力所筑烧香的坛也与耶路撒冷街道的数目相等。
14 “Sababii ani yeroo isaan rakkina isaanii keessatti na waammatanitti isaan hin dhageenyeef ati saba kanaaf hin kadhatin; waammata yookaan iyyata tokko illee hin dhiʼeessiniif.
“所以你不要为这百姓祈祷,不要为他们呼求祷告;因为他们遭难向我哀求的时候,我必不应允。
15 “Michuun koo namoota hedduu wajjin hojii hamaa hojjechaa mana qulqullummaa koo keessaa maal qabdi? Foon qulqulleeffamee addaan baafame adabbii kee sirraa deebisuu ni dandaʼaa? Gaafa waan hamaa hojjettu, ati ni gammaddaatii.”
我所亲爱的,既行许多淫乱,圣肉也离了你,你在我殿中做什么呢?你作恶就喜乐。
16 Waaqayyo duraan, Muka ejersaa lalisaa miidhagaa ija qabu siin jedhee ture. Amma garuu huursaa bubbee jabaatiin ibidda itti qabsiisa; dameewwan isaas ni caccabsamu.
从前耶和华给你起名叫青橄榄树,又华美又结好果子;如今他用哄嚷之声,点火在其上,枝子也被折断。
17 Sababii manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa waan hamaa hojjetanii, Baʼaaliif ixaana aarsuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniif Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu inni si dhaabe sun badiisa sitti labseera.
原来栽培你的万军之耶和华已经说,要降祸攻击你,是因以色列家和犹大家行恶,向巴力烧香,惹我发怒,是自作自受。”
18 Sababii Waaqayyo mala isaanii naaf ibseef ani waan sana nan beeke; inni yeroo sanatti waan isaan hojjechaa jiran natti argisiiseeraatii.
耶和华指示我,我就知道; 你将他们所行的给我指明。
19 Anis akkuma xobbaallaa hoolaa isa garraamii kan gara qalmaatti oofamu tokkoon ture; ani akka isaan, “Kottaa muka sanaa fi ija isaa haa barbadeessinuu; akka maqaan isaa siʼachi hin yaadatamneef, kottaa biyya jiraattotaa keessaa isa balleessinaa” jechuudhaan natti malatan ani hin hubannen ture.
我却像柔顺的羊羔被牵到宰杀之地; 我并不知道他们设计谋害我, 说:我们把树连果子都灭了吧! 将他从活人之地剪除, 使他的名不再被纪念。
20 Garuu yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, kan murtii qajeelaa kennitu, kan garaa fi yaada namaa qortu, ani dhimma koo sitti kennadheeraatii ati akka haaloo isaanitti baatu na argisiisi.
按公义判断、察验人肺腑心肠的万军之耶和华啊, 我却要见你在他们身上报仇, 因我将我的案件向你禀明了。
21 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedhee waaʼee namoota Anaatoot warra, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin raajii hin dubbatin yoo kanaa achii harka keenyatti duuta’ jechuudhaan si ajjeesuu barbaadan sanaa dubbata.
所以,耶和华论到寻索你命的亚拿突人如此说:“他们说:你不要奉耶和华的名说预言,免得你死在我们手中。
22 Kanaafuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani jara nan adaba. Dargaggoonni isaanii goraadeedhaan, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii immoo beelaan ni dhumu.
所以万军之耶和华如此说:看哪,我必刑罚他们;他们的少年人必被刀剑杀死,他们的儿女必因饥荒灭亡,
23 Sababii ani bara isaan itti adabaman keessa namoota Anaatootitti balaa fiduuf isaan hambaa tokko iyyuu hin qabaatan.’”
并且没有余剩的人留给他们;因为在追讨之年,我必使灾祸临到亚拿突人。”

< Ermiyaas 11 >