< Yaaqoob 1 >

1 Yaaqoob garbicha Waaqaatii fi kan Yesuus Kiristoos Gooftichaa irraa, Gara gosoota kudha lamaan bibittinnaaʼaniitti: Nagaan isiniif haa taʼu.
Jacobus, Dei et Domini nostri Jesu Christi servus, duodecim tribubus, quæ sunt in dispersione, salutem.
2 Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka gammachuu guutuutti fudhadhaa;
Omne gaudium existimate fratres mei, cum in tentationes varias incideritis:
3 amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii.
scientes quod probatio fidei vestræ patientiam operatur.
4 Akka isin bilchaatoo fi guutuu, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu.
Patientia autem opus perfectum habet: ut sitis perfecti et integri in nullo deficientes.
5 Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.
Si quis autem vestrum indiget sapientia, postulet a Deo, qui dat omnibus affluenter, et non improperat: et dabitur ei.
6 Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti.
Postulet autem in fide nihil hæsitans: qui enim hæsitat, similis est fluctui maris, qui a vento movetur et circumfertur:
7 Namni sun waan tokko illee Gooftaa biraa nan argadha jedhee hin eeggatin;
non ergo æstimet homo ille quod accipiat aliquid a Domino.
8 inni nama yaada lamaa ti; iddoo tokkos hin dhaabatu.
Vir duplex animo inconstans est in omnibus viis suis.
9 Obboleessi gad qabame ol qabamuu isaatiin of haa jaju.
Glorietur autem frater humilis in exaltatione sua:
10 Sooressi garuu gad qabamuu isaatti of haa jaju; inni akkuma daraaraa margaa ni harcaʼaatii.
dives autem in humilitate sua, quoniam sicut flos fœni transibit;
11 Aduun hoʼa gubuun baatee marga gogsitiitii; daraaraan biqiltuu sanaas ni harcaʼa; miidhaginni isaas ni bada. Sooressis utuma hojii isaatiif olii gad fiiguu bada.
exortus est enim sol cum ardore, et arefecit fœnum, et flos ejus decidit, et decor vultus ejus deperiit: ita et dives in itineribus suis marcescet.
12 Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.
Beatus vir qui suffert tentationem: quoniam cum probatus fuerit, accipiet coronam vitæ, quam repromisit Deus diligentibus se.
13 Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, “Waaqatu na qoraa jira” hin jedhin. Waaqni hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru;
Nemo cum tentatur, dicat quoniam a Deo tentatur: Deus enim intentator malorum est: ipse autem neminem tentat.
14 tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama.
Unusquisque vero tentatur a concupiscentia sua abstractus, et illectus.
15 Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti.
Deinde concupiscentia cum conceperit, parit peccatum: peccatum vero cum consummatum fuerit, generat mortem.
16 Yaa obboloota koo jaallatamoo, hin dogoggorinaa.
Nolite itaque errare, fratres mei dilectissimi.
17 Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.
Omne datum optimum, et omne donum perfectum desursum est, descendens a Patre luminum, apud quem non est transmutatio, nec vicissitudinis obumbratio.
18 Innis akka nu uumama isaa hundumaaf gosa hangafa taanuuf akkuma fedhii isaatti dubbii dhugaatiin nu dhalche.
Voluntarie enim genuit nos verbo veritatis, ut simus initium aliquod creaturæ ejus.
19 Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;
Scitis, fratres mei dilectissimi. Sit autem omnis homo velox ad audiendum: tardus autem ad loquendum, et tardus ad iram.
20 aariin namaa qajeelummaa Waaqaa hin hojjetuutii.
Ira enim viri justitiam Dei non operatur.
21 Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa.
Propter quod abjicientes omnem immunditiam, et abundantiam malitiæ, in mansuetudine suscipite insitum verbum, quod potest salvare animas vestras.
22 Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
Estote autem factores verbi, et non auditores tantum: fallentes vosmetipsos.
23 Namni dubbicha dhagaʼee hojii irra hin oolchine kam iyyuu nama of-ilaalee keessatti fuula isaa ilaallatu fakkaata;
Quia si quis auditor est verbi, et non factor, hic comparabitur viro consideranti vultum nativitatis suæ in speculo:
24 innis erga of ilaalee booddee ni deema; yommusuma maal akka fakkaatu ni irraanfata.
consideravit enim se, et abiit, et statim oblitus est qualis fuerit.
25 Garuu namni seera bilisaa kan hirʼina hin qabne sana hubatee ilaalu, kan akka seera sanaattis jiraatu, kan waan dhagaʼes hojii irra oolchuu malee hin irraanfanne sun waan hojjetu keessatti ni eebbifama.
Qui autem perspexerit in legem perfectam libertatis, et permanserit in ea, non auditor obliviosus factus, sed factor operis: hic beatus in facto suo erit.
26 Namni waan amantaa qabu of seʼu, kan garuu arraba isaa hin luugamanne yoo jiraate inni of gowwoomsa; amantaan isaas faayidaa hin qabu.
Si quis autem putat se religiosum esse, non refrenans linguam suam, sed seducens cor suum, hujus vana est religio.
27 Amantaan Waaqa Abbaa keenya duratti qulqulluu taʼee fi kan mudaa hin qabne isa kana: kunis ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi haadhota hiyyeessaa rakkina isaanii keessatti kunuunsuu fi xuraaʼummaa addunyaa irraa of eeggachuu dha.
Religio munda et immaculata apud Deum et Patrem, hæc est: visitare pupillos et viduas in tribulatione eorum, et immaculatum se custodire ab hoc sæculo.

< Yaaqoob 1 >